IAEA'n sochii Itoophiyaan niwukilaraa nageenyaaf oolu fayyadamuu akka deggaru ibse

Marii qondaaltotaa

Madda suuraa, MIT -Ethiopia

Ejensiin Inarjii Atoomikii Idil-addunyaa teeknooloojii niwukilaraa kaayyoo nagaatif fayyadamuuf tattaffii Itoophiyaan eegalteef deeggarsa taasisu mirkaneessuu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Itoophiyaa beeksise.

Akka ibsa kanaatti, Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii, Doktar Ballaxaa Mollaa fi Daarektarri Olaanaa Ejensii Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa Raafaa'eel Maariyaanoo dhimma buufata Nikuleraa Itophiyaan ijaaruuf deemtu ilaalchisuun mari'ataniiru.

Qondaltootni kunneen Yaa'ii Waliigalaa Ejensii Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa (IAEA) Fulbaan 15 hanga 19tti Oostiriyaa Viyeenaatti gaggeeffamaa ture madditti marii kana kan taasifatan.

MM Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimed jalqaba baatii Fulbaanaa wayita, hidha haaromsaa guddicha ebbisanitti, biyaattiin annisaa nikularaa nageenya qofaaf oolu fayyadamuu akka barbaaddu fi yeroo dhiyootti kan eegalamu ta'uu ibsanii ture.

Dhimma nikularaan wal qabatu abbummaan kan hordofu Ejensii Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa (IAEA)'nis sochii Itoophiyaan taasisaa jirtu kana irratti ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii irraa ibsi ergateera.

Kanaanis akkataa itti fayyadama sagantaa anniisaa niwukilaraa Itoophiyaa karaa nagaa, deeggarsa dandeetti humna namaa fi dhimmota biroo kanaan wal qabatu irratti marii taasisaniiru.

Daarektarri Olaanaa Ejensii Annisaa Atoomikii Idil Addunyaa Raafaa'eel Maariyaanoo, ejensichi Itoophiyaan anniisaa niwukilaraa kaayyo nageenyaaf qofa itti fayyadamuu akka deeggaru ministirichaaf mirkaneessaniiru.

Daayreektarichi dhimmoota kana waliin wal qabatan irratti MM Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad waliin mari'achuu isaaniillee eeraniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Itoophiyaa Dooktar Ballaxaa Mollaa gama isaaniitiin Itoophiyaan sagantaalee anniisaa niwukilaraa karaa nagaa dhugoomsuuf bu'uura ta'an hojiirra oolchuuf tattaaffii guddaa taasisaa jirtuuf tumsa ejensichaa itti fufiinsa qabu akka barbaadan eeran.

''Itoophiyaan sagantaalee anniisaa Niwukilaaraa nagaa qabeessa ta'e hojiirra oolchuuf bu'uura kaa'aa jirti. Ijaarsa humna Niwukilaraa biyyaalessaa biyyi keenya jalqabuuf jettu irratti Ejensiin kun deeggarsa teeknikaa fi ce'umsa beekumsaa akka nuuf taasisu gaafannaa.'' jedhan.

Dareektarri Ejensii Atoomikii Idil- addunyaa Raafa'el Maariyaanoo yeroo lama waa'ee annisaa nwukilaraarratti Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin haasa'aniiru.

Annisaan Nikularaa nageenyaaf oolu sochii ijaarsa annisaa nilulaaraa kaayyoo waraanaa ala ta'eef gaggeeffamudha.

Annisaan kun dameewwan akk qonnaa, fayaaa, elektrikii maddisiisuu fi kanneen biroo heddu keessatti bal'inaan hojirraa oola.

Yaa'iin waliigalaa IAEA dhimma nikuleraa irratti waggaa waggaan kan taasifamu yoo ta'u, yaa'iin ejensichaa 69ffaan Viyeenaa, Oostiriyaatti tibbana fulbaana 15 hang 19 tti gaggeefame.

Yaa'icha irratti bakka bu'oonni biyyoota mseensa IAEA dhimmoota Niwukilaraa waliin walqabatan adda addaa irratti mari'atu.