Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni heddu Kanaadaa lafa jireenyaaf mijattuu jedhanii maaliif filatu?
Lammiilee Itoophiyaa dabalatee lammiilen biyyoota Afrikaa heddu biyyoota lixaa keessaa lafa jireenyaf mijattuu jedhanii filatan keessaa Kanaadan tokko.
Waggoota dhiyoo as ammoo biyya mijattuu jedhamuun namoonni heddu garas imalaa jiru.
Lammiilee biyyoota Afrikaafi ardii biraatif hojii bal'aa kan bante Kanaadan hayyama jireenyaallee argachuuf salphaa akka ta'etu himama.
Kanaadan poolisii baqattummaa banaa ta'e waan fayyadamtuuf lammiilen biyyoota garaa garaa daldalaaf dabalatee garisitti imalu. Itoophiyaafi biyyoota Afrikaa kaan qofaaf osoo hin taane, ulaagadhuma biyyoota lixaa kaaninuu Kanaadan biyya jireenyaf filatamoo ta'an keessatti ramadamti.
Qaama gaazexaa Ikonomistii kan ta'eefi qorannoo kan gaggeessuun sadarkaa kan kaa'u Inteligensi Yuunit akka ibsetti magaalota 10 addunyaarratti jireenyaf mijatoo ta'an keessaa sadi magaalota Kanaadati.
Dhaabbatichi akka ulaagatti kan fayyadame tasgabbii, sirna fayyaa, aadafi naannoo, barnootafi bu'uraalee misoomaa fa'i.
Magaalonni Kanaadaa magaalota addunyaa 10 jireenyaf mijatoo ta'uun filataman sadan: Vaankovar, Kaalgariifi magaala guddoo biyyattii kan taate Toroontodha.
Jiraatan hunduu akka qaama hawaasatti akka of-ilaalu godhamee halli jireenya biyyattii ijaarame.
“Deeggarsi mana baruumsatti godhamu, namoota dulloomaniif gargaarsi godhamu, akkasumas namoota biizinasii xixiqqaa qaban deeggaruuf tattaaffin godhamu kan isaan ittiin beekamaniidha. Lammiilen Kanaadaa fira horachuufi wal-gargaarudhaan beekamu," jedhu jiraataa magaala Vaankovar kan ta'an Jeen Istoolar.
Bu'uurri misoomaa gama geejjibaan jiru gara biraan Kanaadan biyya filatamtuu akka taatu ishee taasisa. Kaanadatti bakkaa bakkatti socho'uuf konkolaataa dhuunfaa qabaachun dirqama miti.
Magaalota keessa akka garaatti deemuf baaburri, baasiwwan akka garaatti sa'aatii kamittuu argamuu danda'u. Samaantan magaalota Kaalgarii, Montiriyaalfi Toroontoo keessa yeroo jiraatanitti hanga ganna 24tti hayyama konkolaachisummaa akka hin baasne himu. Sababni isaa geejjibni sa'aatii barbaadametti akka garaatti argama waan ta'eef.
Magaalonni Kanaadaa addunyaatti akka filataman wantoota godhan keessa kan biraa paarkiwwan bashannanaa babal'aafi miidhagoo ta'an qabaachuusaaniti. Keessumaa magaalonni akka Toroontoo fa'aa naannowwan miidhagoo ta'anitti ijaaramuu qofa osoo hin taane dizaayinii ijaarsa isaanii keessatti qabeenyi uumamaa akka hammatamu ta'eeti kan hojjatamann.
Mee magaalota Kanaadaa sadan addunyaarratti jireenyaf filatamoo ta'an haa ilaallu:
Vaankovar
Fiixee Lixa Kanaadatti kan argamtu magaalli Vaankoovar qabeenya uumamaan badhaatudha. "Gaarreniifi haroowwan Vaankovaritti argaman" jannata lafarraa ishee fakkeessaniiru jedhu lammii Kanaadaa kan ta'an Samaantan.
Keessumaa gaafa roobni roobu Voonkoovar bareedina addaa akka horattu himu waggoota 20 ta'uuf Vaankovar kan jiraatan Samaantan.
Vaakovar namni deemu paarkii Istaanlii kan mukkeen waggaa 700 hanga 800 fa'aa turan fa'aa keessatti argaman osoo hin daawwatin hafuu hin qabu jedhu namni kun.
Akkasuma gaara yaabuu kan barbaadan gaara Giruus koruun miidhagina magaalattii gadi ilaaluu danda'u.
Bakkeewwan uumamaatin alatti magaalattii keessatti ammoo giddu galliwwan aadaafi gosi nyaataa lakkaa'amee hin dhumu.
Buddeena, foon waaddii Itoophiyaa yoo feetan Vaankoovar keessatti akka garaatti argattu.
Kaalgarii
Bulchiinsa Lixa Albaartatti kan argamtu magaalli Kaalgarii guddoo taatos namoonni akka waan mandara tokko keessa jiraatanitti wal-simatu. Keessummaa simachuun beekamti.
Qaala'iinsi jireenyas magaalota kaan waliin yoo wal-bira qabamu gadaanadha. "Kalgarii magaalota kaan irraa kan adda godhu hawaasa irratti kan xiyyeeffatteedha," jetti jiraattuu magalaattiifi barreessituu kan taate Looraa Paap.
Magaalattiin ollummaa kan jajjebeessituufi omishaalen qonnaa bakkeewwan itti gurguraman heddu kan qabdu akka taate himti jiraattun kun.
Kaalgariin manneen nyaataa bebbeekamoo, festivaalota aadaa qopheessudhaanis ni beekamti.
Hundumaa akka amalaafi fedhiisaatti keessummeessiti. Lammiilen biyya garaa garaatii dhufan heddu ormummaan osoo itti hin dhagahamin kan keessa jirataanidhaa.
Kaalgariin magaala saboonni 240 keessa jiraataniifi afaan 165 keessatti dubbatamu ta'uusheen Kanaadaa keessaa sadarkaa sadaffaarratti argamti.
Toroontoo
Magaala guddoo Kanaadaa kan taate Toroonton baay'ina uummataan tokkoffaadha. Magaalattii keessatti paarkiwwan 1500 ta'an ijaarun jiraattonni magaalattii manaa bahanii akka garaasaanitti qilleensa qulqulluu akka argatan gootetti.
Toroontotti yoo fetan baaburaan, baasidhaan, biskileetin ykn miilan yoo deemtan sa'aatii kamittuu nageenya keessaniif waan itti yaaddoftan hin qabdan.
Magaalattiin gaafuma hundooftu bu'uuraalee misoomaa giddu galeessa godhattee waan taatef, magaala jireenyaf mijattuu akka taatu ishee taasiseera.
Keessumaa qorra Kanaadaa yeroo gannaaf iddoo itti baqatan daandin lafoo lafa jalatti ijaaramee jira.
"Yeroo qorratti "biirodhaa hanga buufata xayyaaratti ykn buufata baaburaatti, akkasumas buufataalee fayyaa osoo hin hafin wayyaa yeroo gannaa uffatamu osoo na hin barbaachisin akka natti toletti deddeebi'uu nan danda'a," jiraatan magaalattii Hoong Anhii.
Toroonton magaala namoonni bakkee garaa garaa irraa dhufan keessa jiraataniidha. Jiraattota magaalattii keessaa %51 kan ta'an Kanaadadhaan alatti kan dhalataniidha.
Akkasumas magaala afaanonni heddu keessatti dubbatamaniidha. Niwu Yoorkifi Silkan Vaaliitti aanun Kaaba Ameerikaatti Toroonton magaala giddu gala teeknolojii taatedha.