Oromoon ganni darbee yoo birraatti bahu maal jedhee wal eebbisa?

Hawaasa Oromoo biratti waa hedduun fakkeenyaaf haasaan, jilli ykn araarri eebbaan eegalama.

Hawwii, jaalalaa fi tokkummaa barbaaduuf Oromoon dursa Waaqasaa kadhata.

Maanguddoota wal bira jiran ykn maatii keessaas angafatu eebbisa. Inni eebba fudhatus isa angafa eebbisu haaluma aadaa fi duudhaan naannoosaatti jalaa qaba.

Hawaasa Oromoo biratti eebbii bakka guddaatu kennamaaf.

Inistitiyuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromootti dursaa garee Tiyaatiraa fi Ogbarruu kan ta’an Obbo Caalaa Diroo, afoolli eebbaa kunis falaasama fi yoomessa ofii akka qabu dubbatu.

Eebbii galateeffannaa fi kadhannaa of keessaa qaba

Namni eebbisuu isa darbeef Waaqayyoo galateeffata, isaa hafeef ammoo kadhata.

Eebba keessatti ofkaltii Waaqaatu gaafatama, sana booda gara sagantaatti seenama.

Oromiyaa keessatti iddoo garaa garaattii haalli itti eebbisan garaa gartee qaba. Yoomeessa(yoomii fi eessa) ofiisaa qaba jedhu hayyuun kun.

Oromoo Tuulamaa biratti ‘birraan nadhiidha, nadhii nu unachiisi’ fa’i jedhee Waaqa kadhata.

''Dukkanaa gannaa keessaa nu baaftee booqaa birraa nu agarsiifte jedhee uumaa galateeffata. Birraan milkii ta’uu isaa eebba keessatti eeru.

''Irreechii Irree keenyaa, Irree keenya nuuf jabeessi'' jedhanii eebbisu.

Irreecha tulluurratti Abbaa Tulluutu eebbisa, afdaarii irrattis abbuma afdaarii sanaatu eebbisa, malkaarratti ammoo abbaa malkaatu eebbisa jedhan.

Kana qofayyuu miti, balbalaa fi angafummaan ni ilaalama jedhan Obbo Caalaan.

Karrayyuu keessatti Baasoo angafa, Maccaa fi Tuulama keessatti Tuulamatu angafa waan ta’eef dura eebbisa, Oromoo waliigala keessatti ammoo Booranni angafa waan ta'eef dursa eebbisa.

Tuulamni akkamitti eebbisa?

Oromoon Tulamaa macaaf angafa waan ta'ef eebbaaf dursatu kennamaaf. Jaarsi Tulamaas akka jechuun eebbisu:

Hayyee yaa waaq

Waaqa uumaa

Waaqa uumamaa

Leemmoo garaan taliilaa

Tokkicha maqaan dhibbaa

Ajjeeftu gumaa hin baastu

Cabsitu hin weellifamtu

Waaqa salgan yaa’ii Booranaa

Waaqa sagaltama garbaa

Waaqa sadeen fincaan Tuulamaa

Waaqa jahan Galaan

Waaqa torban Oboo

Waaqa sadeen Sooddoo

Waaqni nagaan nu bulchite nagaan nu oolchi.

Irraa gora nu oolchi

Dogoggora nu oolchi

Ganna gurraacha nu baaftee

Birraa nagaa nuuf godhi.

Birraa milkii nuuf godhi

Birraan nadhiidha

Nadhii nu unachiisi

Kan Bubbeefi aduu keessa jibban baasi.

Kan Caamee goggogsu nu baasi

Irreechi Irree keenya

Irree keenya nuuf jabeessi

Birraan quufaa, quufa nuuf kenni.

Nagaa nuuf kenni

Gadaan quufaafi gabbina’’

 jedhanii eebbisu.

Karraayyutti akkamitti eebbifama?

Karrayyuun akkatti eebbisu kan oofi isaa qaba. Ebba isaanii kanas gurmuu kannisaatti fakkeesuu.

Namoonni eebba kana jalaa qaban ammoo ’zis’ jedhanii simatu.

Miinya Dahi....................ziz

Goduu dahi .................... ziz

Huurubni Mirga ....................ziz

Dirreen dannaba.................... ziz

Adaboon Gooba.................... ziz

Goobni geerarsa....................ziz

Alaalaasi.....................ziz

Alaa Gali....................ziz

Dando ta'i....................ziz

Sin danda'iin....................ziz

Fantaalle ta'i.....................ziz

Guddadhu.....................ziz

Boosat ta'i....................ziz

Mul'adhu....................ziz

Doobbi ta'i....................ziz

Diina gubi.....................Ziz

Odaa tahi............................ziz

Firii baasi.............................ziz

Firaan booni.........................ziz

Oromoo tahi..........................ziz

Bal'adhu.................................ziz

Fantaalle ta'i.............................ziz

Mul'adhu.................................ziz jedhanii eebbisu.

Akkasuma Booranatti akkasiin eebbiisa

Haaluma walfakkaatuun Oromoo keessaa angafa kan ta'e Boranni haala itti eebbisu qaba. Akkas jechuun eebbisas:

Araddaa nagayaa

Bobbaan nagaya

Barri nagaya

bariin nagaya

Waareen nagaya

Waariin nagaya

Dheedni nagaya… jedhanii eebbisu.

Warrii jalaa qaban ammoo '‘nagee’ jedhu.

Eebba Oromoo Gujii biratti

Eebba Oromoo Gujii keessatti akkasiin wal eebbisuu:

Waaqa ardaa

Waaqa abbaa

Waaqa Me’ee Bokkuu

Waaqa dirree Dhugoo

Garbaa Anno’oo

Waaqa Gujii gurraachaa

Ati nu dhaga’i

Kan Olii olitti nu hanqaaqi

Kan gadii gaditti nu hanqaadhu

Kan dallaa lamaani achumatti nu hanqaadhu

Barri nagaya

Bariin nagaya

 Jaarsi nagaya

Intalti nagaya

Tiksaa uleen nagaya

Elemaa gaadiin nagaya… jedhanii eebbisu.