Maakiroon ummata duratti haadha warraan darbatamuu 'qoosaaf' malee lola miti jedhe
Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakiroon daawwannaatiif buufata xiyyaaraa magaalaa guddoo Veetinaam Hanoyi yeroo gahanitti xiyyaararraa wayita bu'uuf jedhanitti wanti ta'e ijoo dubbii addunyaa ta'eera.
Karri xiyyaaraa banamee pirezidaantichi fuulaa fuulatti wayita argamanitti harki tokko bifa lola fakkaatuun fuula isaanii humnaan yeroo darbatu mul'ateera. Yeroo kanatti pirezidaantichi akka waan tokkollee hin mudanneetti harka ol kaasanii nagaa gaafachuun haadha warraa isaanii of cinaatti harka qabatanii xiyyaararraa bu'aniiru.
Dilbata galgala xiyyaara pirezidant Maakiroon keessaa keessaa haati warraa iisaanii fuullishee osoo hin mul'atiin karra xiyyaarichaa cinaarraan harkasheetiin fuula Maakiroon humnaan yeroo 'akka dhaanuu' wayii fakkaatuun darbattu mul'ateera.
Viidiyoon kana agarsiisu erga gadhiifamee ammoo isaan lamaan gidduu wal dhabdeen akka jiru himamaa jira.
Pirezidant Maakiroon waan isaan mudateef jalqabarra kan rifatan fakkaatus, battalumatti garuu akka wanti tokkollee hin uumamnee fakkeessuun aanga'oota Veetinaam isaan simachuuf xiyyaara diidaan isa eegaa jiraniifi ogeessota kaameraatti harka ol kaasuun nagaa gaafatanii ture.
Haata'u malee, viidiyoon kun erga gadhiifameen booda pirezidant Maakiroon haadha warraa isaaniitiin addabaabaayii/ummata duratti yeroo darbataman [dhaanaman] tasa mul'achuu isaa eeruun, dhirsaafi niitii kana gidduutti rakkoon jabduun dhalachuun hin oolle kan jedhu dhaga'ameera.
Sabaa-himaaleen Faransaay, madden Waajira Pirezidantii waabeffachuun akka gabaasanitti, wanti ta'e pirezidantichaafi haadha warraasaa gidduutti walitti qoosuu ykn tapha ture. Pirezidant Maakiroonis wal dhabdee kan jedhu waakkachuun tapha maatii akka ta'e dubbataniiru.












