Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajajoonni waraanaa karoora hidhannoo hiikachiisuufi raayyaan Maqalee itti galurratti waliigalan
Ajajoonni waraanaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF Naayiroobii Keeniyaatti marii taasisaa turan har’a karoora hidhanoo hiikkachiisuufi akkaataa raayyaan ittisaa biyyaa Maqalee galurratti waliigaluu mootummaan Itoophiyaa beeksiise.
Tajaajjiilli Komunikeshinii Mootummaa Federeaalaa ibsa baaseen kanaan, haaluma waliigaltee Afriikaa Kibbaatti waraana dhaabuuf mallattaa’erratti hundaa’uun ajajjoonni waraanaa olaanoo mootummaa Itoophiyaafi TPLF hojiirra oolmaa waliigaltichaarratti Sadaasa 12, 2022 Naayiroobii Keeniyaatti waliigalteerra gahuu beeksiiseera.
Waliigaltichi gama Itoophiyaatiin Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa fi gama TPLFn ammoo Janaraal Taaddasaa Warradaa jidduutti bakka bu’oonni Gamtaa Afriikaa bakka argamanitti mallattaa’eera.
Waliigalteen kun dhiyeessii deeggarsa namoommaa hin daangoofne, eegumsa namoota nagaa, hidhannoo hikkachiisuufi nagaa buusuudhaaf tarkaanfii isa olaanaa ta’uu Gamtaa Afriikaatti bakka bu’aan Gaanfa Afriikaa Oluuseengoon Obaasaanjoo dubbattan.
Waliigalteen har’a ajajjoota waaraanaa jidduutti mallattaa’e kunis waliigaltee Piritoriyaatti torbaniin dura mallattaa’e hojiirra oolchuudhaaf kan daandii banuudha jedhameera.
Mariin ajajjoota waraanaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF Sadaasa 7, 2022 Naayiroobii Keeniyaatti guyyoota sadiif cufaatti gaggeeffamaa tures dheerachuun Sambata har’aa walgalteen xumuramuun ibsameera.
Waliigalteen nagaa karaadhuma karoorfameen akka hojiirra ooluuf mootummaan hojjataa jiras jedhe ibsi Koomunikeshiniin baase.
"Karoorrichi itti fufiinsaan hojiirra ni oolfama. Hojiirra oolmaa karoorichaatiif ammoo qaamooleen dhimmichi isaan ilaallatu hundi haaluma waliigaltichaatti kan isaan irraa eegamu akka bahaniif mootummaan ni yaadachiisa," jedhe ibsichi dabaluun.
Waraanni kaabaa Itoophiyaatti waggoota lamaan darbe gaggeeffamuun badii hedduu qaqabsiise karaa nagaatiin furuudhaaf mariin Afriikaa Kibbaatti mootummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti taasifameen waliigalteerra gahuu hordofuun ture ajajoonni waraanaa adeemsa hojiirra oolmaa irratti kan waliigalan.
Mariin ajajoota waraanaa olaanoo garee lamaan gidduutti Naayiroobii keessatti gaggeeffamaa ture waliigaltee Piritooriyaatti mallattaa’e adeemsa ittiin hojiirra oolchan irratti kan fuulleeffate ture.
Ajajoonni waraanaa lachuu waliigaltee Naayiroobiitti taasisan kana mallatteessan yoo ta’u, waliigaltee kanas guutummaan guutuutti hojiirra oolchuudhaaf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.
Haaluma kanaan, waliigalteen inni guddaan erga mallatteeffameen booda gareen lamaan sa’aatii 24 keessattia gaggeessitoonni waraanaa olaanoo haasaa akka taasisan kan ibsamee ture yoo ta’u, guyyoota shan keessatti ammoo adeemsa ittiin hidhannoon hiikkachiifamurratti mariyachuudhaaf sagantaa baheen ture kan Naayiroobiitti mariirra turan.