Duraan Itoophiyaarra Masirii caalsifataa kan turan Tiraamp Afrikaaf carraafi balaa akkamii fidu?

Pireezidantiin filatamaa Ameerikaa Donaald Tiraamp Waayit Haawusitti yeroo deebi'u maal akka mueteessu tilmaamuun rakkisaa dha.

Dhimmi tokko garuu waan jijjiiramu miti: dippiloomaasii obsaafi qajeelfamaan deeggaramuuf fedhii qabaachuu dhabuufi siyaasa kennanii fudhachuu akkasumas anatu sii beekaa jaalachuusaati.

Haalli kunimmoo Afrikaaf balaafi carraa fidee dhufu qaba.

Waggootii saddeet dura bulchiinsi Obaamaa Gamtaa Afrikaa waliin hojjechuun seera UN nagaa eegsiftoota maallaqaan humneessuu irratti qabu jijjiiruuf hojjetaa ture.

Koomishininn Gamtaa Afrikaa UN wajjin hojjechuun lola Afrikaa keessa adeemu tattaaffii jaarsummaa qindaa'ee fi sochii nagaa eegsisuun fedhii biyyootaan, qajeefamaan hogganamu Chaartar UN fi seera Gamtaa Afrikaa jalatti mirkaneessuuf yaalaa ture.

Yeroo Tiraamp gara aangootti dhufu karoorri nagaa eegsisuu kuni ni hurke.

Ergasii ergamni nagaa eegsisuu UN fi Gamtaan Afrikaa bobbaafame hin jiru. Duraan kan turan kan Sudaan Daarfur fi Maaliis dhaabbataniiru.

Bulchiinsi Baayidanillee haala yeroo Obaamaa ture hin deebisne.

Yaadni ''nagaa libaraalaa'' demookiraasii, haqaafi gabaa bilisaa waan jedhu hundi tarsiimoo US addunyaaf qabdu ture.

Gamtaan Afrikaa hariiroo idil-addunyaa qabaachuu fudhatus dhimma mirga namoomaa irratti qajeelfama fudhachuufi giddugaltummaa warri Lixaa Libiyaa irratti taasisan irratti ejjennoo wal-qoodaa qabatee ture.

Hogganooti Afrikaa nama akka Tiraamp ifaa fi bu'aa irratti xiyyeefatu deeggaran jiru.

''Qajeelfamni Tiraamp'' hariiroo idil-addunyaa biyyootaa galma irratti hundaa'e qabaachuu cinatti dhiisee michuuwwan Ameerikaa Masrii, Morookoo, Saawudii Arabiyaa fi UAE hunda caala ammoo Israa'el waliin hariiroo bu'aa argamsiisuu filata.

Ministara Mummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu fi Pireezidantiin UAE Mohaammad biin Zayiid tarsiimoo waliigaltee Abrahaam jedhamu kaa'an Tiraamp fayyadamaa ture.

Ejjennoon dhaabbataaa Tiraamp biraan dhibbaa Chaayinaan ardii Afrikaa irratti qabduufi loltoonni Ameerikaa Afrikaatti ergamuu jibbuu isaati.

Gaaffii pireezidantii Masrii Abdal Fattaa al-sisiin - kan Tiraamp ''abbaa irree anatti toludha,'' jechuun isa ibsaniin, qondaalli Faayinaansii Ameerikaa yeroosii marii dhimma laga Abbayyaa Masriifi Itoophiyaa irratti akka hojjetan muudaman.

Gaaffiin battalaa yeroosii Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa xumuramuu jala waan tureef bishaan hangamii kuufachuu qaba waan jedhu ture.

Yeroo mariin harkifachaa adeemu Ameerikaan Itoophiyaarraa gargaarsa dhaabuuf dhiibbaa gochu jalqabde. Tiraamp immoo Masriin hidhicha ''barbadeessuu dandeessi,'' jechuunis dubbataniiru.

Ameerikaan isa Morokoon Lixa Sahaaraa fudhachuun Raabaat kennuuf, waliigaltee Abrahaam jedhamu mallatteessiteef beekamtii kenniti. Kanaanis Israa'el beekamtii argatti.

Bulchiinsa Obaamaa fa'itti ''nagaa libaraalaa'' waan jedhamu waliigaltee waraana waliinii dhaabuun heera deemokitaawaa wixineessuu, loltoota diina walii tahan hidhannoo hiikachiisu, haqa ce'umsaa fi araara akkasumas sagantaa nagaaf maallaqa deeggaru kennuu ture.

Bulchiinsi Tiraamp marsaa jalqabaa waliigaltee kallatti abbootiin irree dhuunfaan raawwatan filate. Hayyoonni kana ''nagaa libaraala hin taane,'' jedhuun.

Daldala, gargaarsa, nageenya: filamuun Tiraamp Afrikaaf maali?

Minsitarri Hajaa Alaa Ameerikaa yeroosii Maayik Poompee Sudaan Omaar al-Bashir mormii uummataan booda aangoorraa buusuun booda yeroo daawwatan kaayyoon isaanii daldala ture: yeroo Sudaan waliigatee Abrahaam jedhamu mallatteessitu Ameerikaan qoqqobbii irraan kaasa jettee turte.

Onkololeessa bara 2020tti Waayit Haawus Pireezidant Tiraamp Israa'eliifi Sudaan gidduu ''waliigaltee seena-qabeessa mijeessaniiru,'' jechuun labse.

Dhimmi kuni Tiraamp mo'amnaan Sudaan rakkoo diinagdee keessaa baasuuf guyyaafate.

Haatahu malee, bulchiinsa marsaa lammataa Tiraamp haala wal-fakkaataan akka itti fufu amanama.

Michoomaafi waliigalteen taasifamu akkasiifi akkana jechuun rakkisaa tahus ''nagaan liibaraalaa'' du'ee awwaalamuunsaa garuu beekamaa dha.

Yeroo ammaa Sudaan biyya Afrikaa waraana hamaa akkasumas beela keessa jirtu taatus Tiraamp dhimmsaa hin fakkaatu.

Dhimmi nagaa Sudaan abdii kan qabu kan hin fakkaanneef UAE'n meeshaa waraanaafi maallaqaaan garee tokko yoo deegartu Masriifi Saa'udii Arbiyaan ammoo kaan deeggaru.

Biyyoota Arbaaf dhimmi Sudaan shallaga tarsiimootiin dhimma Israa'el-Filisxeemiifi, Iraan akkasumas Waashingitan waliin qabaniin sadarkaa gaditti jira.

Haa tahu malee siyaasni Baha Gidduugalaa yoo jijjirame Tiraamp otoo hin eegamiin Sudaanitti nama nagaa buusu tahee mul'achuu danda'a.

Haleellaa hin dhaabsisu, demookiraasii mirkaneessuun dhimma biraa tahus mariif karaa banuu danda'a.

Haalli wal-fakkaataa hariiroo Itoophiyaan Masrii, Ertiraa fi Somaaliyaa wajjin qabdu irratti hojjechuu danda'a.

Hogganoota Afrikaa keessaa Minsitirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad arjooma warra Imireetii irratti hirkata. Muddamni Gaanfa Afrikaa keessa jiru Masriifi UAE yoo wal-tumsan hir'isuu mala.

Bulchiinsi Baayidan Gaanfa Afrikaa irratti imaammatni qabachaa ture hariiroo bu'aa waloo irrattis hundaa'es tahe kan kara biyyoota Galoo Galaanaa fayyadamu hin turre.

Ergamtoonni Ameerikaa biyyoota lola keessa jiraniitti dhukaasni akka dhaabbatu gochuufi gargaarsaafi karri akka banamu gochuu qofa ture.

Waraana Sudaaniifi Itoophiyaa akkasumas waamicha biyyooti ollaa tarkaanfii jabaaf gaafatan otoo Tiraamp dhimma kanaaf dhimmama tahe tarkaanfii murteessa fudhata ture.

Tahus balaan ibidda hamaa qabsiisuus guddaa taha ture.

Tiraamp yeroo aangoosaa marsaa duraa waraanni Ameerikaa Afrikaa keessatti shoora akka qabaatu hin barbaanne.

Inumaa loltoota Ameerikaa Somaaliyaa keessatti garee jihaadistii al-shabaab loluuf bobba'an baasee ture. Bulchiinsi Baayidan garuu murtoo kana haquun isaan deebisee ture.

Tiraamp haala guddaa jedhamuun lammiileen Ameerikaa miidhaman malee oppireeshinii Peentaagoon Somaaliyaas tahe Afrikaa lixaa naannoo Saahelitti taasisuuf xiyyeeffannoo hin kennu.

Michoonni Baha Gidduugalaa Ameerikaa buufata waraanaa Jibuutii keessaa qabdu akka tursitu barbaadu.

Hidhattoonni Huutii Yemnirraa al-Shabaab waliin wal loluun haleellaa waan hammeessuuufi geejibni galaana Hindiirraan taasifamu danqamuun fedhii Ameerikaa sochii waraanaa taasisuuf qabdu deebisee fiduu mala.

Gama biraan ergamni akkasii kuni UAE'F ykn waraana dhuunfaa biroof kennamuu danda'a.

Pireezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Rutoo michoomni Baayidan waliin qabu waan bu'aa buusuufi miti.

Tahus Keeniyaan ''michuu ijoo miseensa Nato hin taane,'' sadarkaa waan argatteef akkasumas Haaytitti poolisii waan bobbaafateef Waajira Ittisaa waliin michooma gaariin itti fufuu malti.

Lixni Afrikaa lafa sochiin jihaadistoota olaanaa tahe itti adeemuufi gareewwan mootummaa fonqolchuuf dhiibbaa taasisan garee loltuu Raashiyaa duraan Waaginar jedhamuuf amma Afrikaa Koor jedhamu waliin waliigaltee uumaa jiru.

Tiraamp hariiroo Afrikaa Lixaa Moskoo waliin qabaniin irratti yoo hundaa’e, akkasumas waraana Yukireen irratti pirezidaant Vilaadmir Puutiin waliin waliigaltee uumuuf kan karoorfate yoo ta’e, haala tilmaamuu hin danda’amnetti uumama.

Garuu michuu isaanii Morookoon Afrikaa Lixaa keessatti tarsiimoo hoggansaa waan qabduuf waldhabdeen ni uumama.

Morookoon miseensa Naatoo ta’uu baatus michuusaa guddaa. Dhiibbaa Raashiyaan Aljeeriyaa, Liibiyaa fi Saahel keessatti qabdu irraatti shakkii qabdi. Kanaaf, Tiraamp Puutiin waliin waliigaltee mallatteessinaan rakkoon ni hammaati.

Waliigalteen siyaasaa kun, hoggantoota fonqolcha mootummaa raawwatanii fi namoota yakkaa waraanaan beekaman waliin waliigaltee seenuu jechuudha.

Qajeelffamni gamtaa Afrikaa kanneen akka heera mootummaatiin ala mootummaa jijjiiruu seeraan ala godhu waliigaltee kana jalaatti ni gatam.

Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Boolaa Tinubuu Baayiden wayya jedhee yaada ture, garuu akkaataa siyaasa Tiraamp kan beekan yoo ta’u, Ameerikaan waraana Naayijeeriyaan garee Bookoo Haram irratti gootu keessa akka galtu hin barbaadu.

Ji’a Guraandhala keessa, erga eebbi preezdaantii Waashingitanitti raawwatamee booda, hoggantoonni Afrikaa Finfinneetti walga’uun dura taa’aa haaraa Komishinii Gamtaa Afrikaa ni filatu.

Dura taa’aan AU aangoo gadhiisaa jiran, Muummichi Ministeeraa Chaad duraanii Muusaa Faaki Mahamat, siyaasaa bara Tiraamp fi Baayidenis gidduu deemaa ta’uu isaaniitti gammadaniiru.

Garuu nagaa fi nageenyi Afrikaa tumsa biyyoota hedduutin seera irratti kan hundaa’e ta’uu isaatin, nama isa bakka bu’uu qormaanni ni mudata. Ta’us barri 2025 pirojektii sana deebisee jiraachisuuf bara mijataa miti.

Aleex dee Waal Yunivarsiitii US Tufts keessatti mana barumsaa Seeraa fi Dippilomaasii Fletcher keessatti daayreektarri olaanaa Faawundeeshinii Nageenya Addunyaati.