Ammaan achi ambaasaaddarri Afrikaa Kibbaa UStti 'fudhatama hin qabu' - Minsitira dhimma alaa US

US ambaasaaddara Afrikaa Kibbaa biyyashee keessaa ari'aa jirti, Ministirri dhimma alaa Maarkoo Ruubiyoo ''nama jibbiinsa sanyii dantaa siyaasaaf fayyadamu,'' jechuun ibsan.

Maarkoo Ruubiyoo barreeffama X irratti maxxansan keessatti Ibraahiim Rasuul US fi Pirezidant Doonaald Tiraampiin akka malee jibba jechuun himatan.

Ambaasaaddaarichi ''ammaan achi biyya keenya guddoo kana keessatti fudhatama hin qabu,'' jedhan.

Waajjirri Pirezidantii Afrikaa Kibbaa Sambata kaleessaa tarkaanfiin US ''kana nama gaabbisiisu,'' jedhee ture.

Afrikaan Kibbaa hariiroo US waliin qabdu cimsitee itti fufti jedha ibsi ba'e.

Tarkaanfiin US kun dhihoo kana michummaan biyyoota lameenii laafaa jiraachuu agarsiisa.

Dippiloomaatota sadarkaa gadiirra jiran ari'uun waanuma ture, garuu US aanga'oota mootummaa sadarkaa kanatti wayita biyyashee keessaa ariitu kun kan jalqabaati.

Ameerikaatti Ambaasaaddarri Afrikaa Kibbaa Ibraahiim Rasuul dhihoo kana Tiraamp ''garee muraasa isa kaanirratti olaantummaa guddaa qabu ijaaraa jira,'' jechuun dubbatanii turan.

Afrikaan Kibbaa garee olaantummaa warra adiin falmuun seenaa waan qabduuf, ilaachi Tiraamp kun lammiilee Afrikaa Kibbaaf balaa guddaa akka ta'e yaada kennan.

Yaada qondaala Afrikaa Kibbaa kanaaf deebii kan kennan Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo, Rasuul kanaan booda "PERSONA NON GRATA"- afaan laatiiniin ''nama fudhatama hin qabne,'' jechuun labsan.

Erga Tiraamp Waayit Haawusitti deebi'ee hariiroon US fi Afrikaa kibbaa laafeera.

Qajeelfamni Doonaald Tiraamp ji'a darbe keessa dabarsan US gargaarsa Afrikaa Kibbaaf taasistu akka adda kuttu ajaja.

Kanaaf ammoo sababi lammiilee adii Afrikaa Kibbaa keessa jiraatan ''sababa tokko malee sanyummaa fi bifa isaaniin qoollifatamuun miidhamuudha,'' jedha ajajichi.

Lammiileen adiin Afrikaa Kibbaa keessa jiraatan qacceen isaanii namoota Daach jaarraa 17ffaa keessa biyyattii keessa buufatan irraa kan as dhufuudha.

Heerri mootummaa dhihoo kana mootummaan Afrikaa Kibbaa raggaasise lafa lammiilee adii humnaan kan irraa fuusisuudha jechuun komatama.

Ibsi Waayit Haawus baase ''Afrikaan Kibbaa balleessaa ykn yakka sadarkaa idiladdunyaatti hamaa ta'e raawwachuu yoo itti fufte, qonnaan bultoota haleeluu hin dhaabdu yoo ta'e Ameerikaan deeggarsa irraa dhaabdi,'' jedha.

Lakkoofsi uummataa bara 2022 gaggeeffame Afrikaa Kibbaa keessaa lammiilee adii- Afrikaners jedhaman dabalatee namoonni adiin miiliyoona 7.2 ta'an akka jiran mul'isa.

Ammoo odeeffannoon mootummaan biyyattii bara 2018 baase lafti qonnaan bulaa dhibbeentaa 72 ta'u harka warra adii akka jiru mul'isa.

Ambaasaaddar Ibraahiim Rasuul armaan duras bara 2010-2015 Ameerikaatti Ambaasaaddara Afrikaa Kibbaa ta'uun tajaajilaniiru.

Bara bulchiinsa appaartaayitidii wayita Keep Taawon kan warra adii qofa jedhamtetti maatiisaanii waliin qe'eesaaniirraa ari'atamaniiru.

Aab Ibraahiim Rasuul Ameerikaatti Ambaasaaddara Afrikaa Kibbaa ta'uun bara 2024 irra deebiin muudamaniiru.