Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Beela moo hongeedha' isa jedhurratti falmuurra gargaarsi haa dhiyaatu- Abbagaar Uummataa
Dhaabbatni Abbagaar Uummataa haal qabatamaa naannoo Amaaraa fi Tigraay jiru erga ilaalee booda mootummaan wanti mudataa jiru beelaa jedhamamoo hongee jedhama kana jedhurratti yeroo gubuurra deeggarsa akka dhiyeessu gaafate.
Ogeeyyiisaa gara naannolee lamaaniitti erguun saamuda sassaabuu kan ibsu dhaabbatichi, rakkoo sababa hongeen mudateefi dhiyeessii deeggarsaarratti qaawwi jiraachuu hubachiiseera.
Lakkoofsa miidhamtootaa adda baasuurratti aanga'oonni sadarkaa adda addaa jiran ragaan kennan wal hin fakkaatu jedha Abbagaar Uummataa.
Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay miidhamtootni balaa hongee kanaa miiliyoona 4.2 yeroo jedhu, Dhaabbatni to'annoo ittisa balaa gama isaan miiliyoona 2.2 tti xiqqeessa.
Naannoo Amaaraa keessattis sababa hongee kanaan lakkoofsa namoota miidhamaniifi lubbuu dhabaniirratti ragaaleen waldhiitan dhiyachaa jirachuu dhaabbatichi ibseera.
Sababa kanaatti uummata deeggarsi nyaataa isaan barbaachisu adda baasuufi dhiyeessuurratti rakkoon mudachuu beeksisera.
''Haala miidhamtootni akka ta'utti adda hin baanetti deeggarsa dhiyeessuun hin danda'amu. Fakkeenyaaf mootummana federaalaa miiliyoona 2.2 yeroo jedhu, bulchiinsi naannoo Tigraay ammoo miliyoona 4.2 jedha. garaagarummaa miiliyoona lamaatu jira. Kana jechuun uummatni miiliyoona lama ta'u dhugumatti deeggarsi osoo isa barbaachisuu hin argatu jechuu ta'uu danda'aa'' jedheera.
Dhaabbatni Abbagaar Uummataa ibsa baase keessatti naannolee Tigraayiifi Amaaraa keessatti sababa hongee mudateen namootni 400 ta'an lubbuu dhabuu ibseera.
Hoji Gaggeessaan dhaabbatichaa Obbo Indaalee Haayilee yaada BBCf kennaniin duuti kun ji'oota jaha darban keessatti galmaahuu dubbataniiru.
Ibsi dhaabbatichaa amma dura mootummaan federaalaa sababa hongee mudateen ''duuti galmaahe jiraachuun hin mirkanoofne'' isa jedhu waliin walfaalleessa.
Amma dura kutaalee naannolee ollaa lameenitti sababa hongeen lakkoofsi namoota dua'anii sadarkaa aanaarraa gabaasamaa kan ture ta'us, ragaan haala waliigalaa agarsiisu garuu hin jiru.
Abbagaar ogeeyyiisaa gara naannolee lamaanitti ergerraa akka hubatetti miliyoonaan kan lakkaawwaman miidhamuu, kana keessaa ammoo kumoota dhibbaan kan lakkaawwaman qe'eerraa buqqa'uu ibseera.
Naannolee hongeen miidhe keessatti ijoolleen kumootaan lakkaawwaman barnoota addaan kutuuf dirqamuus gabaaseera.
Aanga'oonni Tigraay Hagayya darbe iyyannaa dabarsaniin tarkaanfiin atattamaa fudhatamuu baannaan beelli bara 1980'ootan walfakkaatu mudachuuf akka ta'e akeekanii turan. Mootummaan Federaalaa gama isaan beelli akka hin mudanneefi hongeen miidhaa geessisaa jiraachuu beeksiseera.
Mootummaan Itoophiyaa haalli jiru beela jedhamee ibsamuu irraa rakkoo qaba. Abbagaar Uummataa ammoo haalli mudate ''beelamoo hongeedha?'' kan jedhurratti yeroo gubuu caalatti deeggarsa barbaachisu dhiyeessuurratti dhaabbileen mootummaa akka hojjetan waamicha godheera.
Ministeerri Kominikeehsinii Mootummaa torban darbe ibsa baaseen sababa hongeen walqabatee ji'oota sadan dhufan keessatti lammiileen deeggarsa nyataa barbaadan miiliyoona jaha akka ta'an adda baasuu ibseera.