Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaafi WBOn walkomatan, garuu ammas nagaaf kutannoo qabaachu ibsan
Erga mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumuramee as qaamoleen lameen walkomachuu cimsanii jiru.
Mariin marsaa lammataa Taanzaaniyaa, magaalaa Daaresalaamitti gaggeeffamaa ture kun wayita bu'aansaa qaamolee lameeniin ibsamu quba walitti qabuun eegale.
Ergasiis mootummaas ta'e WBOn qabxii irratti waldhaban qixa iftoomina qabuun ibsuu baatanis, fedhii fi dantaa dhugoomuu hin dandeenye qabatanii dhihaachuutu maricha danqe jechuun inni tokko isa kaanitti quba qaba.
Ibsi fuula feesbuukii Biiroo Kominikeeshinii mootummaa Naannoo Oromiyaa irratti gaafa Sadaasa 21, 2023 gadhiifame, Waraanni Bilisummaa Oromoo- kan mootummaan Shanee jedhee waamu, haal-dureen qabatee dhihaate kan qabatamaatti hojiirra ooluu danda'u waan hin taaneef marichi osoo hin milkaa'in hafe jedhe.
WBOn ammoo mootummaan yeroo mariin taa'amaa turettillee waraana banaa ture jechuun, kutannoon dhugaa mootummaa bira akka hin jirre ibse.
Dubbi himaan WBO Odaa Tarbii Jimaata galgala (Sadaasa 24, 2023) barreeffama X (duraan tiwiitarii kan ture) irratti maxxanseen, ''mootummaan holola oofuu cimsee itti fufeera,'' jedhe.
Mootummaan madda rakkoo uummataa fi biyya gidiraa hamaa kanaaf saaxilee gadi fageenyaan ilaalee furmaata barbaaduu dhiisee, irra dibaadhaan hooggantoota qofaaf aangoo kennee haxxummaan miliquuf fedha agarsiisuu isaatu maricha milkii dhabsiise jedhe Odaa Tarbii.
Mootummaan rakkoo nageenyaa Naannoo Oromiyaa mariin furuu fi miidhaan uummataafi qabeenya irra ga'u akka dhaabbatuuf bakka qaamni sadaffaa argametti carraaqqii guddaa taasisuu kan eere ibsi mootummaa kun, ''qaamni Shanee jedhamu humnaan aangoo mootummaa qabachuuf socho'aa jiru kutannoon araaraaf qabu laafaa ta'uu,'' akka sababa kufaatii marii kanaatti ibse.
Dubbi himaan WBO Odaa Tarbii gamasaan mootummaan gonkumaa kutannoo fi cihoomina WBOn uummataa fi nagaaf qabuuf bakka kan hin kenninee fi qixa sirrii ta'een kan hin hubanne ta'uu ibse.
''Garuu mootummaan hololaa fi waraanaan nu dadhabsiisuuf duulasaa itti fufus nuti nagaa fi tasgabbii uummataaf boqonnaa fidu mirkaneessuuf akkuma yeroo kamuu kutannoo guddaa qabna,'' jedhe.
Ibsi mootummaa Naannoo Oromiyaas qaama waliin marii eegale kana guddoo komatus, garuu kutannoo mootummaan nagaa buusuuf qabu yoomuu hin sharafamu jedha.
Qaamoleen lameen walkomataa fi walshakkaa akkamiin nagaa baanan kana fidu kan jedhu gaaffii nama hedduuti.
Lamaanuu haalduree mariif qabatanii dhihaatan irratti jecha walitti deddeebisaa jiru.
Ibsi kominikeeshinii mootummaa Naannoo Oromiyaa akkas jedha: ''haal dureen mariif qabatee dhiyaate [Shaneen] heera biyya keenyaa, birmadummaafi sadarkaa biyyi keenya irra geessee jirtu bu'uura kan hin godhanneefi qabatamaan hojiirra ooluu kan hin dandeenye akka ta'e hubatamee jira.''
Odaa Tarbii ammoo ''mootummaan yeroo mariin deemaa turettillee waraana gaggeessaa ture,'' jechuun, haala kana hunda obsanii mariif taa'uun mataansaa kutannoo nagaaf qabanirraa ta'uu ibse.
Waggoota shanan darban keessatti akkuma nagaa buusuuf kutannoo agarsiisaa turan ammas nagaa buusuun uummata aara galfachiisuuf balballi isaanii banaa ta'uus mirkaneesse.
Harki nageenyaaf diriire yoomiyyuu kan hin dachaane ta'uu kan ibsu mootummaan ''kutaalee biyyattii bakka hundattuu olaantummaa seeraafi birmadummaa biyyaa kabachiisuun kan fufu ta'a,'' jedhe.