Mucaa xiqqoon rifeensa ishee dhaabbata tola- oltummaaf arjoomuuf waggoota jahaaf eeggatte

Pooppii lii-Barrowees mucayyoo xiqqoo umuriin ishee waggaa 11 yoo taatu, namoota rakkina fayyaa qaban gargaruuf jecha waggoota jaha guutuuf rifeensa ishee guddifachaa turte.

Pooppiin wayita umuriishe waggaa shanii ta'u irraa kaaftee ture kan rifeensashee dhaabbata tol-oltummaa Little Princess Trust jedhamuf arjoomuuf kakaate.

Dhaabbani tola oltummaa biyyaa Ingiliziitti argamu kunis daa’imman sababii wallaansa kaansarii fi dhukkuboota gara biraatiin rifeensa isaanii dhabaniif bilisaan rifeensa ykn wiigii umamaa (human hair) kenna.

Pooppiin Ingiliizi-Weelsi keessaa bakka Aberdare jedhamuutti dhalattee guddatte.

''Rifeensa kiyya kanan arjoomuuf sababii ijoolleen kaansarii dhukkubsatan riifeensiisaanii irraa harca'uuf akka itti wiigiitti tolchuufiin akka itti fayyadaman barbaadeen,'' jetti Pooppiin.

Haatii ishee Jeesikaa Lii-Buruuwwonsi akka jettuutti, Pooppiin hirriyyoonniifi maatiin hirriyoota ishee rifeensa isaanii muranii dhaabbata tola ooltummaaf akka kennan kan dhaggeessee waggaa shaniin dura ture jetti.

Achumaan isheenis rifeensa ishee arjoomuu yoo dandeessee nu gaaffattee, yoo gaafannu garuu sababii umama rifeensa isheetiin Pooppiin kan yaaddee akka hin taane barre.

Kunis rifeensi Pooppii laafaa ykn qaqllaa waan ta'eef, qaamooleen rifensa man-tolche (Wiigii) oomishan kan ishee akkuma salphaatti cicituu danda'a jechuun itti himan jetti haati Pooppii.

Haata'u malee 2021 keessa rifeensa akka Pooppii fa'iin wiigii hojjachu akka eegalan dhaggeenye, kunis nuuf oduu gammachisaa ture jetti Aaddee Jaasikaan.

Hiriyaan kiyya tokko waa'ee isaa ilaalchisuun bareeffama waan nuuf ergiteef, nuttis Pooppiidhaa: ''Kan gochuu raawwattu kanaa? Achiin isheenis baayyee gammaddee'' jechuun gaafannee jetti haatishee wayita haala adeemsa keessa darban ibsitu.

Hogganaa Olaanaan dhaabbata 'Little Princess Trust' kan ta'an Filiippi Biresi, rifeensii lallaafaan akka Pooppii irraa wiigii oomishuuf baayyee haala salphaatti cacabbuu danda'a jedhu.

Kaanaafu mala gara biraa kan wefting method jedhamuutti fayyadamu eegalle kan jedhan hogganaan kun, isas kanneen wiigii hojjatanis mala sana hojiirra oolchuun rifeensa akka Pooppii fa'i akka fudhatan taaifamu himu.

Gosa rifeensaa isa kan reefeensa umama irra hojjatamu (human hair) tokko hojjachuuf sa'atii 30-60 kan itti fudhatu yoo ta'u, yeroo tokkoo tokkoos rifeensa kana hojjachuuf rifeensa namoota 12 hanga 14tu barbaachisa.

Dhaabbanni "Little Princess Trust" jedhamu kunis rifeensa lammiilee Awurooppaa rifeensa xiqqoo jajabaatu qaban irraa wiigii oomishuu eegale.

Haata'u malee sababii umama rifeensi isaanii akka salphaatti cacabuuf jecha, warra gurraachootaa fi warra adiidhaan wal makaa ta'an irraa rifeensa fudhachuu xiqqeessanii turan.

Abjuu dhugoome

Dhumarrattis, bara 2021 keessa mala haaraa hojiirra oolfameen Pooppiin akka abjuun ishee galmaan gahuuf ishee dandeessise.

''Amma baayyee gammadeera. Sammuun kiyyalleen naaf boqate. Haalli kunis namooti birootilleen maallaqaafi rifeensa isaanii akka arjoomaniif ni kakaasa jedheen amana,'' jetti Poopiin.

"Waanan raawwadheetti baayyeen boona. Riifeensa arjoomuun baayyee barbaachisaadha. Ijoollee sababii dhukkuba kaansariitiin rifensa isaanii dhabanis akka kiyyaatti gammadu jedheen yaada,'' jetti Pooppiin.

Haatii Pooppii ammoo ''Rifeensi keenya mallattoo eenyummaa keenyaa jedheen amana,'' jette.

Hogganaa Olaanaan dhaabbata 'Little Princess Trust' kan ta'an Filiippi Biresi, ijoolleen akka Pooppii baayyee jiraachusaanii, kan nama jajjabbeessuufi gammachiisuudha jedhan. Kunis daa'imman sababii dhukkuba kaansariitiin riifeensa isaanii dhabaniif wiigii hojjachuuf baayyee akka isaan gargaaru himu.

Haati Pooppii Aaddee Beekiir Lii-Baaroos gaa ishaanitiin, ''ijoolleen kaansariin qabamuun jireenya ulfaataa dabrsaa jiran rifeensa sirrii ta'e argachuun kennaa olaanaadha,'' jetti.

Haata'u malee gochaan rifeensa arjoomuu Pooppii kunis kan dhumaa miti. Gara fuula duraattis rifeensa ishee guddifattee arjoomuu barbaaddi. ''Riifeensa kiyya haalaan kunuunsee erga naaf guddateen booda ammas irra deebii'ee kennun barbada,'' jetti.