Ronaaldoofi Yamaal – Morkii dhaloota lamaa waancaaf taasifamu

Ronaaldoo fi Yamaal

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo Yamaal dhalatu Ronaaldoon Baalondoriifi Chaampiyeens Liigii mo'ateera

''Dhaloota garagaratu jira, tokko ol dhufaa kaan waltajjii gadhiisaa. Yoo akka dhaloota biraatti na ilaaluu barbaaddan homaa miti.''

Kan kana dubbate Kiristiyaanoo Ronaaldoodha. Miidiyaan waan hunda hafarsa.

Morkiin waancaa Neeshins Liig galgala har'aa garuu morkii garee tokkoofi isa kaaniiti jedhe.

Taphataan umrii 40'n ammallee cimee taphatu Ronaaldoon garee ol adeemaa cimaa, Laamin Yamaal, waliin morkii cimaa taasisa.

Taphattoonni lamaanuu tapha walakkaa maayii irratti goolii galchaniiru.

Taphani kuni yeroo duraafi taphataa badhaasa Baalondorii baranaa fudhatuu mala jedhamee yaadamu Yamaaliifi Ronaaldoo kan walitti fidu.

Ronaaldoon yeroo ammaa kilaba Sa'udii Al Naasir waliin kontiraanni qabu xumurameera, haaraa mallatteessa jedhamee eegama.

BBC Ispoort waan Ronaaldoofi Yamaal waa'ee isaan walii isaanii jedhan walitti qabeera.

'Haa guddatu dhiisaa'

Taphattoonni lamaanuu waa'ee walii isaanii gaafatamaniiru.

Ronaaldoon ''ol adeemaan kuni kilaba akkasumas garee biyyaalessaa isaa keessatti waan bareedaa dalagaa jira.

''Ga'umsa isaa agarsiisuuf haala gaariidha.

''Cimina akkanaa waggoota dheeraaf akka daawwannu haa guddatu dhiibbaa itti hin baay'isiinaa,'' jechuun Yamaal irratti dhiibbaa cimsuu akka hin barbaanne hime.

Laamin Yamaal ji'a tokko booda umriin isaa 18 guutu gama isaan waa'ee Ronaaldoo akkana jedhe:

''Inni [Ronaaldoon] nama kubbaa miilaan maqaa guddaa qabudha. Akkuma taphattoota kaani Ronaaldoof kabajaa guddaan qaba.

''Kuni tapha eenyu akkan ta'e itti mirkaneessuuf ani taphachuu barbaadudha.''

Umrii kanaan Yamaal Ronaaldoo caala

Yamaal umrii isaa xiqqaa kanaan waan danuu milkeesse.

Umriin isaa 18 guutuu dura Ispeen waliin Waancaa Awurooppaa fudhateera. Baarsaa waliin waancaa Laa Liigaa lamaafi Koppaa del Reey ol kaaseera.

Baarseloonaaf si'a 106 taphatee 25 galche, 18 biroo immoo tumse. Biyya isaa Ispeeniif immoo si'a 20 hiriiree taphatee jaha galchuun sagal tumse.

Tapha walakkaa xumuraa Waancaa Awurooppaa, Chaampiyeens Liigiifi Neeshins Liig irratti galchii galcheera.

Tapha morkii cimaa Riyaal Maadiriid waliin taasifamu, El Kalaasikoo, irratti afur galche.

Yeroo Ronaaldoon umriin isaa 18 guutu Ispoortingiif si'a 19 taphatee shan galchee sadiimmoo tumse.

Haa ta'u malee, biyya isaa Porchugaal bakka bu'ee hin taphanne, waancaas hin arganne.

Ciminni Ronaaldoo garuu dorgomaa hin qabu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yamaal ijoollummaatti Ronaaldoo caalaa milkaa'us cimina waggoota dheeraaf Ronaaldoon galmeesse bira gahuuf inuma carraaqa.

Ronaaldoon umrii isaa 40'tti biyya isaafiis ta'e kilaba isaaf taphataa cimaadha.

Ganna kana Al Naasir waliin waliigaltee haaraa mallatteessa jedhamee eegama.

Tapha walakkaa maayii Neeshins Liig irratti Jarman irratti inni galche tapha 220ffaa biyya isaaf taphatee galchii 137ffaa galmeessedha.

Hammi biyya isaaf taphatees ta'e inni galche sadarkaa kubbaa miilaa idil-addunyaa dhiirotaan riikardiidha.

Walumaa gala Ronaaldoon galchiiwwan 937 galcheera, kunis rikardiidha. Waggoota lama keessatti galchiiwwan 1,000 gahuuf yaada qaba.

Ga'umsa waaraa qabaachuun isaas ajaa'iba.

Maanchistar Yunaayitid yeroo ture akkasumas kilaba Sa'udii Al Naasiriif galchuu itti fufeera.

Yeroo Yamaal dhalatu, Adoolessa 2007, Ronaaldoon biyya isaaf si'a 46 hiriiree taphateera.

Baalon dooriifi Chaampiyeens Liigii mo'ateera. Yamaal barnoota eegaluu dura taphataa gatiin jabaa itti bahe ta'uun Yunaayitid irraa Riyaal Maadiriid seeneera.

Ilmi Ronaaldoo, Kiristiyaanoo Ronaaldoo Juuniyeer, Yamaal irraa waggaa sadiin umriin isaa xiqqaata.

Yeroo ammaa garee Porchugaal umrii 15 gadiif taphataa jira.