'Utaaletuma naqabate, dhiiga nadhuguuf narra gadi taa'e'- Haadha Harargee qeerransi halkan itti seene

Qeeramsa harargeetti mana maatiitti seenee ajjeefame, Waxabajji 24, 2025

Madda suuraa, Bushira Ali

Aaadde Maaliyaa Aadam Godina Harargee Lixaa aanaa Shanan Dhuugoo Ganda Abbaa Najaat keessa Jiraatu.

Kibxata Adooleessaa 22, 2025 Galgala biyyi nagaadha jedhanii ijoollee isaanii lama waliin ulaa cufatanii rafan. Lafa barii jalaa naannoo sa'aatii kudha tokkoof cinaatti garuu waan isaan hin eegnee tokko mana isaanii seene.

Qeerransi bakkuma isaan rafanii jiranitti ulaa xiqqoo kan sareen ittiin ol seentuun tokkoon jalumaan loo'ee manatti itti ol seene.

"Halkan sa'aatii 11:30tti nutti seene. Sareen dutaa waan turteef ani waraabessatu ol-seenee se'een 'hin badduu bada harree' jedheen arrabse. Qeerransis utaaletuma na qabate. Darbee dhiiga na dhuguudhaaf narra gadi taa'e" jechuun haala ture BBCtti himan Aaddee Maaliyaan.

Yeroo kana daa'imni xiqqaan isaan waliin rafee jiru waan ta'e kanatti rifachuudhaan akka iyye yaadatu.

"Ummaan tiyya duute jedhee daa'imni na cinaa rafee ture lafaa utaalee iyye. Yeroo kana mucaan kiyya kan biraa kan diinqa rafee jiruu fi umuriinsaa waggaa 14 ta'e iyya dhagahee nutti dhufe" jedhan Aaddee Maaliyaan.

Mucaan isaanii iyya dhagahee dhufe qeerransa ta'uu yeroo baru uleedhaan qeerransicha rukutuu jalqabe.

"Madabiidhuma irratti lafaan nadhahee morma na barbaada. Jalaan gadi ciisa. Yeroo mucaan kiyya ulee qabatee nutti dhufu ani gaggabee of wallaaleyyuu. Bakka miilaan narra ejjete ammayyuu na dhukkuba" jedhan haatii tun.

"Mucaan kiyya kun uleedhaan halaalumatti qeerransa kana rukuta. Qabachuu hin dandeenye yeroo itti utaalu halaalumatti ofirraa rukute. Kanuma keessa yeroo deddeebisee rukutu keessa funyaan dhoofnaan qeerransi kufe" jechuun attamiin akka mucaan isaanii maatii oolche dubbatan.

Mucaa xiqqaa haadha bira rafee ture kan qeerransichi harkaa fi qamasaa bakka adda addaarraan miidhaa irraan gahee amma mana yaalaatti yaalii argachaa jiraachuus himu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Isaanis lafatti kuffisee dhidhiituurraa qaamni isaanii amma dhukkubbii akka qabu himu Aadde Maaliyaan.

Harmeen kun ''Waaqumatu lubbuu nu oolche'' jechuun haala taatee sanirraa itti hafan dubbatu.

"Mucaanuu xiqqaadha waan nama qeerransa ajjeesu hin geenye. Waaqumatu lubbuu keenya oolche. Silaa ganamuma reeffa keenyatu argama tureyyu" jechuun haala ajaa'ibaa ittiin balaa qeerransaa kanarraa itti oolan himu.

Erga qeerransa kana mana isaaniitti ofirratti ajjeesanii booda ollaan hundi yaa'ee ''Baga irraa haftan'' jechaanii akka jiranii fi qeerransa ajjeefame daawwachaa gootummaa mucaa isaanis leellisaa jiraachu dubbatan haatii tun.

Guddina qeerransa kanaa yeroo ibsanis ''Horii gahaa bari sangaa horii gaha'' jedhu.

Naannoo isaanii bosonni jiraachuu baatulleen mukkeen gurguddaan qeerransi irra jiraatu jiraachuu himu. Sababa kanaanis qeeransi yeroo adda addaatti miidhaa akka geessisu dabalanii dubbatu Aaddee Maaliyaan.

"Gara nuu gadii kanatti tibbuma kana nama sadii kaan mataasaaniirr kaan immoo ilkee fi gurra walitti baasee miidhaa irran gaheera.''

Kana malee, ''horii uummataa fixeera. Uummanni kanaaf gammadee guyyaa guutuu magaalli hin hafne asumatti yaa'ee daawwataa oole" jechuun kanaan durasa naannoo isaaniitti bineensi kun namootaa fi horii irraan miidhaa qaqabsiisaa akka ture himu.