Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Tiraamp filamuun Abiyyiif boqonnaa ta'uu danda'a' - xiinxaltoota
Filannoo pirezidaantummaa Ameerikaa 2024 Doonald Tiraamp mo'achuun pirezidaantii U.S 47ffaa ta'aniiru.
Sagalee hedduun warra bakka buutuu warra Dimokiraatotaa caaluuni Tiraamp kan mo'atan.
Tiraamp mo'achuusaanii akkuma labsaniin Afrikaarraa MM Abiy Ahmad dursee ergaa baga gammaddee kan dhaameef hin turre.
"Pirezidaant Doonald Tiraamp filannoo mo'achuun deebitee dhufuu keetiif baga gammadde siin jechuun barbaada! Yeroo pirezidaantummaa keetti walitti dhufeenya biyyoota keenya gidduu jiru cimsuuf si waliin hojjachuuf fedhii guddaan qaba" jechuun fuula X gubbaatti barreessan MM Abiy.
Ofii Doonald Tiraamp pirezidaantii ta'uun Waayit Haawusitti deebi'uun Itoophiyaaf carraa maalii fidee dhufa? Moo akkuma bulchiinsi Baayidan qoqqobbii garaa garaa Itoophiyaarra kaa'e, bulchiinsi Tiraampis qoqqobbiiwwan Itoophiyaarra kaa'aman itti fufsiisa kan jedhurratti xinxaaltota siyaasaa dubbisneerra.
UStti abukaatoofi pirofeesara seeraa kan ta'an Dr. Heenok Gabbisaa Tiraamp mo'achuunsaa Itoophiyaaf carraa fidee dhufuu akka malu kaasu.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamee tureen wal-qabatee mootummaan sarbama mirga namoomaa garaa garaa raawwate jechuun bulchiinsi Baayidan Itoophiyaarra qoqqobbii garaa garaa kaa'ee turuunsaa ni yaadatama.
Tiraamp aangotti deebi'ee dhufuun qoqqobbiiwwan kun Itoophiyaarraa akka ka'u gochuu akka malu kaasu.
"[Qoqqobbii kana] irraa kaasa jedheen eega ani. Tiraamp waanti inni yaadu, guddina diinagdee Ameerikaatiif maalu bu'aa buusa kan jedhu ilaala," jechuun waa'ee mirga namoomaa caalaa Tiraamp guddina diinagdee fa'aarratti akka xiyyeeffatu ibsu Dr. Henook Gabbisaa.
'Tiraamp Itoophiyaan AGOAtti akka deebitu gochuu danda'a'
Waraanni Tigraay Itoophiyaa qoqqoobbii garaa garaaf saaxilee ture kan eegale bara 2020tti osoo Tiraamp aangorra jiranii ture. Filannoo US 2020 irratti Tiraamp mo'amuurraa kan ka'e Joo Baayidan Dimokiraatota bakka bu'uun aangoo qabatan.
Bulchiinsi Baayidan ammoo Itoophiyaarratti dhiibbaa diinagdeefi dippilomaasii cimaa gaggeessaa turuun isaa ni beekama.
Bara 2021 pirezidaant Baayidan carraa daldala qaraxa irraa bilisa African Growth and Opportunity Act' (AGOA) jedhamuun beekamu keessaa Itoophiyaan akka baatu murteessan.
Bulchiinsi Baayidan Itoophiyaa AGOA keessaa baasuuf sababni dhiyeesse waraana kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen qaamoleen waraanicha keessatti hirmaatan seera waraanaa idil-addunyaa cabsuun sarbama mirgoota namoomaa raawwatan kan jedhu ture.
Amma Tiraamp aangotti deebi'uurraa kan ka'e akkaataa itti Itoophiyaan AGOAtti deebi'uu dandeessu himu Dr. Heenok.
"Mirga namoomatu sarbame, namatu wal-ajjeese [kan jedhu dhimma Tiraamp] miti. Sababa lola Tigraayitti gaggeeffameef Itoophiyaa galmee AGOA irraa haqanii ture. Wantoonni Itoophiyaatti omishaman akka gabaa Ameerikaa hin galle dhorkanii turan warri Dimokiraatii.
"Wanni akkasii Tiraamp ykn warra Rippaabilikaanii biratti gaafa ilaalamu, warra mirga namoomaa keessanii nu hin galchu gabaadhaaf omisha dhiyeessitu taanan, omishi keessan yoo qulqullina qabaate nuyi isinirraa binna nama jedhu fakkaata. Kanaaf, Itoophiyaan AGOAtti deebi'uullee dandeessi," jedhuu ogeessi seeraa kun.
'Hoggaantoonni Itoophiyaa hafuura akka baafatan carraa banaaf'
Rakkoon nageenyaa Itoophiyaa keessa bakkeewwan garaa garaa jiru karaa nagaan akka furamuuf bulchiinsi Baayidan Itoophiyaarratti dhiibbaa gochuurraa kan ka'e tarkaanfii garaa garaa fudhataa ture.
Keessumaa waraanni kaaba Itoophiyaa waliigaltee Piritooriyaatiin akka xumuramu gochuuf gaheen bulchiinsa Baayidan salphaa hin turre.
Lolli Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO)fi humnoota mootummaa gidduutti gaggeeffamu karaa nagaan akka xumuramuuf tattaaffii bulchiinsi warra Dimokiraatotaa taasiseen mariin marsaa lamaaf WBOfi mootummaa Itoophiyaa gidduutti akka gaggeeffamu ta'eera.
Rakkoon Itoophiyaa keessa jiru nageenyaafi tasgabbiif yaaddodha jechuun US kallattiin dhiibbaa gochaa turuu kan himan Dr. Heenok, amma garuu Tiraamp rakkoo nageenyaa biyyoota akka Itoophiyaa keessa jiruuf iddoo akka hin laanne kaasu.
"Bara pirezidaantummaa Baayidan rakkoon Itoophiyaa keessa jiru rakkoo yaaddoo nageenyaafi tasgabbiitti fudhatamee waggaa waggaan haareffamaa jira. Tiraamp waan akkasiirraa dhimma hin qabu.
"Kuni ammoo hoggantoota akka biyya Itoophiyaaf carraa guddaa bana, hafuura akka isaan baafatan godha.
Siyaasa isaan gaggeessan keessa harka kaa'un akka hin jiraanne raggaasisaaf," jechuun pirezidaantummaan Tiraamp gaggeessitoonni Itoophiyaa dhiibbaa jalaa akka bahan carraa akka kennuuf kaasu.
Hayyuu seeraafi siyaasa Itoophiyaas ta’ee kan US itti dhiheenyaan kan hordofan Nageessaa Oddoo Duubee, filannoon osoo hin gaggeeffamin dura BBCf yada kennaniin Tiraamp yoo injifate Itoophiyaaf akka wayyu himan.
Kaamalaa Hariis osoo mo'attee ejjannoon Ameerikaan Itoophiyarratti qabdu akkuma jirutti akka itti fufu kan himan Negaassaan, "Itoophiyaaf jijjiramoonni xiiqqoonillee jiraachuu mala, garuu Tiraamp mo'achuun biyyota Afrikaa hedduu dabalatee mirga namoomaa caalaa daldalaafi dhimma nageenyaarratti xiyyeeffannoo kennuu danda'a" jedhan.
Dorgommii Chaayinaan Afrikaarratti gootu caaluufis Afrikaatti daldala cimsuufi pirojeektiwwaan adda addaa deeggaruus akka malus eeru.
Fakkeenyaaf, dhimmaa Somaaliyaarratti Itoophiyaa deeggaruu, Somaliilaandiif beekamtii kennufi olaantummaa Itoophiyaan Gaanfa Afrikaa irratti akka qabaattuuf kan Dimokiraatotaa caalaa bulchiinsi Tiraamp deeggaruu akka danda'u hima.
'Tiraamp akka warra Dimokiraatotaa dhimma keessoo biyya namaa heddu hin seenu'
Xixaaltonni BBCn dubbise kunneen akka jedhanitti, warri Rippaabilikaanii dhimma biyya keessoo biyya namaa caalaa, dhimma keessoo diinagdeefi qabeenyi Ameerikaa jireenya lammiilee biyyattii fooyyessuurratti akka xiyyeeffatu kaasu.
Tiraamp filamuun mootummaa Itoophiyaarraa dhiibbaa akka hir'isu kan kaasan xinxaaltonni kunneen, kuni kanneen Itoophiyaa keessatti karaa hidhannoo ykn karaa nagaa mootummaa mormaniif hiika maalii qaba? jennee Dr. Henook gaafanne.
"Ejjannoon Tiraamp qabu, leecalloo Ameerikaa, Ameerikaadhuma keessatti gargaaramna kan jedhuudha. Akka natti fakkaatutti, gareen mormitootaa ykn hidhatanii qabsaa'aan addatti Tiraamp dhufuusaarraa waan fayyadaman hin qaban," jedhu.
Ganafa Afrikaatti Waajjirri Ergamaa Addaa US iyyuu cufamuu akka danda'u kan kaasan Dr. Heenok, "Waa'ee Itoophiyaa dhimma warra Itoophiyaati malee dhimma kiyya miti jechuu danda'a" jechuun yeroo akkasii Itoopiyaa keessatti gareen tokko miidhamee gareen biraa fayyadamuun waanuma jiru akka ta'e kaasu.
Dabaluunis, "Tiraamp Faannodhaaf poolisii hin qabu, WBOdhaaf ykn ABOdhaaf poolisii [addatti] hin qabu. Abiyyiifis poolisii hin qabu. Tiraamp poolisiinsaa kan mataasaatiti. Isa achirraa hafetu gaafa hojiitti hiikamu biyyasana gaha," jedhu.
Obbo Nageessaa Oddoos akkuma Dr. Henook jedhan Tiraamp dhimma biyya namaa keessa heddu akka hin seenne dubbatu.
"Rippaablikaanonni dhimmaa keessoo biyyaa keessa galurratti hangas maraa miti. Waraana kaabaa Itoophiyaan Demokiraatonni Abiy irraan dhiibbaa guddaa geessisan. Boodarra amma AGOA keessa baasutti ga'e. Tiraamp filatamuun kanallee sirreessu danda'a" jedhu Obbo Nageessaan.
Dhimma mirga namoomaa caalaa dhimma shororkeessummaa ittisuufi nageenyaarratti waan xiyyeefatuuf wal dhabdee Somaliyaafi Itoophiyaa irratti dhimmi ga'ee Itoophiyaan shororkeessummaa ittisuufi Gaanfa Afrikaa irrattillee dhibbaa umuu dandeessu Kaamalaa Haaris caalaa Doonaald Tiraamp deeggaruu akka danda'u tilmaamu hayyuun seeraa Obbo Nageessaan.