Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Ammas mariitti deebi'uu malee furmaanni biraa hin jiraatu'- Xiinxaltoota
Mariin marsaa lamaa mootummaan Itoophiyaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) gaggeessan bu'aa eegamu osoo hin buusin adda galame.
Qaamni hidhatee socho'uu fi mootummaan biyya tokkoo rasaasaan deebii waliif kennuurraa gara taa'anii waliin dubbachuutti ce'uun mataansaa gulantaa milkaa'inaa tokko kan jedhan jiru.
Ta'us dhibdeen biyya tokko keessatti uumame mootummaa addunyaarratti beekamu hirmaachisee osoo hin furamin wayita hafu baayyinaan mul'atee hin beeku jechuun maricharraa kan abdii kutatanis ni jiru.
Marii Taanzaaniyaatti torbanootaaf gaggeeffamee turerratti qondaaltota mootummaa hanga rogeeyyii miidiyaa fi ogeeyyii siyaasaatti yaadni garaagaraa kennamaa jiru.
Ofii marii kanarraa maaltu baratama? Bu'aan marii kanaa fuulduraaf maal akeeka?
Dhimma kanarratti ogeeyyii muuxannoo qaban gaafannee xiinxalasaanii akka armaan gadiitti qixeessineerra.
Yeroo tokkotti qawweenis afaaniinis walitti dubbachuun sirrii hin turre
Ogeessa Seeraa Idil-addunyaa kan ta'an Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa mariin mootummaa Itoophiyaafi WBO jidduutti waliigaltee malee xumuramuun waan haaraa fi abdii nama kutachiisu ta'uu baatus, garuu yoo xiqqaate qabxiilee bu'uuraa muraasa irrattillee walta'uun barbaachisaa akka ture kaasu.
Dippiloomaatii duraanii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) kan ta'an Obbo Baayyisaan, waraana waliinii biyyoota Baha Awurooppaa qaamaan hordofaa turan, jaarsummaas taa'anii rakkoo hedduu furanii beeku.
''Hariiroo dippiloomaasii keessatti qaamni waliin mariif taa'u lama waldhabee gargar bahuun waan haaraa miti. Yeroo fudhatanii walitti deebi'uu danda'u,'' jedhan.
''Qaamoleen kunneen [WBO fi mootummaan] araara irra osoo hin taane mariirra jiru. Mariin akkasii kan waggaa 30 ykn 40 illeen fudhatullee jira.''
Obbo Baayyisaan muuxannoo waggoota hedduuf biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti horatan irratti hundaa'uun wayita haala marii kanaa ibsan, ''haala kam keessattuu, biyya kamittuu mootummaan qaama hidhatee isaan lolu waliin wayita mari'achuuf murteessu jalqaba dhukaasa dhaabuurratti waliigalamuu qaba. Wayita mariin deemu dhukaasi dhagahamuun irra hin turre,'' jedhan.
Osoo bakkeedhaa wal ajjeesaa jiranii haasa'uun hiika hin qabu kan jedhan Obbo Baayyisaan, ''osoo dhukaasa hin dhaabin mariif taa'uun isaaniiyyuu marichatti onnee guutuun seenuu dhabuusaanii agarsiisa,'' jedhan.
''Osoo marii eegaluu dura dhukaasa dhaabuu akka haal-dureetti kaa'aniiru ta'ee silaa sabnis hafuura fudhata, garaagarummaa isaas ni argu turan. Kun erga hin taanee mariidhumti jedhamu sun hundee hin qabu ture jechuudha.''
Marii akkaan abdatamee fi bu'aa rifaasisaa
Marii marsaa lammaffaa Taanzaaniyaatti gaggeeffame kanarratti garee lamaan irraayyuu dureewwan gameeyyiin hirmaataniiru. Kun ammoo itti bahi marichaa si'oominaan akka eegamu taasiseera jedhu oggeessi seeraa kun.
Obbo Baayyisaan, ''qondaaltota maricharratti hirmaatan yoo ilaallu waan gartokkotti bahan fakkaata ture'' jedhan.
''Marii kanarratti kan hirmaatan dursitoota. Dippiloomasii biyya lafaa keessatti dureen (leader) tokko qe'eesaa dhiisee, loltuusaa bakkeetti dhiise wayita marii araaraa irratti hirmaatu, waliigaltee isa dhumaa malleetteesuu qofaafidha.
''Dureen hidhattootaa loltootasaa dhiisee mariirratti guyyaa hanga kana hirmaachuun waan ta'ee hin beekne,'' jedhan.
Qaamni mariin kun hirmaachisee fi bu'aan argame yoo walbira qabanii madaalan, erga akkas ta'ee baraachisummaan marii kanaa maali? dhugumaan mari'achuu barbaadaniiti moo dhiibbaa biyyoota alaatiini kan jedhu gaaffiidha,'' jedhu Obbo Baayyisaan.
Uummanni biyyattii mariin akkaan eegaa ture kun wayita bu'aa tokko malee xumuramu miira wal makaadhaan burjaaja'e.
Qaamoleen mariirra turan lameenuu [WBO fi mootummaan] akkaataa abdii nageenyaa namatti horuun osoo hin taane miira wal komachuutiin ibsa baasan.
Obbo Baayyisaan haalli kun ammas miidhaa biraa uummatarratti dabala jedhan.
''Mariin sabni abdii guddaa irratti gate kun wayita bu'aansaa haala kanaan ibsamu uummatarraan miidhaa guddaa qaqqabsiisa.''
Wal dhabdee fi waraana furuu irratti biyyoota adda addaarra deemuun hojjechuun muuxannoo guddaa kan qabanii fi siyaasa Itoophiyaa itti dhiyeenyaan kan hordofan garuu akka maqaan isaanii hin dhahamne kan gaafatan yaada BBC'f kennaniin, mariin kun waan qaamoleen lameenuu mataa jabaataniif milkii dhabe jedhan.
''Jalqabuma qabxiin falmiisaaniiyyuu ifa miti. Ibsa isaan dhumarratti baasan irraa kan hubatamu qaamoleen lameenuu ejjennoosaanii irratti cichuudha. Yaadasaanii jijjiiruu akka hin feene akeekan,'' jedhan namni kun.
Mootummaa fi WBOn ibsa isaanii keessatti ''fedhii dhugoomuu hin dandeenye'' jechuun wal qeeqan. Kun ammoo marii walfakkaataan kanaan booda akka hin jiraanne akeeke jedhu.
Akka xinxalaan siyaasaa kun jedhanitti, uummanni dararaaraa waggootaaf keessa jirurraa ka'amee, hooggantoonni olaanoon WBO yeroo jalqabaaf hirmaachuunsaanii mariin kun garmalee akka abdatamu taasiseera.
Mariin uummanni abdii guddaan eegaa ture bu'aa tokko malee wayita xumuramu kan duraa caalaa mufii, rifaatuu fi burjaajii uume jedhu.
Kun gama kanaan fooyya'iinsa hanga ammaatti mul'ate gulantaa hedduudhaan duubatti deebiseera jedhan xiinxalaan kun.
Xiinxalaan siyaasaa gameessi Obbo Jawaar Mohammad gamasaatiin, mariin kun akkaataa eegameen goolabamuu baatus, ''garuu bakka mariin kun irraa jalqaberraa yoo ilaalle karaa fagootu deemameera,'' jechuun miidiyaa hawaasaa isaarratti barreesse.
Mariin qaama addunyaa olaanaa hirmaachisee bu'aa malee hafe akkanaa jiraa?
Obbo Baayyisaan akka jedhanitti, rakkoon marii araaraaf ga'e kun dhibdee biyya tokkoo yookiin naannoo tokkoo ta'ee osoo jiruu biyyoota addunyaarratti maqaa guddaa qabantu irratti hirmaatan.
Keessattuu dippiloomaatiin olaanaan Ameerikaa marii kana keessa jaarsummaan seenanii qaamoleen lameen bu'aa tokko malee adda ba'uun qaanii guddaadha jedhan ogeessi kun.
''Qondaalli gameessi Ameerikaa kun torban lama taa'ee qaamoleen waliin mari'ataa turan utuu walii hin galin gargar deeman jechuun mootummaa Ameerikaafis qaaniidha. Itti ba'aa marii kanaa tilmaamuufis rakkisaa kan ta'eef kanaafidha.''
Biyyi guddaan akka Ameerikaa biyya xiqqoo akka Itoophiyaa kana keessatti qaamolee waldhaban araarsuu dadhabuun haala waliigalaa marichaa bitaa namatti galcha jedhan.
''Ameerikaan addunyaarratti aangoo guddaa qabduu fi qaamolee lameen irratti iyyuu dhiibbaa uumuu dandeessu akkamiin walitti araarsuu dadhabde kan jedhu gaaffii guddaadha.''
Wal shakkiin dhimma ijoo maricha danqe ture
Waraanni Bilisummaa Oromoo dhaaba umurii waggaa 50 olii qabu yoo ta'u, turtiisaa hanga ammaa keessatti mootummaa Itoophiyaa waliin dhibdee keessa ture, ammas dhibdee keessa jira.
Qaamoleen lameen yeroo dheeraaf diina walii turan, yeroo garaagaraatti taateewwan marii fi araaraa gidduusaaniitti mudateenis wal jiilchaniiru.
Marii alanaa keessas miirri sun jira, miira wal shakkii yookiin wal-amantaa dhabuutu gufuu marii kanaati jedhu xinxaltoonni.
Keessattuu waggoota shanan darban keessa qawweedhaan deebii waliif kennuun qaamolee lameen gidduutti hammaate. Kun ammoo wal-shakkii duraanuu ture daran hammeesse.
Qaamoleen kun mariidhaan walitti deebi'uunsaanii waan hin oolle kan jedhan Obbo Baayyisaan, ''rakkinni guddaan jiru garuu aadaan waliin mari'atanii yaada fooyya'aa fi qajeelaa ta'e wal-irraa fudhatanii ilaa fi ilaameen wal-hubannoorra ga'uu Itoophiyaa keessatti dhibuusaati,'' jedhan.
''Qamoleen kunneen yoo xiqqaate sabaaf jedhanii nagaa buusuurratti waliigaluutu irra ture. Naannoo Oromiyaa keessatti kan walitti dhukaasaa jiran Oromoota. Afaan Oromoon walitti dubbatanii waliigaluu dadhaban. Akka seera Gadaan waliin mari'atanii wal ta'uutu itti cime.''
Obbo Jawaar akka jedhutti ammoo, ''seenaa hariiroo qaamota lamaanii fi aadaa siyaasaa Itoophiyaa irraa ka'uun yoo ilaallu qaamoleen lameen wal-amantaa dhabuun isaanii waanuma eegamu. Sababni ijoon araara danqu isa kana.''
''Qaamonni alaa kan barbaachisaniifis rakkoon kun waan hubatamuufidha. Araarsitoonni kunniin qaamota lamaan waliigaltee araaraatiin gahuu qofa osoo hin taane, hojiitti hiikamuu waliigaltechaas mirkaneessuuf itti gaaftamummaa akka fudhatan waliigaltee keessa galchuun rakkoo wal-shakkii kana fooyyessuuf fayyada.''
Adeemsa kennanii fudhachuu kabajuu dhabuu...
Adeemsa marii nagaa mootummaa fi qaama hidhatee socho'u gidduutti gaggeeffamu keessatti ''kennanii fudhachuun,'' jiraachuu qaba jedhu Obbo Baayyisaan.
''Qaamni tokko waan argachuu qabu akka qabatee dhihaatu, waan dhabu akka qabus yaaduu qaba. Itoophiyaa keessatti garuu inni tokko isaan kaan humnaan cabsuutu aadeeffatame,'' jedhan.
Haalli kun ammoo dhimmoonni salphaatti furamuu danda'an akka furmaata hin arganne gochuun biyya balaa hamaa keessa buusaa jira jedhan.
''Gareen lamaanuu dantaa ofii qofa mirkaneeffachuu fedha. Yoo akkas ta'e walitti dhufuunuu hin barbaachisu. Waljilbeenfachiisu barbaadu. Kun adeemsa marii nagaa keessa hin jiru,'' jedhan.
Namni siyasaa Jawaar Mohammad marii araaraa keessatti waan hawwanii fi naaf mala jedhanii yaadan mara argachuun, maras dhabuun hin danda'amu jedhe.
''Qaamni lachuu giddu-galeessummaatti akka dhufutu barbaadama,'' jedhe.
Obbo Baayyisaan dhimma walfakkaataa akkanaa ilaalurratti umriisaanii gara caaluu dabarsan, gareen lameen mataa walitti jabaataa mariin milkaa'ee hin beeku jedhu.
Dhiheenyuma waan Itoophiyaa keessatti mudate, dhimma mootummaa federaalaa fi TPLF fakkeenya fudhachuun, waan nagaa buusuuf jecha ta'uu qabu ibsan.
''Fakkeenyaaf warri Tigireellee dhumna malee hin jilbeeffannu jedhanii diduu danda'u turan. Garuu uummata saanii baraaruuf jecha nagaa buusuuf waliigalan.''
''Gaaf tokko lolatti deebi'uu danda'u. Hamma sanatti garuu uummatisaanii boqonnaa argateera. Marii araaraatu kana qaba,'' jedhan Obbo Baayyisaan.
''Ammas mariitti deebi'uu malee falli biraa hin jiru''
Mariin WBO fi mootummaa Itoophiyaa marsaan jalqabaa Ebla darbe gaggeeffame waliigalteen xumuramuu baatus, dhimmoota bu'uuraa irratti waliigalamuu fi marsaan itti aanuun akka walitti deebi'an qaamoleen lameen ibsanii turan.
Mariin marsaa lammataa ji'a saddeetiin booda gaggeeffame tibbanaatiin garuu bu'aansaas ta'e waan ittaane mudatu irratti yaadi ijaaraan jiraachuu baatus, garuu ammas nageenya buusuuf mariitti deebi'uun dirqama jedhu ogeeyyii fi xiinxaltoonni.
Obbo Baayyisaan akka jedhanitti, Itoophiyaa keessatti ajandaan irratti mari'atamu iftoomina dhabuun hanqina guddaadha.
''Osoo qabxii ijoo mariisaanii barree silaa waan ittaane ta'uu tilmaamuun nama hin dhibu ture. Amma garuu yaadumasaaniiyyuu hubachuun rakkisaadha,'' jechuun dubbiin gidduu qaamolee lameenii jiru walxaxaa ta'uu ibsan.
Marii marsaa jalqabaas ta'e kan lammataarratti dhimmi qaamoleen lameen irratti mari'atanii fi irratti waldhaban- ejjennoon isaanii hin sharafamne maal akka ta'e ifatti hin beekamu.
Garuu yaada qondaaltota gam-lameenii fi odeeffannoowwan muraasa marii kunneen irraa argamanirraa wayita tilmaaman, wanti qaamolee kunneen hanga kana gargar fageessu akka hin jirre tilmaamu Obbo Baayyisaan.
''Osoo fedhiin jiraatee dubbiin salphaadha. Mataa jabaachuu dhiisanii osoo bal'isanii yaadanii nagaan ni bu'a. Kiyyatu caalaa, sin jilbeeffachiisa jiechuurra osoo uummataa fi biyyaaf jedhanii garaa bal'atanii rakkoon salphaatti furama. Ammas adeemsa sirreeffatanii mariitti deebi'uun ala filannoon biraa hin jiaratu.''
Qaamoleen kunneen jalqabuma kennanii fudhachuuf sammuusaanii qopheessanii osoo deemanii rakkoon hin jiru jedhan.
Xiinxaltoonni fi ogeeyyiin kaanis mariin kun waliigaltee malee xumurame jechuun marii biraaf carraan hin jiru jechuu akka hin taane dubbatu.
Haata'u malee milkaa'inni yookiin kufaatiin marii kanaa ammas harka qaamolee lamaanii jira jedhan.
Gazexessituu gameettiin siyaasa xiinxaltu Tsadaalee Lammaa yaada BBC'f kenniteen, ''abdii qabaachuudhaaf carraan mariitti deebiyan ni jirata jedheen yaada" jechuun keessumaa ibsi mootummaan baase fuulduratti carraa marii jiraatu kan ukkaamse ta'uu himti.
''Jechoota fayyadaman yeroo ilaallu kan nama yaaddessudha... ibsa jarri lamaan baasan yeroo ilaallu carraa isaan deebiyanii mariif wal argan dhiphaa fakkaata. Gama WBOtiinis yeroo ilaaltu, carraa seena qabeessa ta’etu osoo hin milkaa'iin hafe jedhe. Abdii kutannaatu keessaa mul’ata. Kana yeroon ilaalu na yaaddesseera.''
Adeemsa marii araaraa kanarraa bu'aan hawwamu argamuu baatus, garuu abdii kutachuun hin barbaachisu. Abdii kutachuus hin dandeenyu. Fala biraas hin qabnu. Ammas mariin araaraa itti fufa jennee abdanna,'' jedhe Obbo Jawaar Mohammad.
Qaamoleen lameen marii marsaa jalqabaarratti waan wal irraa barbaadan wal hubachiisuu fi marsaa lammaffaarratti ammoo waan waliif kennuu hin dandeenye adda baafataniiru kan jedhe Obbo Jawaar, ''ammas yoo waldhibdee kana nagaan furuuf murannoo qabaatan wantoota gamni kaan akka guutuuf gaafatan fooyyessuun dhiheeffachuuf qophaahuu qabu,'' jedhan ergaa fuula Feesbuukii saaniirratti barreessaniin.
Jaarmiyaan biyyoota baha Afrikaa araara kanaaf haala mijeessaa ture IGAD gamasaan, mootummaan Itoophiyaa fi WBOn marii biraa gaggeessuun wal dhabdee isaanii akka furan gaafateera.
Manni Maree Amantiilee Oromoo Idil -Addunyaas xalayaa banaa Ministeera Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmadii fi Ajajaa Olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo kan ta'an Kumsaa Dirribaa (Marroo)tiif barreesseen, nagaan akka bu'uuf mariin nagaa waliigaltee malee xumurame deebi'ee akka eegalu waamicha dhiyeesseera.