Mariin nagaa mootummaafi WBO deebi'ee akka itti fufu, Manni Maree Amantaalee Oromoo Idil-addunyaa gaafate

Mariin nagaa marsaa lammaffaa mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Tanzaaniyaatti gaggeeffamaa ture milkii malee xumurame deebi'ee akka itti fufuuf Manni Maree Amantiilee Oromoo Idil Addunyaa waamicha dhiyeesse.

Manni Maree Amantiilee Oromoo Idil Addunyaa xalayaa banaa Ministeera Muummee Abiy Ahmadiifi Ajajaa Olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo kan ta'an Kumsaa Dirribaa (Marroo)tiif barreesseen nagaan bu'uuf mariin nagaa walii galtee malee xumurame deebi'ee akka eegalu gaafate.

Manni Marichaa mareen nagaa mootummaa Itoophiyaafi WBOn gidduutti gaggeeffamaa ture ni milkaa'a jedhee eegaa akka tureefi milkaa'uu dhabuu gaafa dhagahu gadduu ibse.

Waldichi qaamolee lameen garaagarummaa gidduusaanitti dhalate ammas deebi'anii mariyachuun furmaata waaraa akka barbaadaniif xalayaa Sadaasa 23, 2023 baaseen gaafate.

Mariin nagaa marsaa lammataa Tanzaaniyaatti gaggeeffamuuf akka jiru oduunsaa yeroo dhagahamu namoonni hedduun qaamoleen lamaan walii galuu abdii jedhuun gammachuusaanii ibsataa turan.

Haa ta'u malee, Wiixata darbe, Sadaasa 21, 2023, qaamoleen lachuu mariinsaanii waliigaltee malee xumuramuu ibsan.

Keessumaa Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo maricharratti argamuunsaa itti bahiinsi isaa waan gaariin goolabama kanneen jedhanii abdiin eegan heddu ture.

Manni Maree Amantiilee Oromoo Idil Addunyaa xalayaa Mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoof barreesse kanaan qaamoleen lamaanuu gidiraa uummanni itti jiru ilaalanii balbala marii deebisanii akka banan gaafate.

"Yeroo rakkinaafi waraanatti, galma guddaa tokko isin taasisu yaadachuun murteessadha- innis nageenya uummata keessaniifi gaaffii nageenya waaraa dha," jechuun mariin rakkoo gidduusaanii jiru akka furan ibse.

Mariin marsaa lammaffaa Tanzaaniyaa, Daresalaamitti gaggeeffamaa ture walii galtee malee xumuramuusaaf mootummaan Itoophiyaafi Waraanni Bilisummaa Oromoo quba walitti qaban.

Mootummaan Itoophiyaa sababni ijoon WBOn "adeemsa danqaa hordofuufi gaaffii hin dhugoomne" gaafachuusaati jedha.

''Adeemsa danqaa uumuufi fedhiin dhugoomuu hin dandeenye gareen kaan [WBO] qabate'' akka ta'e ibsan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo gamasaan ibsa baaseen ''Carraan seena qabeessi kallattii sirriin tarkaanfii guddaa deemsisuu danda'u kun kan fashale mootummaan Itoophiyaa adeemsa isaa sirreessuu hanqachuuni,'' jechuun fedhiin mootummaa hoggansa WBO ofitti hawwaachuurratti kan xiyyeeffate jechuun komate.

Ministeerri Tajaajila Kominikeeshinii mootummaa ibsa baaseen ammoo WBO gaaffiilee sabaa fi sablamiileen Itoophiyaa waggaa 60 kaasanii deebiin irratti kennamee dhumate qabatee dhufe jechuun marichi milkaa'uu dhabuuf sababni WBOdha jedhe.

Mariin qaamolee lamaanii walii galtee malee xumuramuu hordofee mootummaan Oromoo hidhattoota WBOrratti tarkaanfii fudhataa jiraachuufi cimsee akka itti fufus beeksise.

Manni Maree Amantiilee Oromoo Idil Addunyaa xalayaa gaggeessitoota qaamolee lamaanif barreesseen rakkoo amma jiruufi walitti bu'insa yeroo dheeraaf tureen wal-amantaan gidduu qaamolee lamaanii dhabamuu akka tahe ibse.

Qaamoleen lameen fedhii uummataaf dursa kennanii mariitti deebi'uun murteessaa ta'uu ibsa.

"Qaamoleen lamaanuu garaa bal'aafi sammuu qajeelaan marii nagaatti akka deebi'an gaafanna," jechuun carraa argame qisaasurra biyya nagaafi badhaatuu taate ijaaruf akka itti dhimma bahan gaafate.