Waamichi Geetachoo mootummaan federaalaa gidduu akka seenuuf dhiheesse waliigaltee Piritooriyaa balaadhaaf saaxila - TPLF

Gareen TPLF kan Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamu dursaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa mootummaa federaalaa irraa deeggarsa gaafachuusaan balaaleeffateera.

Gareen TPLF kan murtee ajajoonni waraanaa dhorkamusaanii morme, adeemsichi kan waliigaltee Piritoriyaa cabseedha jedhe ibsa Roobii baaseen.

"Kanaaf, waamichi [mootummaan Geetaachoon durfamu] kallattii fi al-kallattiin qaama sadaffaa Tigraay keessatti gidduu akka seenuuf dhiheesse, gantummaa biyyaalessaa ifatti kan mul'atu waan ta'eefi waliigaltee Piriitooriyaas balaaf waan saaxiluf guutummaatti fudhatama hin qabu," jedha ibsichi.

Bulchiinsi Yeroo Tigraay kan Waliigaltee Piriitooriyaa Sadaasa bara 2022 mallattaa'een hundeeffame, haleellaa namoota nagaarratti raawwatamuufi naannicha diiguun raawwatamu kaasuun gargaarsa mootummaa giddu galaa gaafate.

Haata'u malee TPLF "sochiin heeraa fi olaantummaa seeraa humnoota nageenya Tigraayiin eegalame kan adeemsa waliigaltee nagaa Piriitooriyaa kabaju malee kan diiguu miti" jechuun falmu.

Ibsi biiroon komunikeeshinii bulchiinsa yeroo naannichaa Roobii kaleessaa baase, waliigaltee Piritooriyaa cabsaa kan jiru yoo ta'u, mootummaan deebi'ee walitti bu'iinsa keessa akka seenu sodaa qaba jedha.

"Mootummaan federaalaa warri maqaa humna nageenyaatiin socho'an ergamtoota garee duubatti hafoofi yakkamaa ta'uu fi ummataafi bulchiinsa yeroo Tigraay kan bakka hin buune ta'uu hubachuu qaba" jedha ibsichi.

Akkasumas waliigalteen Piriitooriyaa cabaa waan jiruuf ummanni Tigiraay callisuu akka hin qabnes kaaseera.

Kana malees, haalli kun gara waldhabdee hammaataatti osoo hin ce'iin dura wabii kennitoonni waliigaltee piritooriyaa gocha ajajoota waraanaa akka dhaaban gaafateera.

Pireezidaantiin bulchiinsichaa Obbo Geetaachoo Reddaa Sambata darbe irraa eegalee ajajoota olaanoo waraanaa hojii irraa ari'aa ture.

Obbo Geetaachoon garee Dr Dabratsiyooniin durfamu kanaan namoota nagaa mormii dhageessisan irrattis tarkaanfii fudhachuun himatan.

Guyyaa Kibxataa Adii Gudoomii fi kutaalee magaalaa Meqelee garaa garaa keessatti namoonni hedduun madaa'uu Obbo Geetaachoon toora tiwiitara isaanii irratti ibsanii ture.

Maddeen naannoo sanaa BBC'tti akka himanitti, waajjiraalee mootummaa magaalaa Tembeen fi naannawa isheetti argaman guyyaa Roobii kaleessaa Bitooteessa 12, 2025 marfamaniiru.

Kutaan waraanaa 33 jedhamuun beekamu gaafa Kibxata galgala magaalattii kan seene yoo ta'u, waldhabdeen deebii'ee ka'ee akka ture maddeen BBC Tigriffaatti himaniiru.

Maaltuu deemaa jiraa?

Lolli waggoota lamaaf hoggantoota Tigraay fi mootummaa giddu galeessaa gidduutti gaggeeffamaa ture waggoota lama dura Afrikaa Kibbaatti waliigaltee dhukaasa dhaabuun xumurame.

Waliigaltee Piriitooriyaa jedhamun beekamu hordofuun mootummaan federaalaa Bulchiinsa Yeroo Tigraay kan hundeesse.

Haata'u malee, hooggansa TPLF gidduutti garaagarummaan uumamuu jalqabe boodarra hammaachuun lamatti gargar ba'han.

Ajajoonni olaanoo waraanaa Tigraay, bulchiinsi yeroo naannichaa waliigaltee Piriitooriyaatiin hundeeffame itti gaafatamummaa isaa sirnaan bahuu dadhabuu isaatiin haaromfamuu akka qabu gaafatan. "Hoggansa dadhabaa" waan ta'eef bakka bu'uuf murteessine jedhanii ture.

Murteen kunis bulchiinsa yeroo naannichaatiin akka yaalii 'fonqolcha mootummaatti' ilaalame.

Haata'u malee, ajajoonni waraanaa kanneen gara TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamuuf amanamummaa isaanii ifatti labsan bulchiinsa seera qabeessa ta'e diiguuf socho'aa akka jiran himamaa jira.

Geetaachoon ajajoota kana "jeequmsa" naannichatti uumuuf yaalaa jiru jechuun hojii irraa ari'uu eegale.

Hanga ammaattis Ajajaan Adda Kibbaa Meejar Jenaraa Yohaannis Woldagoorgiis (Medid), Ajajaa Adda Kaaba Bahaa Meejar Jeneraal Maashoo Bayanaa fi Ajajaa Adda Lixaa Birgaadar Janaraal Migbayii Haayila hojiirraa aari'an.

Dabalataanis, itti gaafatamaan biiroo nageenyaa fi tasgabbii naannichaa Jeneraal Fisahaa Kidaanuu Faantaa Kibxata "itti gaafatamummaa" isaaniirraa kaafamuu isaanii maddeen mootummaa ni mul'isu.

Jeneraalonni kunneen hedduunsaanii Geetaachoo Redaa dabalatee qondaaltonni mootummaa naannichaa, mootummaa federaalaa waliin hidhata cimaa qabu jechuun himachuun aangoo akka gadhiisaniif duula taasisaa turan.

Haata'u malee, gareen TPLF kan Dr. Dabratshiyoon Gabdamikaa'eliin durfamu, murtee ajajoota olaanoo hojiirraa dhorkuu 'fudhatama hin qabu' jechuun kuffiseera.

Erga ALI Amajjii 15, 2017 irraa kaasee ajajoonni humna nageenyaa naannichaa ta'an naannicha keessatti bulchiinsoota bakka adda addaa irratti xiyyeeffachuun tarkaanfii fudhachuu eegaluu isaanii Bulchiinsi Yeroo Tigraay himeera.

Torban kanas, "sochii seeraan alaa ajajoota Adda Kaaba Bahaa fi Kibbaatiin durfamu" hammaataa dhufuu itti fufeera jedhe bulchiinsii yeroo.

Kana malees, haleellaa xiyyeeffannoo namoota nagaarratti raawwatame himata.

Roobi kaleessaa irraa eegalee ammoo hoggansi bulchiinsa yeroo to'annoo jala oolaa jiraachu himeera.