Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yunivarsitiin Finfinnee barattoota dorgomsiisee malee rammaddiin hin fudhadhu jedhe
Dhaabbanni barnoota olaanaa angafa kan ta’e Yunvarsitiin Finfinnee bara barnootaa ALI 2016 irraa kaasee, barattoota wal dorgomsiisee malee akka kana duraa sana rammaddiidhaan akka hin simannee beeksiise.
Yunivarsitichi kana kan jedhe biyyattiitti yunvarsitii ofiin uf bulchu ta’uusaa hordofeeti.
Bilisummaan akaadaamii Dhaabbilee barnoota olaanoo akka mirkanaa’uu, jidduu galuumsa siyaasaa fi bulchiinsaa irraa bilisa ta’e hojiiwwan baruu barsiisuu gaggeessuu akka danda’uuf jechuun labsiin yunvarsitoota ofiin of bulchan dandeessisuu baatii Caamsaa ALI 2015 mana maree bakka bu’ootaatiin raggaassifamuun isa ani yaadatama.
Kanaanis Yunivarsitiin Finfinnee yunvarsitii jalqabaa ofiin of bulchu ta’eera. Yunvarsitichis ibsa har’a Hagayya 22, 2023 baaseen, bara barnootaa dhufu irraa kaasee barattoota digirii jalqabaa kan simatu wal dorgomsiisee qofaadhaan jedheera.
Pirezidantiin yunvarsitichaa Pirofesar Xaasawu Waldahaanaa ibsicha irratti, murteen ofiin of bulchuu kunis qulqullina barnootaa fooyyeessuuf, humna namaa gahumsa qabu horachuuf murteessaa ta’usaa fi yunvarsitichi bilisummaa akaadaamii fi bulchiinsaa guutuu qabaatee itti gaafatamummaan ni hojjata jechusaanii yunvarsitichi miidiyaa hawaasaa irratti beeksiiseera.
Barri barnootaa ittaanaan ( ALI 2016) irraa kaasee yunvarsitiin Finfinnee barattoota digirii jalqabaa Ministeera Barnootaatiin qabxii gahaa argatan dorgomsiisee akka simatu ibseera.
Kana jechuunis kanaan dura barattoonni qormaata kutaa 12 erga fudhataniin booda qabxii ittiin yunvarsitii seenanii argachuun yunvarsitiitti ramadamuun hafee, barattoonni yunvarsitichatti barattuu kan barbaadan yoo ta’e dorgomuun qormaata seensaa kennamuuf darbuutu irraa eegama jechuudha.
Yunvarsitii ofiin of bulchu
Dhaabbanni barnootaa mootummaa kunis kan ofiin of bulchu taasifamuf erga murteen mana maree bakka bu’oota ummataatiin dabarfameen booda yeroos ijoo dubbii ta’ee ture.
Dhaabbanni barnootaa tokkoo kan ofiin of bulchu ta’e jechuun barattoota rammaddii mootummaatiin ala ofii saatiin qormaata seensaatiin dorgomsiisee kan simatu, hojjataa mataasaa kan mindeessuu fi gaggeessuu kan danda’u, bittaa dabalatee sochii faayinaansii mataasaa ofii saatiin hojjannachuuf bilisummaa qabaata jechuudha.
Yunvarsitoonni ofiin of bulchuusaanii kan deeggaran sababii dhaabbileen akka ofiin of bulchaniif dandeessisuu, bulchiinsaafi akkaadaamiidhaan bilisummaa qabaataniifiidha jedhu.
Kana malees, marsiiftoonniifi hojjattoonni dhaabbilee kanneen keessa hojjatanis kanfaltii fooyya’aa argachu ni eegalu jedhameera.
Kun osoo kanaan jiruu, dhaabbiileen ofiin akka of bulchan taasifaman barattoota kanfaluu hin dandeenyeef waan hin danda’amne ta’a jechuun yaaddoo qabaachu kan ibsanis jiru.
Dhaabbileen barnootaa ofiin of bulcha kunneenis deeggarsi maallaqaa mootummaa irraa argatan kan adda citu yoo ta’e yunvarsitoonni kunneenis hanqina maallaqasaanii guuttachuuf jecha barattoota kanfaluuf dandeettii qabana qofaaf dursa kennuu fi haqa qabeessuummaan miidhuu danda’a jechuun oggeessoonni yaada kennan jiru.
Haata’u malee yunvarsitichi barattoota wal dorgomsiisee kan simatu dursa kanfalchiisuun haata’u ykn haala siran baasii qooddachuutiin haata’u kan jedhe omtu hin jiru.