Godinaalee kaaba naannoo Amaaratti sababa gogiinsan namoonni hedduu du’an

Naannoo Amaaraa Bulchiinsa saba Waag Himraafi godinaalee kaaba Amaaratti sababa gogiinsan yoo xiqqaate namoonni 18 du’uufi baay’eesaanii ammoo yaaddoo du’aa jala akka jiran aangawoonni naannichaa BBCtti himan.

Aangawoonni kun akka jedhanitti roobni gannaa eegamaa ture roobuu dhiisun gogiinsa mudateen godinaalee kana keessatti beeyladoonni 10,000 ol du’aniiru.

Godiina Kaaba Gondaritti itti gaafamaa aana Jaanaamooraa kan ta’an Obbo Gaashawu Tasammaa gogiinsa aanichatti mudateen namoonni 16 du’uu BBCtti himan.

Kanneen du’an keessaa hedduunsaanii jaarroliifi dubartootas jedhan.

“Qote bultoonni abdii kutaniiru. Hanga ammaatti qote bultoonni garri isaan dhaqan hin baramne. Yeroo deemnee [ilaallu] manni isaanii cufamee agarra. Jiraattoonni naannoo sanaa mootummaan dafee akka qaqqabuuf gaafataniiru,” jedhan.

Koleeraa dabalatee weerarri garaa garaa naannichatti mudachuu himan aangawaan kun. Dabalataanis, beeyladoonni 7500 yoo du’an kanneen hafan balaa du’uuf kan saaxilaman ta’uu himuun qaamni dhimmi ilaallatullee deebii akka hin laannef himu.

Aanichatti bara darberraa kaasee aanichatti gogiinsi mudachaa akka ture kan himan qondaalli mootummaa kun ganna darbe kana gandoota aanichaa 38 keessaa 13 rooba tasumaa akka hin arganne dubbatu.

Walumaa galatti, aanicha keessa namoonni 230,000 ol kan jiraatan yoo ta’u, kanneen keessaa namoonni 128,000 ta’an duraanuu rakkoo wabii nyaataa kan qabaniidha.

Aangawaan kun itti dabaluunis aanan biraa Xallamti jedhamus gogiinsan miidhamuu quba akka qaban himan.

Aanoleen ollaa Godiina Bulchiinsa Saba Waag Himraa ta’an sadi keessatti bara darbe roobi waan hin robin hafeef namniifi looni du’uu himan.

Godiinicha keessaa Aanaa Siyaalaa Sayyamti keessatti gogiinsi hamaan kan mudate yoo ta’u hanga ammaa namoonni lama du’anii namoonni heddu ammoo balaa du’aaf saaxilamanii akka jiran himan bulchaan anichaa Obbo Sisaay Birruu.

Akkasumas naannichatti deeggarsi mootummaas ta’ee kan dhaabbilee tola ooltotaa homaatuu dhiyaataa akka hin jirre dubbatiu aangawoonni kun.

Tigraayitti deeggarsi midhaan nyaataa kaayyoo hin malleef irra oolera jechuun dhaabbileen tola ooltotaa deeggarsa taasisan yeroof addaan kutanii turan.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Nyaata Addunyaa deeggarsa midhaanii addaan kute deebi’ee eegaluu akka danda’u ji’a Caamsaa keessa ibsee ture. Haa ta’u malee, deeggarsi kun ammayyuu itti hin fifin jira.

Kanarraa kan ka’e namoonni waraana dheessanii dahannoo keessa jiran, bakkeewwan gogiinsan miidhaman keessa jiraataniifi duraanuu jireenyi isaanii deeggarsa midhaan nyaataa irratti hundaa’e balaa keessa galanii jiru.

Bulchaan Aanaa Sihaalaa Salamti akka jedhanitti, aanichatti roobni roobuu dhiisurraa kan ka’e midhaan lafa heektaara 60,000 irratti faca’e badduu baheera.

“Hawaasni waan afaan keewwatu hin qabu. Loon manaa 4,000 ol dhumaniiru. Kanaan dura gogiinsi mudatee beekus yoo xiqqaate margi loon jiraachisu inuma argama ture. Amma garuu, gogiinsa namaafis bineensafis yaaddessaa ta’etu dhalate,” jedhan.

Obbo Sisaay akka jedhanitti jiraattota 50,000 ol aanicha keessa jiraatan keessaa 46,000 kan ta’an deeggarsa itti fufiinsaa kan barbaadan yoo ta’an, 20,000 ol kan ta’an ammoo deeggarsa hatattamaa kan barbaadaniidha.

“Haadholiin, jaarroleefi daa’imman beela hamaadhaf saaxilamaniiru. Weerara garaa garaatinis dararamaa jiru,” jedhan.

Ammatti naannoo isaanitti rakkoon nageenyaa akka hin jirre kan himan Obbo Sisaay, deeggarsi namoomaa yeroo waraana kaabaa dhiyaataa ture erga addaan citee booda amma deeggarsi dhiyaatu akka hin jirre himan.

Itti gaafatamaa Kominikeeshinii godiinichaa kan ta’an Obbo Kaffiyaalewu Dabaash aanaalen sadi godiinicha keessatti argaman: Ziquwaalaa, Sahaalaa Sayyamtifi Abargallee keessatti gogiinsi mudachuu ibsuun kan Aanaa Sahaalaa Sayyamti keessatti mudate hamaa ta’uu BBCtti himan.

Qondaalli mootummaa kun yeroo BBCn isaan dubbisu midhaan sababa gogiinsan maasarratti hafe daawwataa kan jiran ta’uu himuun, naannichi waktii Fulbaanaa osoo hin taane bona akka fakkaatu himan.

Torban kana keessa deeggarsi mootummaa yoo dhaqqabuu baate namoonni heddu lubbu dhabuu akka danda’anis yaaddoo qaban himan.

Naannoo Amaaratti namoonni miliyeena 6.7 deeggarsa akka barbaadan Komishiniin Ittisa Balaafi Wabii Nyaataa naannichaa bara darbe ibsee ture.