Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhiheenya Maqalee Adigudoomiitti kan mudate maaliidha?
Naannoo magaalaa Adigudom, naannoo magaalaa Maqaleetti argamtu keessatti gaafa Kibxata Bitootessa 11, 2025tti miseensonni humnoota Tigraay, kanneen damee TPLF garee Debratsiyoon Gabramikaa'eliin (Dr)n durfamuun himameen dhukaasa banameen namoota nagaa afur madeessuu jiraattonni fi miidhamtoonni BBC'tti himan.
Miseensoonni waraanaa naannichaa guyyaadhuma kana waajira magaala Adiigugoom humnaan t'achuudhaan kantiibaa kan to'ate yoo ta'u, kantiibaafi ittaanaa isaanii dabalatee miseensoonni kaabinee ammoo manasaaniitii fudhatamusaanii maddeen BBC Tigriffaatti himan.
Jiraattoonni akka jedhaniitti, guyyaa Kibxataa irraa kaasee miseensoonni waraanaa hidhatan magaalattiifi naannoolee biraa keessatti bobbaafamaniiru.
BBC Tigriiffaa miidhamtoota, miseensoota maatii, jiraattootaa fi bulchaa godina kibba bahaa dubbisuun akka mirkanneeffateetti, miseensoonni TPLF hidhatan waajira kantiimaa magaalaa Adiigudoom marsuudhaan kantiibaa fi kaabineesaanii dabalate aanga'oota torba to'annoo jala oolchaniiru.
Pirezidantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa fuula X isaanii irratti, magaalaa Adiigudoom fi Maqaleetti naannoolee tokko tokkootti ajajoonni humnoota Tigraay tarkaanfii namoota nagaa irratti fudhataniin baayyeen miidhaaf saaxilamu barreessan.
Namoonni ijaan argan BBCtti akka himaniitti, guyyaa Kibxataa magaalaa Adiigudoom fi waajira kantiibaa naannichatti argamutti jiraatoonni walitti qabamanii kan ture yoo ta'u, hidhattoonni namoota bittinsuuf dhukaasa banan.
Miseensoonni magaalaa Adiigudoom bobbaafamuun bulchiinsa magaalichaa to'atan kan miseensa 44 qabu akka ta'e dabaluun ibsaniiru.
Jiraataan magaalichaa Obbo Gabrahiyiwooti Haayila yeroo sanatti mana jireenyaa dhiheenya waajjira kanaatti argamu waan turaniif haala mudate taajjabaniiru.
''Naannoo mana maatii kootti hidhattoonni dahoo hojjatanii achi turan. Humnoonni addaa kantibichaa fi kaabinoota yeroo fudhataniitti jiraattoonni walitti qabamanii ture. Yeroo sanattis maaliif jedhanii gaaffii kaasnaan hidhattoonni itti dho=ukaasan'' jedhan.
"Dhukaasni kan baname naannoo mana keenyaatti. Dargaggeessi tokko rukutamee yoo kufu argeera. Gurbaan sunis tafasaarra rasaasaan rukutame. Naannichatti dishiqaan camadamee argeera'' jedhe.
"Rasaasaa jalqaba dhukaafameen kan rukutame nama waggaa 30 Mogoos Kiidaana jedhama. Amma magaalaa Adiigudoomitti hospitaalaatti wallaansamaa jira.
Mogoos guyyaa sanatti loltoonni hedduun magaalicha keessatti bobbaafamanii akka turan ibsuudhaan, ''namoonni shan rasaasaan rukkutamne. Ana tafakoorra na rukutan. Achinis kufnaan irra dedebiin huleedhaan na reeban. Amma dhukkubbii cimaarran jira'' jechuun miidhaan kun bakka waliitti bu'insi hin tureetti akka rawwatame dubbatan.
Obboleessi qixisuun Gabrahiyooti, Wandimaalam Haayila namoota rasaasaan miidhaman afur keessaa tokkodha.
''Jalqabarratti ummata bittinsuuf gara samiitti dhukaasan. Achiinis dargaggeessi kun fiiguu eegallaan kallattiidhaan nama nagaarratti dhukaasu eegalan. Namoonni afur miidhaman. Arfaffaan obboleessa qixisuu kooti'' jechuun amma obbolosisaa hospitaala keessatti akka argami ibsan.
Bulchaan godina Kibba Bahaa Obbo Tsgaayee Gabratakila haleellaan kun raawwatamusaa mirkanneessuudhaan, namoonnis mataarra, lapheerraa fi miilarra rasaasaan rukutamusaa himan.
Namoota rasaasaan rukkutamuun miidhaa cimaan irra gahe afur keessaa lamaan isaanii wallaansa dabalataatiif gara hospitaala riifaraala Ayiidar Maqaleetti ergamusaanii dubbatana.
Hidhattotaan fudhataman kan jedhaman eenyuudha?
Hogganaan Godina Kibba Bahaa Obbo Tsagaayi Gabratakhal, magaalaa Adgudoomiin alatti, Roobii kaleessaa aanaalee Hagaraslaam, Degu'aa Tanbeen, Saamra fi Sahaarti keessatti hidhattoonni damee TPLF Dabratsiyooniin deeggaran "furtuu cabsuun waajjiraalee bulchiinsaa to'achuu isaanii" BBC'f mirkaneessaniiru.
Miseensonni humna waraanaa Tigraay magaalaa Adigudoom keessatti bobbaafamanii bulchiinsa magaalichaa to'achaa jiran 44 ta'uu ibsaniiru.
Hidattoonni kunneen kantiibaa fi ittaanaa isaa dabalatee hoggantoota torba Adgudoom keessatti butanii, waajjira irratti dhukaasa banuun ''hanga galagala sa'aatii 11tti chaappaa fi furtuu isaanii akka kennaniif gaafachuudhaan jeequmsa uumuu isaanii dubbatan.
Kantiibaan Adigudoom Injinar Andoom Wolduu, Itti Aantuun Kantiibaa Aadde Awat Tewolda, Itti gaafatamaan Nageenyaa Obbo Abadii, Itti gaafatamaan Qunnamtii Hawaasaa Magaalaa Obbo Yirgaa, Obbo Haderaa (Dura Taa'aa) fi Obbo Etsayi Waldaa Dargaggootaa fi Dargaggoon biraatiis butamuu himan.
Haalli guyyaa Roobii ture maal fakkaataa?
Jiraattonni humnootiin hidhatan baayyeen magaalattii keessatti bobba'usaatti namoonni sochii idilee guyyaa irraa akka daangeffamanii fi guyyaa Roobii bariidhaan hidattoonni manaa manaarra adeemuun nama adamsuu fi hidhuun isaanii BBC'tti himan.,
''Waraanaan booda haalli ulfaataan akkasii nu mudata jedhee yaadee hin beeku,'' jechuun jiraataan tokko BBC'tti himeera.
Kana malees, waajjiraaleen mootummaa namoota hidhataniin marfamuun, tajaajilli osoo hin kenniin oolaniiru.
Hojjettoonni mootummaa ganama har'aa akkuma barame waajjirasaanii seenuuf yeroo yaalan hidhattootaan deebisaniiru jedhan.
Hojjetaan hawaasummaa magaalattii Obbo Shumuyee Gazaayi BBC'tti akka himanitti, har'a ganama waajjirrisaanii hidhattootaan cufameera.
''Kaleessa dhukaasa cimaatu ture. Gamana sa'aatii 2 irratti hojii seenuuf gara biiroo deemnee hidhattootaan marfamen. Biiroo seenuun hafee karaa sana darbuun waan nama sodaachisu ture'' jedhan.
Bulchaan godina Kibba bahaa Obbo Tsagaay Gabrahal akka jedhaniitti, magaalichatti fageenya meetira 50tiin keellaawwan qophaa'aniiru.
Namoonni haleellaa raawwatameefi ukkaamsuu taasifame mormuudhaaf hiriira bahuuf yaalan hidhattootaan bittinfamu maddeen himaniiru.
Mudamichi attamiin as gahe?
Obbo Getaachoo Raddaa toor X isaanii irratti kaleessa magaalaa Adigugoom fi Maqalee eddoowwan tokko tokkootti ajajoonni humna Tigraay namoota nagaa irratti tarkaanifii fudhataniin hedduun madaa'u barreessan.
Ajajoonni olaanoo humnoota Tigraay, kanneen garee Waraana Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF)n Dr. Dabratsiyoon Gabramichaa'eliin durfamun deeggaraman, naannoo Tigraay adda addatti waajjiraalee mootummaa to'achaa kan jiran yoo ta'u, namoonni dhuunfaa isaaniin muudamanis humnaan waajjiraalee to'achuu eegalaniiru.
Bulchiinsi Yeroo Tigraay, naannichatti mootummaa feederaalaa jidduu seenuu dabalatee, "deeggarsi gosa kamiiyyuu kennuudhaaf" sababa gahaa qaba jedhan.
Pirezidantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Geetaachoo Redaa ajajoota waraanaa afur caasaa mootummaa diigan jechuun hojiirraa ari'uunsaa ni beekama.
Biiroon Nageenyaa fi Tasgabbii Tigraay kan Letanaant Jeneraal Fisihaa Manjuusiin hoogganamu, murtee Pirezidantichaa akka hin fudhanne beeksisee, itti gaafatamaan Bitoos bifuma wal fakkaatuun hojii irraa dhorkamee jira.
Mudamnii fi walitti bu'iinsiigraay keessatti ji'ootaa deemaa turee fi yeroodhaa gara yerootti hammaataa dhufuun ummatatti yaaddoo guddaa uumeera.