Humnoonni alaafi ENDF kan hin taane Tigraay keessaa akka bahan waliigalame

Humnoonni biyya alaafi kanneen Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa (ENDF) hin taane naannoo Tigraay keessaa baasuuniifi meeshaa waraanaa gurguddaa ta'an humnoota Tigraay hiikkachiisuun walfaana akka raawwatamu waliigalteerra gahame.

Ajajoonni waraanaa mootummaa Itoophiyaafi kan humnoota Tigraay marii guyyoota shaniif Naayiroobbiitti adeemsa hidhannoo hiikkachiisuufi akkaataa waliigalteen Piriitoriyaa hojiirra oolfamurratti taasisan waliigalteen xumuruun qabxiiwwan ijoo irratti waliigalan ilaalchisuun ibsa baasaniiru.

Waliigaltee nagaa Afriikaa Kibbaatti Sadaasa 2, 2022 qaamoolee lmaan jidduutti mallattaa’uu hordofee hidhattoonni Tigraay guyyoota 30 keessatti hidhannoo akka hiikkatan kaa'amee ture.

Humnoonni Ertiraafi kan naannoo Amaaraa osoo Tigraay keessa jiranii adeemsi hidhannoo hiikkachiisuun akkamiin danda'ama gaaffiin jedhu waliigaltee Pirtooriyaatiin booda ka'aa tureera.

Haata'u malee, waliigalteen ajajoonni waraanaa garee lamaanii amma irra gahan kun humnoota kanneen naannoo Tigraay keessaa baasuufi hidhannoo hiikkachiisuun al takkaan akka gaggeeffamu ifa godhaniiru.

Humnooti Ertiraa mootummaa federaalaa waliin hiriiruun waraanicha keessatti hirmaachun sarbamoota morga namomaa hedduun himatamaa jiru.

Amma garuu hojiirra oolmaa waliigaltee Piriitoriyaa mirkanneessuuf ajajoota waraanaa jidduutti mallattaa'een osoo addatti humnoota Ertiraafi Amaaraa hin eeriin, ''humnootii alaafi kanneen Raayyaa Ittisa biyyaa hintaanee Tigraay keessaa'' akka bahan kaa'eera.

Waliigaltii hojiirra oolmaa kanas gama Itoophiyaatiin Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa fi gama TPLFn ammoo Janaraal Taaddasaa Warradaa jidduutti bakka bu’oonni Gamtaa Afriikaa bakka argamanitti mallattaa’eera.

Ajajjoonni waraanaa lamaanis humna waraanaa biyyaaleessaa tokkicha qabaachurratti waliigaluu kan irra deebiin mirkanneessan yoo ta’u, hojiirra oolmaa waliigaltee kanaaf dhimmanii akka hojjetan himaniiru.

Kana malees, qaamoolee lamaanuu wal uurraa of qusachuufi kaayyoo hojiirra oolmaa waliigaltichaa guutummaatti mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan barbaachisan hunda fudhachuuf waliigalan.

Akkaataa keewwata waliigaltichaa 6 keessatti taa’een, looltoota Tigraay hidhannoo hiikkachiisuuf Sadaasa 15, 2022 irraa kaasee guyyoota torba keessatti ajajjoonni humnoota isaaniif ibsa taasisu.

Gama biraatiin ammoo waliigalteen nageenyaa Afriikaa Kibbaatti mallattaa’ulleen hanga yoonaatti deeggarsi namoommaa naannoo Tigraay galuu akka hin eegallee komiin TPLFn ka’aa jira.

Mootummaan federaalaa ammoo Tigraay keessatti eddoowwan to’annoo isaa jalatti argamaniitti deeggarsa dhiyeessaafi tajaajiloota bu’uuraa adda citanii turan wal jalaan deebiisaa jiraachu Sadaasa 11, 2022 himeera.

Ajajjoota waaraanaa Naayiroobiitti walii mallattessanis, dhiyeessitiin deeggarsa namoomaa hin daangeeffamne akka jiraatuuf, nageenya hojjattoota gargaarsaa mirkanneessuuf, namoota nagaaf eegamusa taasisuufi koree waloo hojiirra oolmaa waliigaltichaa hordofu hundeessuuf waliigalan.

Deeggarsawwan hundi beekamtiifi sakkatta’insa mootummaa federaalaa keessan kan darbu yoo ta’u, buufataaleen sakkatta’insaa garuu lama (tokko bakka man-kuusaa fi bakka seensaatti) qofatti akka ta’u waliigalame.

Eegumsi namoota nagaas haaluma waliigaltichaafi Heera Mootummaa Federaalaatiin humnoota nageenyaa federaalaa fi qaamoolee nageenyaa naannichaatiin akka ta'u kaa’ameera.

Akkassumas guyyaa waliigalteen kun itti mallattaa’eetti koreen waloo karoora hojiirra oolmaa meeshaa waraanaa hiikkachiisuu irratti hojjatu, qamaoolee lamaaniifi AU irraa ni hundeeffama.

Kunis guyyoota 14 keessatti akka ta’u waliigalame.

Kana malees, qaamoolee lamaanu garee hordoftootaa fi mirkanneessituu jila olaanaa kan Gamtaa Afriikaatiin durfamuun wal ta’uuf waliigalaniiru.