Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gamtaan Afrikaa gaggeessaa duraanii Taanzaaniyaa Juuliyes Nyereeref Finfinneetti siidaa dhaabe
Gaggeessaa duraanii Taanzaaniyaa kan ture Juuliyees Nyereereef Gamtaan Afrikaa Finfinneetti siidaa yaadannoo dhaabef.
Juuliyees Nyereeree Taanzaaniyaa gita bittaa jalaa baasuun bara 1961 hanga 1985tti gaggeessee ture.
Maqaa masoo Mwalimu jedhamuun kan beekame Nyereeren, ilaalcha Paan Afrikaa cimsee kan hordofuufi hidhattoota bittaa warra adii jalaa biyyasaaniif qabsaa'an simataas ture.
Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa kan amma Gamtaa Afrikaa jedhame bu'uuressuu keessatti warra gahee guddaa bahatan keessaa tokkoodha.
Siidaa yaadannoo Juuliyees Nyerereef Finfinneetti hojjatame yeroo eebbifamu gaggeessitonni biyyoota Afrikaafi dursaan Komishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faaqii, kora dureewwan biyyoota Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuf dhufan, irratti argamaniiru.
Dhaabbanni Tokkummaa Afrikaa (OAU) bara 1963 yeroo hundaa'u Juuliyees Nyereeree, "Ardiin keenya tokko, nuti martuu Afrikaadha" jedhee akka ture yaadachiisan Musaa Faaqii haasaa sirna eebba siidaa kanaarratti taasisaniin.
Juuliyees Nyereeree bara 1961tti ministeera muummee Taanzaaniyaa, kan yeroo sana Tangaanyikaa jedhamtuu, ta'e.
Biyya gita bittaa jalaa walaba taate bifa haaraan hundeessuf itti gaafatamummaan itti kenname. Biyyattii keessa Araboota, warra Awurooppaafi Eshiyaa dabalatee saboota 120 ta'antu ture.
Afaan Swaahiilii afaan waloo biyyattii akka ta'u gochuun biyya saboonni dhibbaa ol keessa jiraatan walitti fiduu danda'eera.
Bara 1964tti Tangaanyikaan oddoola Zaanzibar wajjin walitti dabalamuun biyyi Tanzaaniyaa amma jirtu kun hundoofte.
Tanzaaniyaan sirna paartii hedduu caalaa paartii qeenxen yoo bulte tasgabbii horatti jechuun paartileen hedduu akka hin jiraanne godheera.
Tanzaaniyaan deeggarsa alaa kennamuun osoo hin taane of-dandeessee akka jiraattu gochuuf heddu dhama'aa ture. Haa ta'u garuu, bara 1985 Nyereeren aangorraa bu'uu hordofee Tanzaaniyaan harka alaa ilaaluu hin dhiifne.
Keessumaa sirna fayyaa jijjiiruufi barnoota babal'isuun hojiin inni hojjate seenaa biyyattii akka jiijjiretu himama.
Gumaata inni Tanzaaniyaaf godheen, maqaan buufata xiyyaara idiladdunyaa biyyattii, daandiwwan, isteediyeemifi wantoonni heddu Tanzaaniyaatti maqaa Juuliyees Nyereeree Nyambaraaretiin moggaafamaniiru.
Bara 1970oota keessa sirni bittaa warra adii kibba Afrikaa biyyoota akka Zimbaabuwee, Afrikaa Kibbaa fa'aatti xumura akka argatuuf biyyoota lixaatti deddeebi'ee dhibbaa kan godhe yoo ta'u qansoo hidhannoo biyyoota akka Zimbaabuweefi Afrikaa Kibbaas deeggaraa ture.
Pirezidaantin Tanzaaniyaa Saamihaa Suluhuu Hasan eebba siidaa Juuliyees Nyereeree irratti argamuun: "Beekamtii argachuu, fayidaa dhuunfaa ykn waa'ee biyyasaarra inni Afrikaaf dursa kenna ture," jedhan.
Juuliyees Nyereeree bara 1999 umurii 99tti du'aan boqote. Tanzaaniyaa keessatti guyyaan du'a isaa, Onkoloolessi 14, kalaandarii cufaa ta'ee oolun kabajama.