Harargetti waraabessi lubbuu namaa tokko dabarsuun, namoota 4 madeesse

Madda suuraa, Getty Images
Godina Hararge Bahaa Aanaa Gursumitti guyyoota muraasa darban keessatti waraabessi daa'ima tokko nyaatee namoota afur biroo madeesse.
Namoota miidhaman keessaa tokko Waxabajjii 18, 2023 halkaan naannoo sa'aatii afuriitti waraabeessi miidhaa irraan gahee hospitaala Gursumitti yaalamaa jiru.
Aadde Faaxumaa Yuusuuf maanguddoo umriin ganna 60 keessa jiran yoo ta'an, waraabessi fuula ciniiinee hospitaala Gursumitti wal'aanamaa jiru.
Bineensi galgala sa'aati tokkotti saree ariyataa manatti ol seene akkatti isaanii fi daa'ima ganna lamaa dabalatee walumatti namoota sadii miidhe BBC'tti himan.
''Daa'ima cinine, anaas nan cininee. Nan iyye, Nama birmaate dhufelle ni ciniine,'' jedhu.
''Araddaa itti aanutti waraabessi nama nyaate, kan waraabessa irraa darbanis jira,'' jedha ilmisaanii Mohaammad Abdiin haadha wal'aansisaa jiru.
Taateen kun akkamitti mudate?
Waraabeessi saree ariyataa erga ol seenee booda balballi cufamuu hordofee bineensi daa'ima qabate.
Haati daa'ima irraa buusisuuf wayita yaaltu ammoo bineensi daa'ima gadhiise haadha ciniine.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Nama buusisuuf yaale harka ciniine sadanuu haala fooyyeerra jiraachuu Hojii Gaggeessaan hospitaala Gursum Obbo Abdullaziiz Kadiir himan.
Obbo Abdullaziiz Kadiir aanicha keessaa araddalee garaa garaa lama keessatti waraabessii namoota shan irratti miidhaa qaqqabsiisu himan.
Obbo Abdullaziiz kanaan durallee waraabessi naannichatti nama nyaachuu hawaasa naannoorra dhagahanii akka beekan dubbatan.
Kaleessa halkanillee irra deebiin waraabeessi araddaa Daayiferas jedhamu keessaatti namarraan miidhaa gahuu Ittigaafatamaan Waajira Kominikeeshinii Aanaa Gursum Obbo Aadam Abiraahim himaniiru.
Obbo Aadam lakkoofsi bineensa kanaa yeroo dhiyoon heddummachuu kaase.
''Bineensi kun wal horee baayyachaa jira, akkuma hoolotaatti yaa'a,'' jedhe Obbo Aadam.
Waraabeessi tibbana si'a jalqabaaf ALI Waxabajjii 5, 2015 haadha fi daa'imarra araddaa Daayiferas jedhamutti miidhaa qaqqabsiise.
Ittaansuun Waxabajjii 9, 2015 galgala naannoo sa'aatii 3tti haati daa'ima fincaaniif fudhattee manaa gara alaatti gadi baate booda daa'ima ganna sadii jalaa fudhatee nyaate.
Obbo Abdullaziiz gama isaaniitiin sababa bineensi gaara keessaa bahee dhala namaa miidhutti ce'eef sirnaan akka hin beekne kaasan.
Magaalaa Hararitti waraabeessii iddoowwan baayyeetti sodaatamu akkuma beeylada manaatti namatti madaqee jiraata.
Magaalaa aanaa Gursum, Funyaan-biraatti akka Harariti garamalees namatti dhiyaachuu yoo baates halkanii -guyyaa ni jira jedha.
Bineensi kun guyyaa gaara keessa oola, halkan nyaata barbaacha magaalicha seena jedhu jiraattoonni.
Galgala otoo nama hin miidhiin waraabeessi nama bira darbaa ture, ijjoolleen waraabessa bira darbaniitu warraaf ergaa dhaqu ture.
Galgala naannoo sa'aatii 11tti magaalaa keessa yoo seenellee jiraattotarraan miidhaa akka hin geenye jiraattoonni kan himan.
Amma garuu biineensi kun deddeebi'ee miidhaa namootarraan gahuu malaa jedhanii yaaddoo qabaachuu Hojii Gaggeessaan hospitaala Gursum Obbo Abdullaziiz Kadiir himaniiru.












