Kanaadaatti kanniisonni miiliyoona shan ta'an konkolaataarraa kufuun burjaajii uuman

Kanaadaatti kanniisonni konkolaataa fe'umsaatti fe'amanii turan miiliyoona shan ta'an erga irraa kufanii booda namoonni kanniisa horsiisan gurmaa'uun hojii lubbuu baraaruu hojjechaa jiru.

Namni horsiisa kanniisaan beekamu Maayikil Baarbar poolisiin erga bilbileefii booda iddoo kanniisonni itti kufanitti argame.

Kanniisonni miiliyoona shan kunneen gaagura keessatti galfamanii konkolaataa fe'umsaan osoo imalaa jiranii haadi gaagura hidhee ture laafuun lafatti kufan.

Kanniisonni erga konkolaataa fe'umsaa kanarraa kufanii yeroo gabaabaa keessatti naannawa sana weeraran jedha horsiisaan kanniisaa kun.

''Kanniisota hedduu turan. Gaagura keessaa waan alatti ba'aniif rifatanii dheekkamaniiru,'' jedhe.

Wayita taateen kun mudatetti konkolaachistoonni naannawa sana turan akka foddaasaanii cufan fi namoonni naannawa sanarraa akka fagaatan ajaji darbeera.

Kanaadaa magaalaa Ontaariyoo iddoo Burliingitan jedhamutti jeequmsa kanniisaa mudate kana waggoota 11 hojii horsiisa kanniisaa keessa ture keessatti argee akka hin beekne hime Maayikil.

''Kanaan booda taateen akkasii mudachuu hin qabu,'' jedhe.

Iddoo horsiisa kanniisaa 'Tiraay Siitii' jedhamu kan qabu Maayikil poolisiin erga taateen kun mudachuu itti himee booda battaluma bakka sanatti argame.

Ergasiis horsiistonni kanniisaa kaan bilbilameefii bakka sanatti argamaniiru.

Poolisiin namoota kanniisa horsiisanii fi qabaa kanniisaa beekaniif bilbiluun alatti miidiyaa hawaasummaarratti tumsa gaafachuun barreesseera.

Maayikil akka jedhutti kanniisonni kunneen erga gaagurri isaan keessa turan konkolaataarra kufee keessaa yaa'anii hanga fageenya meetira 400 irratti bittinnaa'aniiru.

Konkolaattota naannoo sana turanii fi da'ooma argatan hundatti galaa turan jedhe.

''Konniisonni kumaatamaan lakkaa'aman konkolaataa kiyyatti duudanii turan,'' jedha horsiisaan kanniisaa kun.

Sa'aatii dheeraa booda kanniisota kunneen gaaguratti deebisuun danda'ameera.

Kanniisonni kumaatamaan lakkaa'aman balaa kanaan dhumaniiru.

Kanniisonni kunneen namoota hedduu hiddaniiru, konkolaachisaan kanniisota kunneen fe'ee ture yeroo 100 hiddamuu hime.

Ta'us hakiimonni bakkicha waan turaniif wal'aananiiru.

Namoonni kanniisa horsiisanii fi amala kanniisotaa beekan kunneen kanniisota bakkee keessatti bittinnaa'an gaaguratti deebisuun balaa mudachuu mala hambisaniiru.