'Haleellaa Israa'el Iraan irratti raawwatte keessaa harka hin qabu'- US

Ameerikaan Israa'el wiirtuu niwukilaraafi ajajaa waraanaa Iraan irratti haleellaa raawwachushee keessatti hirmaannaa akka hin qabne waakkatte.

Taateen raawwatame kun naannicha gara waldhabdee hamaatti galchuu akka danda'u sodaatamaa jira.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa, Maarkoo Ruubiyoon haleellaan kun erga jalqabee yeroo muraasa booda ibsa baasaniin, Israa'el "tarkaanfii gama tokkoon" fudhattee jirti jechuun, Iraan Ameerikaa irratti haaloo ba'uu akka hin qabaanne akeekkachiisaniiru.

''Ameerikaan haleellaa Iraan irratti gaggeeffame keessatti hin hirmaanne, hojiin keenya inni olaanaan humnoota Ameerikaa naannicha keessa jiran eeguudha,'' jedhan Ruubiyoon.

"Waanti ifatti ibsuu barbaannu Iraan dantaa ykn hojjettoota Ameerikaa irratti xiyyeeffachuu hin qabdu."

US hanga ammaatti ifatti haleellaa Israa'el kana irraa of fageessitee kan jirtu ta'uu haaltus miidiyaalee hedduun ishetti quba qabaa jiran.

Dubbi himaan waraana Iraan Israa'el deeggarsa Ameerikaatiin Iraan keessatti haleellaa raawwatte jechuun miidiyaaleen mootummaa Iraan gabaasan.

Haleellaan Israa'el kun sagantaa niwukilaraa Iraan fi iddoowwan waraanaa biroo irratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsi humni Ittisa Israa'el baase ni mul'isa.

Ministirri muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun haleellaan kun kan barbaachise sochii Iraan omisha Nikularaa waraanaa dhimma jiraachuu Israa'eliif yaaddoo ta'an ittisuuf murteessaadha jedhan.

Israa'el labsii yeroo muddamaa labsitee, biyyitti haaloo ba'uu akka eegdu ibsiteetti. Netaaniyaahuun haleellaan Iraan irratti raawwatamu ''guyyoota hamma barbaachisu itti fufa'' jedhan.

Qondaaltonni Israa'el haleellaa kana osoo hin jalqabiin dura US beeksisuu isaanii gabaasaalen kan mul'isan.

Ibsi Ruubiyoon kennaniin Israa'el tarkaanfiin kun ofirraa ittisuuf barbaachisaa ta'uu akka amantu US gorsiteetti jedheera.

Pireezidantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp fi bulchiinsi isaanii humnoota isaanii eeguu fi michoota isaanii waliin walitti dhufeenya cimaa qabaachuuf tarkaanfii barbaachisaan akka fudhatamu ibsaa turan.

Keessuma Iraan waligaltee Omisha Nikularaa dhaabuu fudhachuu diduu isheef adabbiin akka ishee eeggatu dursisan.

Ameerikaan haleellaa Israa'el Iraan irratti raawwatte hordofee Iraan dhaabbilee waraanaa Ameerikaa naannoo sana jiran irratti xiyyeeffachuun haaloo akka baatuu yadda'uun dursitee hojjettoota imbaasii Ameerikaa gartokkee Iraaq keessaa baaftee turte.

Ministeerri Dhimma Alaa sochii hojjettoota isaa Israa'el keessa jiran naannoo magaalaa Tel Aviv qofatti daangeessee akka ture ibsi Kamisa darbe miidiyaa hawaasaa irratti maxxanee ibseera.

Tiraamp sagantaa niwukilaraa ishee daangessuuf Iraan waliin mari'achuuf yeroo muraasaaf hojjechaa kan turan yoo ta'u, hanga ammaatti walii galteen tokkorra gahuu hin dandeenye. Marii biraa silaa Dilbata Omanitti taa'amuuf ture.

''Hanga waliigaltee wayii ni jiraata jedhee yaadutti gidduu seenuu hin barbaadu,'' jechuun Traamp waa'ee haleellaa Israa'el raawwatte ilaalchisee, ''waldhabdee irraa fagaachuu akka jaallatu'' dubbataniiru.

Tiraamp irra deddeebiin adeemsa marii irratti abdii dhabaa dhufuu isaanii kan ibsan yoo ta'u, Kamisa darbe ammoo lammiileen Iraan ''wantoota yeroo ammaa kana nuuf kennuuf fedhii hin qabne tokko tokko nuuf kennuu qabu'' jedhan.

Dubbii sana erga dubbatee sa'aatii muraasa booda - fi haleellaa xiyyaaraa Israa'el dura - garuu, Ameerikaan ''dhimma niwukilaraa Iraan irratti furmaata dippilomaasii'' akka itti fuftee fi ''bulchiinsi guutuun'' Iraan waliin akka mari'atu qajeelfama akka argatte miidiyaa hawaasaa irratti maxxanseera.

Ergamaan pirezidaantichaa Baha Giddu Galeessaa Istiiv Wiitkoof Dilbata dhufu qondaaltota Iraan waliin marii marsaa biraa gaggeessuuf ture.

Jimaata ganama Tiraamp Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa isaanii waliin bakka miidiyaaleef cufaa ta'etti wal arguuf akka turan Waayit Haawus Kamisa galgala beeksiseera.