'Safaricom Itoophiyaatti maamiltoota miliyoonaan horatus galii dhabe'- Baankii Addunyaa

Sirna waliigaltee bara 2021tti mallatteeffame

Madda suuraa, Getty Images

Bara 2022 gabaa telekoomiifi daddabrsa maallaqa dijitaalaa Itopohiyaatti kan makame kaamapaniin Keeniyaa Safaricom maamiltoota miliyonaan horatus galii argachuu akka hin dandeenye gabaasni Baankii Addunyaa ibse.

Gabaasni Baankiin Addunyaa deeggartoota biroo waliin mata duree The 'Ethiopia Telecom Market Assessment' jechuun baase mootummaan Itoophiyaa damee telekoomii dhaabbilee biyya alaaf banaa gochuunsaa galiiwaliigalaa biyya keessaa, GDP biyyattii guddisuuf gahee baheera jedhe. Kanaafis murtee mootummaa Itoophiya leelliseera.

Damee telekoomii Itoophiyaatti makamuusaatiin gaban akka dammaqu godheera. Yeroo gabaabaa keessatti maamiltoota miliyoona hedduu horate.

Jalqaba bara 2025tti maamiltootni sarara bilbilaa miliyoona 5.2 gahaniiru. Kanneen daataa fayyadaman miliyoona 4.9 tajaajila daddabarsa maallaqaa M-Pesa kan fayyadaman ammoo miliyoona 8.3 gahaniiru.

Akka gabaasni Baankii Addunyaa jedhutti erga Safaricom gabaa Itoophiyaa galee doolaarri biiliyoona 3.1 GDP biyyatti akka dabalamu gumaacheera. Namoota 900,000 ta'aniifis carraa hojii uumeera.

Haata'u malee Safaricom erga gara Itoophiyaa galee baasii malee galii argachaa hin jiru. Bara 2024 keessa hangi maallaqaa dhabe doolaara US miliyoona 325 ta'uu miidiyaaleen Keeniyaas gabaasaniiru.

Dirreen hojii Ethio-telecom fi Safaricom gidduu jiru adda adda ta'uusaarraa kan ka'e Safaricom fayidaa eegamu akka hin arganne danqaa uumeera jedheera.

Kaampanichi doolaara biliyoona 1.6 qabatee gabaa Itophiyaa gale. Kana keessaa muraasni deeggarsa Baankii Addunyaati.

Galiin ammaan tana kaampaanichi maamiltootasaa miliyoonaan lakkaa'amanirra argatu baasiisa waggaa cufuu hin dandeenye.

Kaampaanichi waggaatti kaffaltii galmee seerawaa doolaara miliyoona 66.7 kaffala. Sarar Faayibarii liiziidhaan Itiyoo-telekoomirraa fudhateef ammoo doolaara miliyoona sadii kaffala.

Teknooloojiiwwan qunnamtii akka TowerCos fi InfraCos jedhaman kan mataasaa hin qabu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Humni bituu birrii Itoophiyaa bara jijiirama rifoormii diinagdee doolara US waliin yoo sharafamu 55 irraa gara 138 gahuun sababa biraa Safaricom galii akka dhabu taasise ta'uu baankichi ibseera.

''Itoophiyaan qajeeltoowwan ittiin hayyyama kennitu sirreessuu qabdi, keessumaa warra haara abiyyatti galaniif. Neetwoorkii liiziin kennituufis maallaqni gaafattu madaalawaa ta'uu qaba. Gabaa keessa akka ta'utti galuurratti danqaalee hojimaata akaahamanis balleessuu qabdi'' jedha Baankichi akka barruu The Reporter jedhamuun waabeffatametti.

Barruun Ethio-telekom gatii salphaan bu'uura telekomii mara fayydamaa waan ta'eef galiinsaa yoo dabalu dirreen dorgommii Safaricomiif mijataa ta'uu dhabuurraa kan ka'e jijjiiramni hojimaataa hin dhufu taanaan investimentiin Safaricom Itoophiyaatti galii dhabaa itti fufa jechuun akeekkachiiseera.

Safaricom fi Ethio-telecom dirree wal qixaa keessatti dorgommaa waan hin jirreef Abbaan Taayitaa Kominikeeshinii Itoophiyaa haala kana ilaalee akka sirreessus baankichi gaafateera.