Waa'ee nama Chaarlii Kiirk ajjeese jedhamee hanga ammaatti maal beekna?

Namni Chaarlii Kiirki ajjeese adamsituu tahuu hin hafu jedhame. Baka bu'aan duraanii FBI tokko BBCtti yoo himan namni Chaarliitti dhukaasee ajjeese adamsituu tahuu isaa hin oolu jedhan.

Deenis Diraankis BBC News Channel'tti yoo himan, ''haala akkanaan fageenya irraa qiyyeefattanii bakka jedhan haleeluun ofitti amanamummaa guddaa barbaada. Bakka jedhe rukuruuf muuxannoo guddaa gaafata. Fageenya sana irraa nama muuxannoo dhukaasaa guddaa qabuuf rakkoo miti,'' jechuun ibsan.

''Namni kamiyyuu qawwee qabatee gadi bahee saakaluu akka danda'u ibsanii, bakkichaa fi ''ofitti amanamummaa'' inni itti dhukaasee bakka sana rukute adamsituu tahuu akka hin hafne akeeka jedhan.

''Qofaa isaahaala akkasiin dhukaasuu danda'uu isaatu akkatttan akkasiin yaadu na godhe,'' jedhe Deenis.

Uummanni akka obsaan eegu kan dhaaman Deenis namni Chaarlii ajjeese kun akka adda baafamuu fi qabamu abdii qaban ibsaniiru.

''Dhimma isa barbaaduuti amma'' jedhan.

Bulchaan magaalaa Yuutaa bakka Chaarliin itti ajjeefamee qaamoleen seeraa nama Chaarliitti dhukaasee miliqe ilaalchee eeruu 7,000 ol tahu argataniiru jedhan.

Shakkamaan ''Tishartii ''adda tahe'' uffateera, dugda irratti shaanxaa xiqqoo qabateera. Koffiyyaa kaawwatee ture.

''mmas uummata irraa eeruu gaafanna. Uummata keessaa eeruu baay'een dhufaniiru. Qorannoo keenya akka itti fufnuuf eeruu tokko irraan eeruu biraan nu bira gahaa jira jedhan.

Bulchaa Yutaa [Utah] Ispeenser Kooksi, deeggarsa uummataa malee hojii isaanii hojjechuu akka hin dandeenye himan.

Hanga ammaatti uummata irraa eeruu 7,000 ol dhufaniiru jedhanii, erga haleellaa boombii Maraatoonii Boostan bara 2013 as eeruu guddaa uummata irraa nu dhaqabe isa guddaadha arganne jedhan.

Hanga ammatti qorannoo 200 ol xumuramaniiru. Uummannki shakkamaa kana suuraa fi viidiyoon waan argate nuuf haa ergu jedhan.

Amma soorama bahanii kan jiran gargaaraan daarikteraa hojii gaggeessaa olaanaa FBI kan turan, Kiriis Pihootaa, FBI ammayyuu odeeffannoo bakka ajjeechaan sun itti raawwatee argate qorachuun xiinxalaa jira jedhan.

Ragaalee kaameeraa CCTV irraa argaman, kan namoonni dhuunfaa waraabanii erganiif, fi sagalee dhagahamu hundaa xiinxalaa jira jedhan.

Namni dhukaasee Chaarlii ajjeese akka qabamu shakkii hin qabu jedhan.

"Nan amana, lafa kana irratti nama adamsanii qabuudhaan hamma FBI akka hin jirre nanan amana,'' jedhan.

FBI qoratee xiinxalee adda baasuuf ragaa ''gahaa'' tahe qaba jedhan. Bara haleellaa Laas Vegas bara 2017 waanuma akkasii godhame jedhan.

Qondaalonni mootummaa murtee du'aa irratti dabarsuuf ragaalee barbaachisoo walitti qabaa jiraachuus himan.

Bulchaa Yuutaa [Utah] Kooksi, ''ragaalee fooreensiikii laabiraatoorii mootummaa naannoo fi federaalaatti qoratame adda bahan baay'eetu jira. Waan hunda caalaa garuu nama yakkicha hojjete qabuudha,'' jedhan

Qondaalonni mootummaa ''himata kanaan murtee du'aan akka adabamuuf jecha ragaalee walitti qaban,'' jedhan Kooksi.

''Asuma sadarkaa bulchiinsa Yuutaatti murteen kun ni raawwata'' jedhan.

"Akka maatii Chaarlii Kiirki kadhannaan keenya dhaqabe ni amanna, Waaqayyo yeroo ulfaataa f dukkanaa'aa kanatti biyya keenya haa eebbisu'' jedhan.

Shakkamaan kun gamoo bakka Chaarliin taa'u fuuldura irraan mula'tu irra osoo fiigee utaalee bu'uu mul'ata.

Gamoo sana irraati Chaarliitti kan dhukaase. Fuullee ijaa kaawwatee, kophee konvarsii [sharaa], tiishartii gurraacha alaabaa Ameerikaa ofirraa qabu kaawwachuun dugda irratti ammoo shaanxaa gurraacha tokko baatee jira.

Komishinarri nageenyaa Yuutaa Beeyuu Maason viidiyoo kana uummatatti agarsiisuun ammas odeeffannoo kanaan eeruu dabalataa akka kennaniif gaafatan.

Bulchaan naannichaa ammoo odeeffannoo sobaa baay'een waan qoodamaa jiraniif akka dhaabbatu gaafataniiru. Odeeffannoo sobaa kana facaasuu keessatti bootiin [bots] ykn hubannoo nam-tolchee Chaayinaa fi Raashiyaa gahee guddaa bahataa jiru jedhan.

Ammatti ragaalee gahaa akka qaban ibsanii, ammas barbaachi akka itti fufetti jiraachuu himan.