Magaala Shaggaritti namootni daa'ima butanii birrii miliyoona sadii fudhatan akkamiin qabaman?

Himatamtoota murteen irratti darbe

Madda suuraa, Magaalaa Shaggar

Magaala Shaggar kutaa magalaa Furiitti daa'imni ganna sagalii Mohaammad Qaasiim jedhamu Masjiida Salaam jedhamuu bahee fuuluma sana taphachaa ture.

Himatamtoonni lama maqaan isaanii Seefyaddiin Shifaa fi Daani'eel Geetuu jedhaman ammoo karaa qaxxaamuraatiin maallaqa argachuuf kaayyoo qabatan milkeessuuf ija isaanii mucaa xiqqaa kanarra buufatan.

Abbaa Alangaa Magaala Shaggaritti Daayirekatti qoranoo yakkoota dubartootaa fi daa'immanii fi farra namaan daldaluu Aadde Yeshii Bantii BBCtti akka himanitti taateen kuni A.L.I Muddee 5, bara 2017 raawwatame.

Himatamtoonni lamaan kaayyoo nama ugguruu kanaaf konkolaataa kireeffatanii bakkicha gahan. Gurbaa Xiqqaa kanaanis 'Masjiidni eessa akka ta'e nutti agarsiisi' jechuun konkolaataa isaanii keessa erga seensisaniin booda Shaggarii baasanii magaala Finfinnee fudhatanii deeman.

Daa'ima ugguranii fudhatan kanarraas bilbila haadhaa fi abbaa isaa, qabeenya maatiin isaa qaban erga adda baafataniin booda maatiitti bilbiluun 'Birrii miliyoona sadii fiddan malee mucaa keessan ni ajjeesna" ergaa jedhu maatiitti dhaaman.

Himatamtoonni kunneen daa'ima ganna sagalii kana Magaala Finfinnee naannoo 18 jedhamuun beekamutti guyyoota lamaaf hoteela qabatanii dhoksaa turan.

Naannawa Furii kanatti ammaan duras haala kanaan namni butamee maallaqni gaafatame yeroodhaan waan hin kaffalamneef ajjeesanii gatuun dhagahamee waan tureef taateen kuni maatii mucaa biratti rifaatuu guddaa akka uume himu aadde Yeshiin.

"Maatiin mucaa kanaa waan qaban gurguranii kaanis Masjiidatti kadhatanii birrii miliyoona sadii namoota kanaaf ergan" jedhan.

Akkamiin too'ataman?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Shakkamtoonni kunneen maallaqa gaafatan miliyoona sadii kuni qophaa'uu maatii erga isaan beeksisaniin booda callaadhaan qofa akka qopheessan itti himani jedhu.

"Maatiitti bilbilanii akkaawuntii irratti galchuun akka hin danda'amnee fi maallaqa callaadhaan akka qopheessan itti himan. Isaafis Ride kireeffatanii bakka isaan jedhanitti qabanii akka dhaqan itti himan"

"Maallaqa kana miliyoona tokko tokkoon kaartoonitti saamsanii sadansaammoo kuntaalan maranii konkolaataa Ride ergame kanatti kennani" jedhu.

Akka Aadde Yeshiin jedhanitti, Abbaan daa'ima kanaa yeroo maallaqa kana konkolaachisaa ergame kanatti kennan lakkoofsa gabatee konkolaatichaa suura kaafachuun ammoo namoota kana too'achuuf gargaareera.

"Namootni kuni maallaqa kana fudhatanii konkolaatichumaan baankii daldala Itoophiyaa geessanii jennaan maallaqa callaa haganaa isinirraa hin hin fuunu jedhan. Eegasii Baankii dhuunfaa geessanii galchan."

"Mucaa ugguran kanaan ammoo maatiinkee maallaqa gaafanne waan galchaniif gara manaa sigeessina jechuun bakkuma gaafa duraa fuudhan sanatti buusanii deeman" jedhu aadde Yeshiin.

Abbaan miidhamaa kanaa lakkoofsa gabatee qabataniin dhaabbata Ride irraa odeeffannoon konkolaatichaa qoratamee shakkamtoonni lamaan too'atamuus himan.

Manni murtii olaanaa Magaala Shaggaris himata namoota yakka daa'ima ugguruun maallaqa miliyoona sadii fudhatan kana erga ilaaleen booda dhadhacha gaafa 15/9/2017 ooleen himatamaa tokkoffaa hidhaa waggaa 11, himatamaa 2ffaa ammoo hidhaa waggaa 10 adabe.

Shaggaritti gochi kuni babal'achaa jira

Aadde Yeshiin akka jedhanitti, gochi namoota ukkaamsanii maallaqa gaafachuu kuni Magaala Shaggar keessumaa kutaa magaala Furiitti gocha irra deddeebiin raawwatamu ta'aa dhufeera.

"Namootni itti karoorsanii karaa qaxxaamuraatiin maallaqa argachuuf gocha kana raawwatu. Ammaan duras namni sababa birrii kanfaluu dadhabuun ajjeefame jira. Murtii shakkamtoota lamaanii kanaan boodas galmee walfakkaataan dhufaa jira" jedhan.

Gochi kuni yakka babal'achaa jiru waan ta'eef qaamolee nageenyaa qofa osoo hin taane hawaasnis eeruu kennuun namoota waan kana raawwatan saaxiluun gaheesaa bahu qaba jechuunis dhaaman.

Gochi namoota ukkaamsanii fudhachuun maallaqa gaafachuu kuni kutaalee Oromiyaa hidhattoonni keessa socho'an keessatti taatee hawaasa ijibbaachisee fi irra deddeebiin dhagahamaa ture.

Amma ammoo iddoowwan hidhattoonni keessa socho'u jedhamee hin yaadamnee fi Magaalota keessattis yakka namootni ittiin maallaqa saamaman ta'aa dhufeera.