Lammiileen Libaanus, waraanni haaraan Israa'eliifi Hezboollaa gidduutti ka'a jechuun yaadda'an

Onkoloolessa darbe irraa jalqabuun milishoota Hezbollaa Iraaniin deeggaramanii fi Israa’el gidduu dhukaasni daangaa qaxxaamure gaggeeffamaa tureera.

Kana irraa kan ka’e lubbuun namoota dhibbaan lakkaa’amanii darbuun kumaatamni ammoo qe’ee saanii irraa buqqa’aniiru.

Lameenuu gara waraana guutuutti akka hin ceeneef sodaatu ture. Hezboollaan qaama akka malee Iraaniin hidhachiifame yoo tahu Libaanus keessa socho’a.

Darbee darbee Israa’el waliin walitti haa dhukaasaniyyuu malee lameenuu waraana guutuutti galuurraa of qusataa turan.

Haleellaan Sanbata hidhattootni Hezboollaa bakka lammiileen Israa’el qubatan Goolaan Heeyit irratti raawwatan waan hundaa jijjiiruu waan hafu miti.

Israa’el haleellicha hezboollaan raawwaachuu himuun, haleellaa dirree kubba miila airratti raawwateen ijooleen 12 ajjeefamaniiru.

Israa'el haloo bahachuuf dhaadatteetti.

''Israa'el haleellaa ajjeechaa hamaa kana callistee bira hin darbitu'' jedhan MM Israa'el Beenaayi Neetanyahuu.

''Hezboollaan gatii hanga ammaatti baasee hin beekne baasa'' jechuun dhaadatan.

Hezboollaan garuu haleellacha raawwachuu haaleera.

Osoo hammi miidhaa haleellichi dhaqabsiise hin baramiin garuu gareen kun misaa'ela Iraan hojjette Falqa jedhamuun Riqicha Hermoon haleeluuf qiyyeeffachuu himee ture.

Bakki haleellichi itti raawwate ammoo riqicha Hermoon irraa Kiiloo meetira sadii qofa fagaateeti.

Misaa'elli Hezboollaa kun baka isaan yaadan haqachuun dirree kubba miilaarra bu'uu hin hafne jedhamaa jira.

Dubbii himaan Humna Waraanaa Israa'el Daani'eel Hagaarii odeeffannoon tikaa akka agarsiisutti haleellicha kan raawwate Hezboollaadha jedhan.

Hezboollaan haleellicha hin raawwanne jechuu isaa ammoo ''soba'' jedhe.

Ministirri Dhimma Alaa US, Antoonii Biliinken agarsiiftuun jiran hundi''

Hezboollaan guyyaa Hamaas Israa'el haleele Onkoloolessa 7, bulee gaafa Onkoloolessa 08 bara 2023 Israa'el irratti haleellaa jalqabe.

Hezboollaan garee hmaas akka deeggaran ibsuun haleellicha jalqaban.

Hanga ammaatti haleellaa Israa'elii fi Hezboollaa gidduutti namoonni 450 tahan Libaanus keessatti ajjeefamaniiru.

Isaan keessaa loltoonni Hezboollaa 350 tahan ajjeefamaniiru.

Namoonni nagaan ajjeefaman 100 tahu. Israa'el keessaa namoota nagaa 23 fi loltoota 17 tahantu ajjeefame.

Haleellaa Israa'el Libaanus irratti gaggeessaa turte gara Kibbaa rukutaa ture. Ganda jireenyaa naannichaa mancaasee lafa onaa taasiseera.

Naannoo Kibbaa keessa loltoonni Hezboollaa bal'inaan socho'aa turan. Israa'el kana booda iddoowwan kana dura hin tuqamne haleeluu dandeessi jedhamaa jira.

Isaan keessaa ammoo magaalaan Beerut argamti.

Kun ammoo miidhaa guddaa fida jedhamee sodaatameera.

Waraana haaraa marsaa biraa bana jedhamees sodaatameera. Hamaas caalaa diina Israa'el kan tahe hezboollaan waraana kanaaf qophaa'eera fakkaata.

Lameen bara 2006 wal waraanuun gama lachuun miidhaa guddaan dhaqabeera.

Akka tilmaama biyyoota Lixaatti Hezboollaan rokkeettiiwanii fi Misaa'eloota 150,000 qaba.

Dabalataan misaa'eloota qaqqajeelfamuun bakka barbaadan haleeluu danda'anii fi daangaa Israa'el keessa rukutuu danda'an qabu.

Yeroo dheeraaf hogganaa Hezboollaa kan tahan Hasan Nasarallaa Israa'el waliin waraana guutuuti galuu hin feenu, barbaannaan garuu qophiidha jedhan.

Ji'a darbe gareen isaanii meeshaa waraanaa qabu keessaa ishee xiqqoo akka fayyadame ibsan.

Dabaluun Israa'el waraana jalqabnaan ''dhorkaa fi seera tokko malee'' wal waraanuu qabna jechuun akeekachiisan.

Yoo waraanni gidduu isaaniitti kan jalqabu tahe garee biraa Iraan deeggartufi ''Axis of Resistance” jechuun wamatu waraanichatti makamuu danda'u.