Ijoollee harka qalleeyyiif meeshaalee barnootaa gumaachuun 'miira addaa qaba'

Dargaggoonni yeroo barnoonni eegalu kanatti ijoollee maatiinsaanii humna hin qabneef meeshaalee barnootaa walitti qabanii gumaachan ‘miira addaa qaba’ jedhu.

Waqtiin gannaa dhumee yeroo birraan bari’u ta’ii bara haaraatti ijoolleen hawwiin eegan keessaa tokko jalqabbii manneen barnootaati.

Hiriyoota daree tokkoo waliin baratan, kan yeroo ganna barnoonni adda citee maatii biratti dabarsan dhumee akka haaraatti birraa walargan barattootaaf yeroo gammachuu addaati.

Maatiin hedduunis barnoonni jalqabuu dursanii ijoollee isaaniif meeshaalee barnootaa akka barullee, qalamaafi boorsaa bitanii qopheessu.

Kuni garuu maatii meeshaa barnootaa ijoollee isaanii bituuf humna qabaniif malee kanneen harka qalleeyyiif dhufaatiin yeroo barnootaa kuni yeroo dhiphinaati.

Harkaa dhabaan ijoollee isaaniif uffata haaraafi meeshaa barnootaa barbaachisu bitanii mana barumsaa galchuun kan ba’aa ulfaataa itti ta’u hedduun nijiraatu.

Sababa kanaaf jechas gaaffii ijoollee isaanii deebisuuf dinagdeen harka qabdee ijoollee isaanii mana barumsaa galchuurra kanneen ijoollee isaanii tiksee horiifi hojjettuu manaatiin mana namaatti galchanis jiru.

Yeroo ammaa kanatti barataa tokkoof meeshaa barnootaa, barulleefi qalama barbaachisu guutuun qofti giddu galeessaan birrii 700 hanga 1200 nama gaafata. Kun maatii hedduuf baasii laayyotii miti.

Yeroo ammaa kana ammoo aadaan barattoota harka qalleeyyiif meeshaa barnootaa sassaabanii gumaachuu kuni namoota hedduu biratti baratamaa dhufeera.

Dhaabbileen mootummaa, namoonni dhuunfaafi dhaabbileen gargaarsaa yeroo birraa kanatti meeshaalee barnootaa ijoolleef dhiheessan ni mul’atu.

Gaazexessaa Zinaabuu Daamxee, bara 2010 irraa eegalee ijoollee humna hin qabneef meeshaalee barnootaa gumaachuu jalqabe.

Gumaachi ijoollee firaatiif jalqabame kun bara darbe kanatti hanga ijoollee 50’f meeshaalee barnootaa dhiheessuutti akka gahe hima.

“Ijoolleen hedduun sababa meeshaa barnootaa hin qabneef hiriyoota isaanii biraa mana barnootaa hafan hedduudha. Kun waan baayyee namatti dhagahamu. Jalqaba ijoollee fira kiyyaatifan bituu jalqabe. Suutuma suuta dabalaan deeme,” jedha.

Waggoota afur darban baasii dhuunfaa isaatiin barattoota harka qalleeyyiif meeshaalee barnootaa deeggaraa turuu kan himu Zinaabuun, bara 2015 lakkoofsi barattootaa humna isaatii ol taanaan deeggarsa walitti qabuu jalqabe.

“Jalqaba ijoollee muraasa ture. Inni ani biteef isa biraatti yeroo himu ijoolleen nagaafatan 27 irraa gara 50 gahe. Hamma kana eenyuttuu hin himu dhoksumaanan bitee kennaafii ture.”

“Bara 2015 qaala’insa waliin ijoollee 50‘f mindaa kiyyaan bitee dhiheessuun humna kiyyaa oltaanaan ‘Facebook’ irratti barreesse. Namoonni hedduun karaa kiyyaan barullee, birrii walitti qabuu eegalle. Bara darbe ijoolle 50 haala kanaan barsiisne,” jedha.

Waggoota jahaaf hojii deegarsaa kana guddisaa kan dhufe Zinaabuun, yeroo Waxabajjii barnoonni cufamu ijoolleen gammachuudhaan ‘kutaa itti aanutti darbine', ‘sadarkaa hammana bahe’ jedhanii kaardii yoo natti agarsiisan gammachuu guddaan argadha jedha.

Dargaggoo Arafaat Abubakaris namoota yeroo birraa kanatti meeshaalee barnootaa ijoollee harka qalleeyiif dhiheessaa jiran keessaa tokko.

Aanoota Godina Baale bahaa fi iddoowwan biraattis karaa dhaabbata isaatiin ijoolleef meeshaalee barnootaa deeggaraa jira.

“Aanaale Raayituu, Gololchaa, Gaasaraa, Agaarfaa, Diinshoo akkasumas godina Booranaa aanaa Dubulluqitti ijoollee harka qalleeyyiif meeshaalee barnootaa deeggaraa jira. Bara kana hanga ammaa ijjoollee 200 tahan dhaqqabsisnee jirra. Hanga barnoonni jalqabutti ijoollee 500 gahuuf hojjenna,” jedha.

Deeggarsi meeshaalee barnootaa ijoollee harka qalleeyyiif taasifamu kuni garuu hojii of eegannoon hojjetamuu qabu ta’uu eera Arafaat.

“Amma bakka tokko tokkotti ijoollee harka qalleeyyiif meeshaa barnootaa yeroo kenninu warri humna bituu qabus ijoollee kiyyaaf hoo? jedha.

“Miira irkattummaa hawaasa keessatti uumuu hin qabu. Gochi kun harka qalleeyyiin sababa barullee dhabeef mana barumsaa hin hafiin jechuuf malee aadaa hin taane uumuu hin qabu,” jedha.

Maatiin ijoollee barana humna waan dhabaniif deeggarsi akka taasifameef malee bara baraan ijoollee isaaniitiif deeggarsi meeshaa barnootaa nitaasifama jedhanii yaaduu akka hin qabne hima.

“Deeggarsi nuti goonu gara caalu ijoollee kutaa shanii gadi jiraniifiidha. Sababnisaas warri kun hojii biraa akka listiroofaallee hojjetanii of barsiisuu warra hin dandeenye waan ta’aniif,” jedha.

Yeroo Fulbaanaa kanatti namni kamuu naannoo isaatti ijoolleen sababa meeshaa barnootaa dhabaaf mana barumsaa haftu akka hin jiraanneef aadaan walgargaarsaa kuni cimuu akka qabus dhaamu dargaggoonni lamaan.

Mudannoo

Bara darbe ijoolleen yeroo Fulbaanatti meeshaa barnootaa biteefii ‘Yoo 1ffaa hanga 3ffaa baatan saaykilii sinii bita’ jedhee waadaa galeefii ture jedha Zinaabuun.

“Ijoolleen akkas jedheen warra duraan 20 faa bahaa turan. Waxabajjiitti ijoolleen lama waadaan galeef kanaan cimanii tokkoffaa fi lammaffaa bahan. Isaan lamaan waadaa kan galte fidi,” naan jedhanii jedha.

Zinaabuun ‘Waadaan akka salphaatti seene’ jedhu guutuuf dhamaatirran jira jedha. Ta’us ijoolleen yoo onnachiifaman, yoo gargaaraman hammam akka fooyya’an waan nu barsiisu akka ta’e hima.