Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Midhaan facaafnee hin biqilin hafe, beelaan dhumaa jirra' - Qonnaan-bultoota Tigraay
Akka ammaa kana osoo hiin taane bara kaan Lixa Tigraayitti kan argamtu aanaan Atsbadaraa lafa midhaanin quufaafi loonillee hedduu qabdi turte.
Waraana waggaa lamaa booda qonnaan-bultoonni lafa qonnaatti deebi'ianis lafti midhaan kennuu didee beelaaf saaxilamuu dubbatu.
Qote-bulaa Gabramadin Gabramaariyaam dullumniifi rakkinni itti baay'attee lafti midhaan kennuu diduutti akkaan gaddanii dubbatu.
"Harka Waaqaafi mootummaarratti kufnee jirra. Walumarraa liqeffataa as geenye malee waan nyaatamuufi dhugamu hin qabnu," jedhu manguddoon kun.
Obbo Gabramadin ijoollee afur fi ijoollee ijoollee isaanii afur waliin mana duwwaa keessatti beelaan waadamaa jiru.
Midhaan qofa osoo hin taane, lafti margaallee baasuu didee loon lafa onaa keessa akkasumaan olii gadi yaa'u.
Ji'a Waxabajjiifi Hagayyaa qofaa keessa roobni xiqqoon wayii roobee achumaan baduurraa kan ka'e midhaan faca'ee ol-hin deebi'in hafe.
Ollaa Obbo Gabramadin kan ta'an Aadde Latasillaaseen beelarraa kan ka'e qaamnisaanii suntuureera.
"Mucaan koo najalaa du'eera, anis beelaan du'uufan jira. Mucaan koo na sooru na jalaa du'e," jechuun mucaansaanii lola Tigraayitti gaggeeffamerratti du'uu himu.
Mucaasaanii qofa osoo hin taane abbaan warraasaanis du'aniiru. Ijolleesaanii hafanirratti hirkatanii kan jiraatan Aadde Latasillaasen, midhaan faca'e firii malee hafuun caalmaatti isaan miidheera.
Manguddoon biraa jiraataa naannichaa ta'an Aadde Tsaggaa Sabaahoo agartuunsaanii hin argu. Beelli itti dabalamee sirerratti kufaniiru.
"Kan facaafne gubatee alatti hafe. Waan akkasii arginees dhageenyes hin beeknu. Nyaachu kan facaafne, biyyoo ta'ee alatti hafe," jedhu.
Lixa Tigraayitti kan argamtu aanaa Atsibadaraa BBCn kan daawwate yoo ta'u, jiraattoni naannichaa waan nyaata dhabanii kan rakkatan ta'anis, "Maaloo seeni" jechuun aadaa isa yeroo midhaan gootaraa guutuu hin dhiifne.
Aanadhuma kana jirataa Ganda Hadinnat kan ta'an manguddoon gana 80 Alaqaa Fissahaa Gabrakidaan agartuusaanii dhabanii manatti deebi'aniiru.
"Sadaasafi Mudde asheeta osoo hin argine dabarre," jechuun haalli keessa jiran hamaa ta'uu himu.
Naannichatti deeggarsi namoomaa gahaan akka hin jirre dubattu jiraattoni BBCn dubbise.
Sababa beelli cimaan mudateef ijoollen mana baruumsaa deemaa hin jiran. Deeggarsi namoomaa hatattamaan yoo hin qaqqabne lubuusaanif yaaddoo akka qabana himu.
Deeggarsi namoomaa dhaabbilee gargaarsaa idil-addunyaatin dhiyaatu erga addaan citee baatii 10 guutuu himatu jiraattoni kun.