Teeknoloojii: Sodaafi abdii tajaajila telekoomii dabalataa qabaachuun qabatee dhufu

Madda suuraa, CONSTRUCTION PHOTOGRAPHY/AVALON
Jiraataa magaalaa Jimmaa kan tahe Mahaammad Abbaa Garoo bilbilli harkaa isaa waan hundaasaa akka tahe hima. Bilbilli harkaa isaa kun tajaajila qunnamtiin alatti maallaqa ittiin sochoosuu fi bittaa gurgurtaaf faayidaa inni qabu guddaa tahuu hima.
Kanaaf ammoo tajaajilli intarneetii gaariin murteessaa tahuu himuun, dhaabbileen tajaajilicha kennan haaraan gara biyyaatti galuun waan gaarii akka tahe hima Mahaammad.
''Dorgommiin gaafa jiraatu, qulqullinni ni dabala, gatiin ammoo ni hir'ata. Anis qulqullina irratti xiyyeeffatu jedheen amana. Teekinoloojii gaariin ni dhufa, kun ammoo biyyattii fi uummanni ishee tajaajila dijitaalaa keessa akka galan taasisa. Damee baankii ani keessa hojjedhuufis waan gaarii qabatee dhufa.''
Damee telekoomii dhaabbilee biyya alaaf banaa kan goote Itoophiyaan dhiyeenya kana gurmuu kaampaanota telekoomiif eeyyama kenniteetti.
Haaluma kanaan gareen kaampaanoota jahaa kan hammatu 'Global Partnership for Ethiopia' jedhamu caalbaasii Itoophiyaan baaste lama keessaa tokko irratti mo'achuun hojiitti galuuf akka jedhan beeksisaniiru.
Dhaabbata Keeniyaa Safaariikoom, kan UK Voodaafoon fi CDC giruup, kan Afrikaa Kibbaa Voodaakoom, kan Jaappan, Sumitoomoo fi DFC kan jedhaman waliin ta'uun.
Dhaabbileen kunneen dhaabbata telekoomii Itoophiyaa waggoota 120'f mootummaan qofaan qabamee turetti galanii hojjechuuf eeyyama argataniiru.
Dorgommii, teekinoloojii, qulqullinaa fi gatii..
Dhaabbata 'Global Internet Shutdown' teessoon isaa magaalaa Naayiroobii tahetti Hoggantuu imaammata Afrikaa kan taatee Birihaan Taayyee dhiyeesitoonni neetwoorkii haaraan biyya galan tajaajila qunnamtiin garasitti dinagdee biyyaa sochoosuuf gargaaru jette.
Akka fakkeenyaatti Itoophiyaa keessatti akka Raayidii fi Faras tajaajila geejibaa kan tahan maamiloota isaanii waliin tajaajila intarneetiifi bilbilaan wal qunnamu. Dbalataan sababa koroonaatiin barattoonni baay'een intarneetiin gargaaramu. Kana qofa osoo hin taane jireenyi intarneetii irratti hirkateera,'' jetti.
Dabalataan Birihaan filannoofi dorgommiin dhaabbilee tajaajila kennanii fayyadamtootaaf gaariidha jetti.
''Keessumaa seeraa fi imaammata gaariin jiraannaan ammoo fayyadamtootaaf gatii gaariidhaan tajaajila kennu. Kun faayidaa isaa jalqabaati.''
Waggoota 100 oliif Itiyoo-telekoomiin qabamee kan ture dhaabbatichi biyyoota afrikaa dorgommiin keessa jiru waliin yoo ilaalamu tajaajilli Itiyoo-telekoom uummata miliyoona 100 tahuuf gadi bu'aadha jetti.
Kanaaf dhaabbilee haaraan galuun isaanii waan baay'een akka jijjiiramu godha jetti.
''Dabalataan karaa mirga namoomaa yoo ilaallu tajaajilli intarneetii fooyya'aan jiraachuun mirga dubbachuufi mirga odeeffannoo argachuu ni babal'isa.
'' Naayiroobiitti kan argamu Yuunvarsiitii Istiraataamooritti affeerramuun qorannoo kan gaggeessitu Birihaan, gurmuun kaampanota kanaa gara Itoophiyaa galuun carraa hojii ni babal'isa jette.
Mootummaan lammii hundaaf hojii uumuu hin danda'u. Intarneetiifi bilbilli garuu humna hojii uumuu qabu jetti. Haa tahu malee jetti Birihaan, kaampaanonni doolaara hedduu dhangaalaasuun dhufan qajeelfama, seeraa fi imaammata sirriitti hojiirra oolchuun ni barbaachisa jetti.
'Biizinasii haaraa'
Haala jalqabbii biizinasii yaadaafi maallaqaan maddisiisuu irratti kan hojjetu Addis Alamaayyoo kaampaanonni telekoomii haaraan gara biyyaatti galuun isaanii Itoophiyaa jijjiira jedhan.

Madda suuraa, PM office
''Ani Itoophiyaa biyyoota ollaa akka Keeniyaa waliin malee Awurooppaa fi Ameerikaa waliin miti kaniin wal dorgomsiisu. Garaagarummaan keenya baay'ee guddaadha.''
Addis hundeessaa fi abbaa qabeenyaa televizhinii Qaanaati. Kan gara hojiiwwan biizinasii adda addaa gabbisuu erga jalqabe gara waggoota lamaa akka tahe hima. Haa tahu malee waan telekoomii kun waan abdii nama kutachiisu akka tahe dubbata.
''Tajaajilli telekoomii gahaan yoo hin jiraanne, tajaajilli interneetii ariifataan yoo hin jiraanne, gatiin isaas yoo hin hir'anne, yaada kamiyyuu qabaatte gara gabaatti galuuf baay'ee ulfaata.''
Addis ''dhugaadha, waggoota lamaan darban tajaajilli Itiyoo-telekoom fooyya'eera,'' jedha. Haa tahu malee dorgommiin jiraachuun akka kana caalaa fooyya'u gargaara jedhe.
Kan tajaajila dhiyeessu filannoo 2ffaa fi 3ffaan gaafa jiraatu gatiin gadi bu'a. Tajaajilli isaaniis ni fooyya'a jennee amanna jedhe. As keessatti kan caalaa fayyadamu fayyadamtoota taha jechuun dubbata Addis.
Birihaan gama isheen akka Keeniyaa, Kootidivu'ar, Gaanaa fi Naayijeeriyaafaa keessatti kaampaanotni haaraan galuun isaanii hojii biizinesii kanneen jalqabaniif carraa bal'aa uumeera jette.
Fakkeenyaaf saayinsii kompiiteraa irratti kan hojjetan, pirogiraamii fi koodiiwwan kan hojjetan interneetii irra taa'anii barachuuni jetti. Haa tahu malee kaampaanonni kunneen galuu isaaniin qofa uummatni fayyadama jechuu miti jetti. Kanaaf imaammata sirreessuun barbaachisaa akka tahe himti.
Interneetiin adda cituu
Gara fuulduraatti bunaafi warqee caalaa fuulduratti kan gurgurru 'sammuudha' jedha Addis.
Kanas yoo ibsu, ''neetwoorkii amma jiruunillee sooftiweerii kan qopheessan, appilikeeshinii bilbilaa adda addaa hojjetanii dhaabbilee alaa garaagaraatti kan gurguran dargaggoonni baay'een jiru. Qulqullinni intarneetii gaafa dabalu, gatiin ammoo hir'atu akkasuma mootummaan ammoo yoo dargaggoota kanneen deeggare maaltu akka uumamuu danda'u yaadaa.''
Dhaabbileen biyya alaa hojii isaanii gara Itoophiyaatti kan hin ergineef tokko tajaajilli intarneetii amaniisaa waan hin taaneefi jedha.
''Fakkeenyaaf amma kaniin jiru Ameerikaadha. Dhaabbilee hedduuu yoon dubbisu, yaalleerra, argineerra, ijoolleen gahumsa qaban baay'een akka jiran beekna garuu interneetiin isaa sodaachisaadha na jedhan'' jedhe.
Intarneetiin adda cicituu fi saffisni isaa gadi bu'aa tahuu isaati rakkoo guddaan. Rakkoo biraan ammoo yerooma rakkinni wayii uumamu akka interneetiin adda citu isa godhamu akka tahe kaasa.
Rakkoon nageenyaas yoo jiraatu tahe jettee Itoophiyaan tajaajila interneetii adda kutti. Kanaafuu kun mataan isaa kaampaanota haaraa galaniifuu yaaddoo hin tahuuree? jechuun gaafata.
Muuxannoo qabnuun gara fuulduraattis akkasuma adda ciccita jennee amannna jedhe Addis.
Dhiibbaa cimaa qabaachu malaa?
Dhaabbileen haaraa kunneen gara Itoophiyaa kan dhufan dantaa barbaadanii akka ta'e Birhaaniifi Addiis irratti waliigalu. Kaampaanonni kunneen gurguddoofi dargaggoonni ogummaa qaban keessa waan jiraniif kan dhufan jedhu.
Birhaan akka oggeettii mirga namoomaa, ''balaa qabaata jedheen kanan yaadu gama eegumsa odeeffaannoo dhunfaatiin,'' jetti.
"Fakkeenyaaf Itoophiyaan seera eegumsa odeeffannoo dhunfaa (personal data protection) hinqabdu. Odeeffannoo ummata miliyoona 100 dabarsitee yoo kennitu haala akkamiin? Seera attamiin hogganama? Dhaabbilee dhunfaafi biyya alaatiif odeeffannoo namootaa kennuun baayyee rakkisaa waan ta'eef inni attam ta'a kan jedhu dhimmi yaachiisaadha.
''Kan biraa dhaabbileen kunneen teknolojiiwwan baayyee wal xaxaa ta'an qabatanii dhufu. Kanaafu, ummata haala malee itti fayyadamu danda'u laata? Haalli ittiin mirgi fayyadamtootaa eegamu baramuu qabaata,'' jetti.
Kana malees ''jaalamus jibbimuuf jireenyi keenya intarneetii irra jira. Wayita taaksii waamnu, bilbilaan wayita namoota waliin haasoofnu, ergaa wayita waliitti erginu… ani osoo odeeffannoo nama tokkoo barbaade, kan tajaajila naaf dhiyeessuu ammo Safaariikoom ta'e, odeeffannoo nama sanaa achi deemuun kan argadhu yoo ta'e, kun baayyee cimaadha. Kanaafuu kun attamiin to'atama? Dhimmi gibisaa hoo attam ta'a?,'' kanneen jedhaman itti yaadamu qabaatu jetti.
Birhaan akka jettuutti dhimmoonni kunneen osoo kaampaanonni kunneen biyya keessa hingaliin dura itti yaadamuufi seerri qophaa'uufii qabaata. Gaheen kun kan dhaabbata to'ataafi kan motummaa ta'u qabaatas jetti.
''Kaampaanonni kamuu wayita dhufuu bu'aan argadha jedhee malee uummatan fayyada jedhee miti. Kanaafu motummaan seerriifi imaammanni kan faayidaa ummataa eegsiisu gochu qabaata.''
Tajaajilawwan inatrneetiifi mobaayilaatiif filmaanni jiraachun kallattii adda addaatiin faayidaa hedduu akkuma qabaatu hunda, eegumsi seeraafi imaammataa jiraachuun akka barbaachisu oggeessoonni ni gorsu.
Tajaajillii qulqullina qabu, kan rakasaa fi amansiisaa ta'e dameewwan hojii akka dagaaganiifi bu'a qabeessa akka ta'aniif ni gargaara.
Baatiiwwan muraasaan dura hojii taaksii kan eegalte Liyyuuworqi Dasaalanyi kana adii godhatee jirti.
Maamiltoota waliin kan wal agartuu karaa jidduugala bilbila teeleefi appii bilbila harkaa isheerra jiruun yoo ta'u, tajaajjilli intarneetii irra deddebbiin wayita adda cituutti namoonni taaksii barbaaduun bilbilan jidduun jalaa adda cita jetti.
Kana malees wayita intarneetiin adda cituutti fageenyi kilomeetira imalaniifi hanga kanfaltii tajaajilaa gaafatan baruuf akka rakkatan himti.
''Hojiin keenya irra jireessa kan intarneetiin mobaayiliitiin wal qabate waan ta'eef, wayita intarneetiin adda cituutti fayyadamtoota argachuuf ni rakkanna.''
Amma kaampaanonni tajaajila telekoom kennu dabalataan hojii ni eegala jedhanuun hojii isheetiif waan gaarii qabatee akka dhufu yaaddi.
''Dorgommiin waan jiraatuuf filmaata gaariifi tajaajila fooyya'aa ni arganna.''













