Senegaal Ingilaandiin injifachuun biyya Afrikaa jalqabaa taate

Taphattoota gammachuu ibsataa jira

Gareen biyyaalessaa Senegaal tapha michoomaaf gara Ingilaand imalee dirree Siity Giraawunditti 3-1n injifate.

Injifannoon kun garee biyyaalessaa Afrikaaf isa jalqabaa ta'uun seenaa haaraa yoo ta'u, leenjisaa Toomaas Tukeeliifi deeggartoota Ingilaand kan mufachiise ta'eera.

Amma dura gareen Afrikaa yeroo 21 Ingilaandiin morkatanii mo'achu hin dandeenye ture.

Gareen Ingilaand goolii Haarii Keen lakkoofsiseen dursa qabatus, gooliiwwan Ismaa'elaa Saar Habiib Diyaaraa fi Cheek Sabaaliy lakkoofsisaniin Senegaal seenaa dalagde.

Dursaan taphattootaa Senegaal Kaliidoo Kulibaalii yaada sagantaa BBC Radio 5 Live jedhamuuf kenneen ''galgala ajaa'ibaati. Tapha kanarratti waa gochuu akka dandeenyu ni beekna ture'' jedhe.

''Tapha jabaa ture, garuu eenyummaa keenya agarsiifne, sadarkaa kanatti akka taphachuu dandeenyu mul'isne.''

Kulibaaliin mo'icha isaanii injifannoosaanii waancaa Afrikaa bara 2022 waliin walfakkeesseera.

''Baayyee namatti tola. Seenaa seenaa dalaguu hin qabnu, Afcon injifachuun hojjenneerra, galgala kanas seeenaa hojjenne'' jedhe.

''Seenaa senegaal barreessuu itti fufuu barbaanna. Biyya gaarii akka qabnu agarsiisuu barbaanna.''

Senegaala Amajjii bara 2024 mo'anii darbuu waancaa Afrikaarratti Ayivoorikoostiin penaalitiin injifatamuu booda takkaahuu hin mo'atamne.

Leenjisaa Paapee Tiyaaw Mudde darbe Senegaaliin leenjisuu eegale. Taphoota afur taphate keessaas lama injifatee lama qixxee baheera.

Taphattoota Senegaal Ingilaand irratti jalqaba hiriirsifte keessaa afur Piriimiyeer Liigii keessaa taphatu.

Ingilaand amma dura yeroo 21 garee Afrikaa waliin taphattee 15 injifachuun, jaha qixxee bahuu ragaan Opta ni agarsiisa.

Bara 1990tti Waancaa addunyaa dura akkasuma tapha michoomaan Tuniiziyaa waliin walitti dhufanii hanga xiqqoof mo'amuurraa oolan. Daqiiqaa 89ffaa irratti goolii walqixxeessitu galchuun baraaraman.

Ingilaand yeoo dhumaaf biyya aardii biraatiin kan injifatamte bara 2003tti ture. Awustiraaliyaatiin 3-1n mo'amte.

Lammiin Jarman Toomaas Tukeel garee biyyaalessaa Ingilaand leenjisuu erga eegalee yeroo duraaf mo'atame.

Waancaa addunyaa bara dhuftuu dursee haalli Ingilaand itti mo'amte kun deeggartoota hin gammachiifne.

Wayita fiishkaan dhumaa afuufamu daawwattootni istaadiyoomii guutan mufii isaanii ibsuuf taphattootatti cooqaniiru.

Tuukel taphoota afur hanga ammaa gaggeesse keessaa sadan duraa injifachuun milkiin kan eegale fakkaatee ture.

Tapha galgalaa kana iratti taphataan sarara gidduu Riyaal Maadriid Juud Beelingihaam daqiiqaa 84 ffaa irratti balleessaa hojjeteen kaardii diimaan dirree akka bahu ta'eera.