Tigraayitti hongee mudateen namoonni 22 beelaan lubbuu dhaban

Torbee kana deeggarsi hin qaqqabu taanaan namoonni kumaan lakkaa'aman lubbuu dhabuu akka danda'an aanaa Qollaa Tambeenitti hogganaan damee diinagdee Obbo Gooyitoom Gabirasillasee BBCtti hojjeta.

Namootaan alatti bineeldotni kumaatamaan lakkaa'aman du'uu isaanii hoggantichi dabaluun himaniiru.

Aanaan Qollaa Tambeen jiraataa kuma 108 qabdu keessaa addatti kan miidhamte ganda Yaaqeer jiraataa 4,112 qabdu dha.

Aanichi duraaniyyuu hongeen kan miidhamu yoo tahu ganna bara kanaan ammoo haala adda taheen roobni waan hin roobneef oomishni akka hin biqille Obbo Gooyitoom himan.

Gandoota ollaa jiran keessaa gandooti 170 tahan gongeen miidhamuus himaniiru.

Ganda kanatti garuu sanyiin al sadii heektaaara 700 sanyiin facaafame otoo hin biqiliin hafuu ibsaniiru.

Sababa kanaanis namoonni 22 du'anii, re'ee kuma 133, hoolaa 4,500, harree 900 fi loon 185 ol kan du'an yoo tahu gaagurri 200 ol ammoo hojiin ala tahaniiru.

Obbo Gooyitoom duuti kuni itti fufaa akka jiru keesumaa daa'immaniifi maguddoonni beela dandamachuu waan hin dandeenyeef ''afaan du'aa bira jiru,'' jedhan.

Jiraattonni naannichaa qonnaafi horii horsisuun kan bulan waan taheef hanqina roobaan rakkoo hamtuu keessa galaniiru.

Keesumaa ganda kana kan adda godhu karaan garas geessu adeemsa lafoo sa'atii jahaan booda kan qaqqabamu yoo tahu bishaan dhugaatiis lagaa waan waraabaniif rakkoon kuni hammaate jedhan.

''Wal'aansas dhihootti hin argatan. Deeggarsa garagaraa argachuuf qormaata itti tahee jira. Kuni hunid walitti idaa'amee yoo qaqqabuufi baanne hawaasni kuni ni dhuma,'' jedhan.

Laggeen dhihoo ganda kana jiran Takkazee fi Garab Gibaa hanqinni roobaa waan isaan mudateef uummata miidhameefis tahe bineeldaaf akka madda bishaanitti tajaajilaa hin jiran jedhan.

''Gadi jennee yoo ilaallee lafa, ol jennee yoo ilaalle samii dha. Harreen dhuman, ijoolleen keenya dhiiraa akka nu hin gargaarreef hunduu bahanii dhumaniiru,'' jechuun qonnaan bultoonni TV naannichaatti himan.

Waajirri Qonnaafi Misooma Baadiyyaa irraa odeeffannoon argame akka himutti sababa hongee kanaan re'ee, hoolaa, harree fi loon kuma 27 dhumuu agarsiisa.

Daa'imman qaamni isaanii huqqate,manguddoota beelaan humna dhabanii hin sochoone, dargaggoota dadhaban akkasumas bineeldota iddoo fedhetti harca'an lafa hongeen tatarsa'ee miidiyaa hawaasa irratti qoodamaa jira.

''Guyyaa lamaafi sadii boodas haala duuti isaan eeggatu keessa jiru. Haala kanaan yoo isaaniif qaqqabuudhaa baanne takkaatti dhumuu danda'u,'' jechuun Obbo Gooyitoom rakkoo hammaataa tahuu himaniiru.

Aanaan kuni bulchiinsa yeroo mootummaa naannoo Tigraayiifi akkasumas mootummaa federaalaaf rakkoon beelaa jiraachuu gabaasuu isaanii Obbo Gooyitoom himaniiru.

Tahus hamma yoonaa deeggarsi gara naannichaa gale akka hin jirre himaniiru.

Tarii boruu gargaarsi seenuu akka dand'u ''kana abdiin eeggataa jiraachuu'' dubbtan.

Hanga ammaatti dhaabbata (Seed Enterpise)n xaafii kuntaalli 400 ergamu kaasanii, ta'us hanga ammaatti gargaarsi ummataaf gahaa ta'e akka hin jirree ibsaniiru.

Aaanichatti namoonni hanga ammaatti du'an 22 gahusaanii dubbachuun, baatiiwwan ittaanan caalaa rakkoosaa fi ''yoo gargaarsi hin jiraannee ummanni ni dhuma'' jehuun akeekkachiisaniiru.

''Aanichatti kanaan duras yoo a'e baatiiwwan Adooleessa fi Fulbaana keessa rakkoon ni mudata. Ummanni qabu mataansaa yeroo itti rakkatuudha. Ongee yeroo ammaa jiruun wal qabatee wantti dhugamuus ta'e kan itti dhumuudha. Kanaafu qaamni dhimmisaa ilaallatu yoo deeggarsa hin goone cimaa ta'u hubatee akka gahamuuf waamicha dhiyeessnaiiru.

Ongeen eddoowwan ollaa kaanittis babalateera. Aanaa Qollaa Tambee akkasumas naannooleen Laa'ilaay Tsalamti kanneen ongee cimaadhaan miidhamaniidha.

Yeroo ammaatti naannoolee aanichaatti argaman keessaa gandoonni jaha ongeen miidhamu bulchaan BBCtti himeera.

Itti gaafatamaa Waajjira Damee Diingadee Aanichaa, Obbo Alamisheet BBC Tigrinyaatti akka himaniitti, ''waliigalatti waggoota darbanii kaasee aanichatti hir'inni roobaa kan ture ta'ulleen, yeroo ammaatti garuu haala cimaadhaan gandoota sadii keessatti ongeen mudachuu'' kaasaniiru.

Gandoota aanichatti argaman baatii Caamsaa irraa kaasee roba omaatuu waan hin arganneef ongee umameen jiraattoonni kan sooratan dhabuu fi beeladoonnis akkasuma hir'ana nyaataaf saaxilamu himaniiru.

Aanichi sababii iyyummaa fi hir'ina ommishtummaatiin naannoolee waggootaaf gargaarsa irratti hirkatan keessaa yoo ta'u, waraanaa Tigraay hordofee ammo gargaarsi dhaabbate ture.

Waraanichi waliigaltee Piritoriyaatiin dhaabbatulleen naannoolee sababii waraanichaatiin midhaman garuu deeggarsa gahaa akkasumas bu'uuraaleen misoomaa hin gutamiinif hafeera.

Hanaga ammaattii aanichatti namni du'e jiraachu baatulleen, du'a beeladootaan miidhamaa jiraachusaanii kan himan Obbo Alam Isheet, roo'oonnii fi hoolloonni 8,352 akkasumas beeladoonni 807 baatii lamaan darban keessa du'u kaasaniiru.

Komishiinin Goggansa Sodaa Balaa Naannoo Tigraay hir'ina roobaa mudateen gandoota 170 keessaatti ongeen mudachuu mirkanneessera.

Komoshinichi Yaaqeer dabalatee naannooleen ongee cimaadhaan miidhaman miidhaan baatii lamaaf ta'u kuntaalli 1,200 ergamuufisaa Komishinarri Dr Gabra Hiiyiwoot Gabra Igzaabiheer ibsaniiru.

Naannoo Tigraayiitti ummanni miliyoona lamaa ol ta'u deeggarsa nyaata atattamaa akka barbaachisu odeeffannowwan naannichaa bahan ni agarsiisu.