Pirezidantiin Faransaay Maakiroon attamiin haadha warraa waggaa 25 isaan caaltu fuudhan?

Imaanu'eel Maakiroon, pirezidaantii faransaayii fi Giifti Duree isaanii Birijit Maakiroon

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakiroon osoo hin dhalatiin waggaa sadii dursuun Giifti Dureen isaanii ammaa Biriijit jedhamtu kun nama biraatti heerumtee ijoollee sadii deesseefii ture.

Yeroo Maakiroon dhalatan ammoo umuriin ishee waggaa 25 guuteera. Har'a haadha warraa [Giifti Duree] isaaniiti.

Jaalala kan jalqaban yeroo umuriin Maakiroon waggaa 15 tahu yoo tahu, innis mana barumsaa Kaatolikii 'Le Providence' jedhamu keessatti wal baruuni.

Umuriin ishee ammoo yeroo sana waggaa 39 guuteera. Biriijit barsiiftuu Diraamaa mana barumsichaa turte. Akkasuma Imaanu'eel Maakirooninis barsiisaa turte.

Hariiroon isaanii haaluma hin yaadamneen dabalaa dhufe.

Maakiroon barataa tahee Birijit kan barsiiftuu isaa turte waliin guyyaa tokko diraamaa barreessan. Walumaanis shaakala hojjetan. Maakiroon barataa sammuu cimaa qabu ture. Manni barumsaa keessa oduun waa'eema Maakiroon ture. Birijit kanas quba qabdi.

Guyyaa tokko Maakiroon ol ka'ee maddii ishee lamaanirra dhungate. Itti tolee seeqxee darban. Asumaa jaalalli isaaniis jalqabe.

Yeroo sana maatiin isaa intala ishee waan jaalate sehan malee waan barsiiftuu isaa kana waliin jaalalaan kufe hin seene ture. Biriijit yeroo sana abbaa warraa ishee duraanii waliin wal hiikteetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga waan kana hubatanii garuu Maakiroon mana barumsaa bultii [boarding school] akka galuuf Paarisitti ergan.

Barreesituu beekamtuun seenaa jireenya pirezidaantii Faransaay Imaanu'eel Maakiroon ''Emmanuel Macron: A Perfect Young Man'' jedhu barreessite Anne Fulda maatii isaa waa'ee gaa'ila ilma isaanii kana irratti dubbistee ture.

Haati isaa Firaansoos Nooguus Maakiroon jedhamtu, ''Amanuu hin dandeenye ture. Ana kan na dhiphiseyyuu Biriijit waliin yeroo sana jaalala jalqabuu isaa hin turre. Lubbuumaan jiraa? Rakkoon biraa hin jiruu kan jedhu qofa ture'' jette.

Akka jaalala jalqaban hin dhaabne yeroo hubannu deemeen ''ati jireenya mataakee qabda. Ijoollee godhateetta. Inni garuu ijoollee sirraa godhachuu hin danda'u. Lammaffaa hanga umuriin isaa gahutti ilmakoo bira akka hin geenye'' jedheen itti hime jechuun Annetti dubbatte haati Maakiroon.

Abbaan isaa Jiin Mikaa'el Maakiroon yeroo kana dhagahan ''taa'umsa irraa kufanii oolan'' jechuun kitaabicha keessatti eerteetti.

Yerooma sanayyuu yeroo umuriin isaa waggaa 17 guutu deebi'ee dhufee akka na fuudhu waadaa naa galee ture jette Biriijit gaaffii fi deebii barruu Ellaa France jedhu irratti gooteen.

Waggoota muraasa adda bahanis wal quba qabu ture. Garuu ijoollee ishee umuriin isaanii Maakiroon waliin walitti dhiyaatan waan qabduuf isaan wlaiin turuuf murteesite.

''Anoo erga Paaris deemee na dhiisee dubartii hiriyyaa isaa taate tokko argachuun jaalalaan qabama jedheen yaadaan ture. Garuu kunis hin taane'' jette.

Lameenuu magaalaa Ameensi jedhamtu Kaaba Faransaay magaalaa Maakiroon dhalate keessatti wal baran. Isheen yeroo sana barsiiftuu mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Maakiroon itti barataa turee turte.

Maakiroon magaaluma Ameensi kana keessatti maatii baratan irraa dhalatanii guddatan. Abbaan isaa saayintistii beekamaadha.

Maakiroonii fi Biriijit jaalala yeroo umuriin Maakiroon 15 turee fi kan ishee 39 ture jalqaban yeroo Maakiroon waggaa 29 kan ishee ammoo 54 guutu wal fuudhan.

Waggaa kudhan booda yeroo umuriin Maakiroon waggaa 39 guutu pirezidaantii Faransaay tahuun filame.

Waggaa 39, umurii Birijit isa waliin jaalala itti jalqabdetti jechuudha.

Sagantaa Raadiyoo Faransaay RTL jedhamu irratti akka ibsiteetti, garaagarummaan umurii guddaa qabaachuun hedduu ulfaataadha.

Haadha warraa fi abbaa warraa fakkeenya gaarii taanu miti. Haadha warraa fi abbaa warraa yeroo jedhamtu sababa adda addaan wal xaxaa fi ulfaataa tahuu mala. Keessumaa yeroo garaagarummaan umurii baay'ee guddaa tahu ammoo inumaayyuu wal xaxaa taha'' jette.

Dhiirota umuriikoo irra jiran irraa jaalalli na qabee beeka. Kan Maakiroon kanatu adda taha malee. Jechu namoonni dubartii umurii raagde garuu dargaggoota barbaadduuf fayyadaman ana hin ibsu. Arrabsoodha'' jette.

Biriijitii fi abbaan warraa ishee duraanii Andiree Luuwis Aziiree jedhamu ijoollee sadii waliin qabu. Ijoollee ijoollee ishee torbas qabdi.

Ijoolleen ishee hunduu barnootaanis milkaa'anii jireenya gaarii jiraatu. Sebaastiyaan Ispeeshalistii yaala onnee, Looreensi abbaa seeraa fi Tiifaaniin ammoo injiineradha.

Imaanu'eel Maakiroon nama hiriyyaa ijoolleeishee tahetti heerumuun haamilee ijoollee ishee miidhuu akak hin hafne dubbattee ture.

Bara 2017 gaaffii fi deebii barruu Ellee jedhamu waliin taasifte irratti ''ijoolleekoo akkan miidhe nan beeka.

Jireenyakee keessatti yerootti murteewan gurguddaa murteeffattu ni jiraata. Anaaf murtoon ani fudhadhe kun waan akkasiiti jette.

'Halkan tokkoof adda hin baanu'

Imaanu'eel Maakiroon, pirezidaantii faransaayii fi Giifti Duree isaanii Birijit Maakiroon

Madda suuraa, Getty Images

Imaanu'eel Maakiroon haadha warraa isaanii kana ''gorsituu'' cimtuu akka taatetti ibsu. Jireenya isaanii keessatti amanamoo fi hojii irratti akka xiyyeeffatan akka isaan taasifte ibsu.

CNN irratti akka dubbatanitti anaaf mana keessaa nama waan dhugaa natti himu qabaachuun baay'ee murteessaadha jedhan.

''Dhugaa sirrii argachuun baay'ee ulfaata. Nama eenyummaakee sirriitti beeku, eenyummaakee kanaaf ammoo si jaallatuufi ifatti ammoo sitti himu qabaachuun baay'ee murteessaadha. Hojiikoof yookaan aangoon irra jiruuf osoo hin taane jaalala dhugaaf'' jedhe Maakiroon.

Halkan tokko adda bahanii dabarsuu hin barbaadan jedhama.

Turtii barruu Ellaa jedhamu waliin taasifte irratti Birijitii fi abbaan warraa ishee Maakiroon osooma hojiin itti baay'eteyyuu halkan tokko adda bahanii dabarsuu akka hin barbaanne himte.

''Yeroo Imaanu'eel ana cina jiru hedduu natti tola. Bakka isaa dubbachuu yoon baadhes isattis akka tolu garuu nan amana'' jette.

''Akkuma abbaa warraa fi haadha warraa namoota kaaniiti. Waan irratti waliigallu qabna. Waan irratti wal dhabnu qabna. Wal falmina, falmiis ni dhaabna.....'' jechuun jireenyi isaanii akkuma namoota kaaniitti akka gaggeeffamu ibsite.

Yeroo waan namoonni waa'ee gaa'ila keenyaa barreessan dubbisu seenaa nama biraa waanan dubbisu natti fakkaata ture. Nuyi waan hundaan wal madaalla. Waliif taana. Umurii irraa kan hafe'' jette.

Imaanu'eelii fi Biriijit bara 2007 wal fuudhan. Amma waggoota 20 oliif waliin jiraataniiru.

Bara 2017 yeroo pirezidaantii Faransaay tahudha Imaanu'eel Maakiroon CNN irratti waan hundaa kan harkaa qabu ''jaalala'' jechuun kan ibsan.

Jireenyakoo keessatti madaalliikoo kan naaf eegu inni guddaan ''jaalala'' jedhan.

Yoo gaa'ila gaarii hin qabaannee waan guddaa tokko irra gahuus tahe milkeessuu hin dandeessu. Madaalliin jireenyakee eegamuu qaba. Isa kan eegu ammoo jaalala'' jedhan.

''Amma haadha warraakoo waliin waggoota kurnaniif jiraadheera. Isheen qaama jireenyakooti.''

Namoonni waa'ee umurii isaanii maal jedhan?

Waa'ee gaa'ela Imaanu'eel Maakiroon yeroo kaasan namoonni jalqaba sammuutti kan isaan dhufu waa'ee umurii haadha warraa isaaniiti.

Kaan garuu hubannaa gaarii qabu. Kaan ammoo kun ilaalcha hamaa dubartootaaf namoonni qaban agarsiisa kan jedhan jiru.

The Independent barruun jedhu tokko yoo barreessu ''osoo Maakiroon dubartii tahee, Biriijit haati warraa isaa kun ammoo dhiira taatee isa fuutetti tahe waa'een umurii kun dubbii ijoo tahee hin ka'u ture,'' jedhe.

Ameerikaatti yeroo Doonaaldi Tiraampi haadha warraa isaanii ammaa Meelaaniyaa Tiraampiin fuudhan waa'een umurii ishee ajandaa hin taane ture.

Ammas akka dubbii ijootti hin haasa'amu. Tiraampi haadha warraa isaa Meelaaniyaa waggaa 24 caala. Akkuma kan Maakiroonii fi haadha warraa isaati.

Maakiroon barruu 'Le Parisien' jedhu irratti yaada kenneen ''osoon haadha warraakoo waggaa 20hangafa tahe sekendii tokkoof namni waa'ee umurii keenyaa yaadatee kaasu hin jiru. Inni abbaa warraa tahuufii hin qbau namni jehdu hin jiru'' jedhe.

Guardian barruu jedhamu ammoo akka rakkootti kan ilaalame umurii isaanii qofa osoo hin taane hariiroo barataa fi barsiiftuu gidduu ture sanadha jedhe.