Imaanu'eel Maakiroonii fi haati warraa isaanii dubartii US beekamtuu maqa balleessiin himatan

Birijiit fi Imaanu'eel Maakroon jalqaba baatii kanaa sagantaa ummataa Landanitti qophaa'e irratti taa'anii gara waliitti hirkatanii suuraa ka'aniiru

Madda suuraa, EPA

Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakiroonii fi haati warraa isaanii Biriijit himata maqa balleessii dubartii lammii Ameerikaa dhiibbaa uumuun beekamtu irratti banan.

Kandees Oowensi jedhamti. Haati warraa pirezidaanti Maakiroon, Biriijit yeroo dhalatte saalli ishee dhiira turte jechuun irra deddeebiin dubbatteetti.

Himanni ifatti dubartii kana irratti kan baname Ameerikaa Isteetii Deelaaweer jedhamu keessatti guyyaa Roobii kaleessaati.

Kandees Oowensi ''maqa balleessii, soba asoosama fakkaatu uumuun tamsaasaa jirt.''

Oowensi poodkasti ishee baay'ee jaalatamaa fi miiidyaalee hawwaasaa fayyadamtu kaan irratti irra deddeebiin haati warraa Maakiroon dhiira taatee dhalatte jette.

Bitootessa 2024 ''kabajaa ogummaa ishee guutuu'' qabsiiftee akka dubbattetti, ''dhugumatti Aadde Biriijit dhiira'' jette.

Sagantaa ishee Roobii gadhiiste irratti illee ejjennoo isheen akka itti fuftu himte.

Erga himanni irratti banamees yaada ishee yoo jijjiirte jedhamee eegamnaan lakki, ''kun bar homaa miidhaa hin qabu'' jette.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Oowensi Giifti Dureen Faransaay, Biriijit si himachuufi yoo jedhamtu, ''waanuma beekamudha, Istiraateejii hariiroo uummataa itti tolfattudha,'' jette.

Oowensi shira maqa balleessii kana waggootaaf tamsaasaa turte jedhamte. Haati warraa Maakiroon kun yeroo dhalatte dhiira turte. maqaan jalqaba kennameefii Jiin Mikaa'el Tiroogneeksi jedhamudha jette.

Maqaan kun amma kan obboleessa isheeti. Dubartiin kun X [Tiwiiterii] irratti hordoftoota miliyoona torba qabdi.

Jalqaba bara kanaatti viidiyoo wlaitti fufaa tahe kutaa kutaan qooddee mata duree ''Akkatti Biriijit tahan'' ykn ''Becoming Brigitte'' jedhu gadhiisaa turte.

Imaanu'eel maakiroon ibsa karaa abukaattota isaa baaseen Oowensi yaada ishee kana akka kaastuu fi jijjiirtu irra deddeebiin gaafanneerra jedhan.

''Waan tahuu dideef carraan tokko jiru mana murtiitti dhiyeessuu qofadha,'' jedhan.

"Duulli maqa balleessii Oowensi nurratti bante nuyii fi maatii keenya irratti miidhaa geessisuufi gaddisiisuuf kan yaadamedha. Kun ammoo xiyyeeffannoo uummataa argachuufi,'' jedhan ibsa baasan keessatti.

''Waan kana irraa akka deebituuf carraa jiru hundaa kennineerraafii. Garuu fudhachuu didde.''

Himati irratti baname Oowensi ''waan isheen dubbachaa jirtu kan faallessuu fi dhugaa akka hn taane ragaalee jiran fudhachuu diduun shira maqa balleessiitti cichite'' jedhe.

Dabalataan maqa balleessichi as irratti dhaabbanne. Imaanu'eel Maakiroonii fi haati warraa isaa Biriijit fira dhiigaati jette. Dabalataan Maakiroon kan aangoo qabate hojii CIA hojjeteeni jette.

Oowensi osoo bara 2024 poodkastii dhuunfaa ishee hin jalqabiin dura dhaabbilee sirnaa fi duudhaa ganamaa leellisaniif hojjechaa turte.

Garee barattootaa 'Turning Poin' jedhuu fi miidiyaa 'Daily Wire' jedhuuf hojjechaa turteetti.

Kandees Oowensi meeshaa waa ittiin dhugan qabattee gara Kaameeraatti ilaalaa yeroo dubbattu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Owens has worked for a number of conservative media outlets and organisations

Akkasumas hamiiwwanii fi shira talaallii 'Covid' Duguuggaa sanyii Israa'el irratti raawwatee fi ji'a irra qubachuu duuba jirus dubbataa turte.

Himanni amma irratti baname kaampaanii ishee Deelaaweer jirus maqaa dhaheera. Maqa balleessii kana irraa kan ka'e miidhaa maatii kana irra gaheef akka beenyaa kaffaltsu gaafata himatichi.

Akka seeraa Ameerikaatti Maakiroon ''maqa balleessii irra gahe'' mirkaneessuu qaba.

Kana jechuun himatamtuun odeeffannichi soba tahuu osooma beektuu tamsaaasteetti ykn maxxansiteetti kan jedhu mirkaneessuu qaba.

Fulbaana darbe manni murtii Faransaay dubartoota lama waa'ee Biriijit odeeffannoo sobaa tamsaasuun himatee balleessaa itti mure.

Haa tahu malee, murteen sun ol iyyata fudhatamee kufeera.

Ooweensi lammii Ameerikaa fi Biriiten kan tahee fi abbaa qabeenyaa tahe Joorji Faarmeritti heerumte.

Abbaan warraa ishee kun ilma Baaron Mikaa'el Faarmeridha. Kana dura paartii konservaatiizii UK keessa hojjechaa ture.