Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aadaa Oromoo: Nogoba, Kormaan Qalaa fi waa'ee Karrayyuu wantoota beekuu qabdan shan
- Barreessaa, Beekaa Atoomaa
- Gahee, BBC Afaan Oromoo
Torbanoota darban ajjeefamuu Abbaa Gadaa Karrayyuu fi tuuta isaan wal qabatee waa'een uummata Oromoo Karrayyuu marsaalee hawaasaa, akkasumas miidiyaalee idilee irratti dubbatamaa ture.
Ofii waa'ee Karrayyuu hagam beektu? Wantoonni isin beekuu qabdan shan kunooti.
1. Baaso fi Dullacha (Eenyummaa fi Qubsuma)
Oromoon Karrayyuu Naannoo Oromiyaaa, Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee keessa jiraata.
Karrayyuun gama Bahaan godina Harargee Lixaan, Kibbaan godina Arsiin, Kaabaan naannoo Affarii fi Lixaan ammoo naannoo Amaaraa lafa warri Argobbaa irra qubataniin wal daangessa.
Kaabaa fi Lixaan naannoo Affaarii fi Amaaraa waliin yeroo hedduu wal-dhibdeen daangaa waan jiruuf, akkasumas Bahaa fi Kibbaan ammoo paarkii Awaash fi laga Awashiin daangeffamee waan jiruuf wayita bonni dheeratu, Karrayyuun gama Kibba Lixaan gara Aanaa Boosat godaanee tikfatee deebi'a.
Karrayyuun horsiisee bulaa yoo ta'u, gaalaa fi loon horsiisuun jiraata. Keessumaa gaalli aadaa fi jireenya hawaas-diinagdee Karrayyuu keessatti gatii guddaa qabdi.
Magaalaan Guddittiin Aanaa Fantaallee Matahaaraan Finfinnerraa fageenya kiloometirii 187, Adaamarraa immoo kiiloomeetira 103 fagaatti.
Karrayyuun Oromoo keessaa Bareentuu dha. Karrayyuu amma Aanaa Fantaallee qubatee jiruun alatti gost Karrayyuu kutaalee Oromiyaa akka Baale, Boorana, Wallo, Harargee fi iddoowwan biroo keessallee faca'ee akka jiraatu qoraattonni hidda latiinsa Oromoo hedduun barreessanii jiru.
Karrayyuun ilmaan lama qaba. Isaanis Baaso fi Dullacha jedhamu. Dullachi angafa yoo ta'u Baaso ammoo maandhaa/quxisuudha.
Akka afoola Karrayyuutti dhalootaan kan angafu Baaso jedhama. Karrayyuun niitii lama qaba ture jedhu jaarroliin Karrayyuu. Baaso niitii lammataarraa dhalate. Dullachi ammoo niitii qaraa ykn kan jalqabaa irraa dhalate.
Baaso dursee dhalatullee, Dullachi nitii angafaa/dullattii irraa waan dhalateef angafummaan isaaf kennamte jedhu.
Horteen Dullachaa Dayyuu Shanan (Dayyuu, Tootayyaa, Abaadhoo, Booddaa fi Hawaaso) fi Booxaa Sadeen (Mulaataa, Gurraachoo fi Galaan) jedhamuun bakka lamatti hiramu.
Horteen Baaso ammoo Dhaasuu Sadeen fi Abrii Afran walitti makamuudhaan "Torban Iluu" jedhamanii beekamu.
2. Nogobaa fi Baataa Biyyaa (Basaqaa fi Fantaallee)
Aanaan Fantaallee qabeenya uumamaa kan akka haroo Nogobaa (Basaqaa) fi gaara Fantaalle kan dheerinni isaa meetira 2007 ta'e qabdi.
Haroon namoonni hedduun maqaa Basaqaan beekan Karrayyuu biratti maqaa Nogoba jedhuun beekama. Hara Adii jedhamees ni waamama.
Haroon kun dur Burqaa ture jedhama. Karrayyuun yeroo dheeraaf horii obaafachaa akkasumas itti irreeffachaa akka ture himama.
Moggaasni Aanaa Fantaallee kan irraa argame gaarri Fantaallee Karrayyuu biratti kabaja guddaa qaba.
Karrayyuun yoo Waaqa kadhatu, 'Yaa Waaqa gaara Fantaallee uumte' jedhee kadhata. Gaara kana keessa wanti ulfina qabeessii Waaqni keessa kaa'e jira jedhaniis amanu.
Wayita bonni dheerate ykn rakkoon isa mudate Karrayyuun gara gaara Fantaallee dheessa. Kanarraa ka'uunis 'Baataa Biyyaa' jedhanii waamu.
Bonni hammaatee citaan/margi bakka biraati yoo dhabame gaara Fantaallee irraa hin dhabamu. 'Yaa Waaqa gaara Fantaallee Uumte' jedhanii yoo kadhatan Waaqni ni rooba jedhaniis amanu.
Moggaasni maqaa uummata Karrayyuu baay'ee gaara kanarraa ka'uun Fantaallee jedhamee moggaafama.
Ammaan tana sababa babal'ina warshaa sukkaaraa Matahaaraa fi investimantii qonna ammayyaa gara garaa irraa fagaatus, Karrayyuun laga Awaash kan Hawaas jedhee waamuu hidhata guddaa akka qabuu fi ijoollee illee maqaa kanaan akka moggaasu himama.
3. Doorii fi Gooba (Gadaa)
Oromoon Karrayyuu akkuma Oromoo kaanii sirna Gadaatiin bula. Bakkeewwan sirni Gadaa osoo adda hin citiin itti adeemsifamaa har'a gahe keessaa tokko Karrayyuudha.
Karrayyuun Gadaan tokkittiidha, miseensi/tuutni Gadaa shani jedhee amana. Gadaan kan Waaqaayyootis jedha. Miseensonni Gadaa shanan Dirmajii, Meelbaa, Michillee, Halchiisa(Duuloo) fi Roobalee yoo ta'an wagga saddeet saddeetiin aangoo wal harkaa fuudhu.
Ilmaan Karrayyuu lamaan Baaso fi Dullachi Gadaa waliin qabu Abbaa Gadaa garuu addatti qabu. Kana jechuun Baasos ta'e Dullachaa biratti fakkeenyaaf kan amma aangoo Gadaa harkaa qabu tuuta Michilleeti. Haata'u malee, Baaso addatti Abbaa Gadaa qaba, Dullachis addatti Abbaa Gadaa qaba jechuudha.
Ta'us, Dullachi angafa waan ta'eef sirnooti gurguddoo gaafa jiraatan Abbaa Gadaa Dullachaatu gaggeessa.
Abbootiin Gadaa lamaan gargar qubatu. Karrayyuun warra Gadooma harkaa qabu Doorii ykn Gabalaa jedhee waama. Dooriin Michillee kan Baasoo gara Kaaba Aanaa Fantaallee lafa Kolbaayye jedhamtu qubatee jira.
Dooriin Michillee kan Dullachaa ammoo gama Lixa Aanichaatin Daangaa Aanaa Fantaallee fi Boosat lafa Kaarra jedhamtu qubate.
Abbaa Gadaa/Bokkuu Kadiiroo Hawaas Boruu kan tuuta isaanii waliin Mudde 1, 2021 ajjeefaman miseensa Gadaa Michillee kan ilma angafaa Karrayyuu kan Dullachaati.
Tuutni Gadaa tokko baallii/aangoo Gadaa fudhachuuf waggaan lama yoo hafu Goobaa fudhata. Tuutni Gadaa Gooba fudhate waggaa lamaaf bulchiinsa, dhiichisaa fi wantoota adda addaa shaakalaa tura.
Gaafa Dhiichisuu:
"Gooban Marree Marree, Yaa Waaq na magarsi" jedha.
Dooriin ykn warri warri gadaa harkaa qabu ammoo:
"Dooriin Marree Marree, Yaa waaq na magarsi" jedhee dhiichisa.
4. Alalaasi fi Kormaan qalaa (Eebbaa fi Abaarsa)
Karrayyuun eebba adda ta'e qaba. Eebba kana kan eebbisu Abbaa Gadaa ykn tuuta Gadaa aangoo of harkaa qabu qofa.
Fakkeenyaaf Gadaa Michilleetu aangoo harkaa qaba yoo ta'e, miseensi Gadaa Michillee sirnoota tokko tokko gaggeessee yoo xumuru eebba kanaan xumura.
Eebba kana namni tokko yoo eebbisu, kaan tokkummaan jalaa qabu.
Yeroo ebbifataan tokkummaadhaan wal harkaa fuudhuun eebbifatu. Eebba Doorii/Gabalaa/ ykn Warra Gadaa harkaa qabuu tana akka fakkeenyatti kaasun ni danda'ama:
Miinya Dahi....................ziz
Goduu dahi .................... ziz
Huurubni Mirga ....................ziz
Dirreen dannaba.................... ziz
Adaboon Gooba.................... ziz
Goobni geerarsa....................ziz
Alaalaasi.....................ziz
Alaa Gali....................ziz
Dando ta'i....................ziz
Sin danda'iin....................ziz
Fantaalle ta'i.....................ziz
Guddadhu.....................ziz
Boosat ta'i....................ziz
Mul'adhu....................ziz
Doobbi ta'i....................ziz
Diina gubi.....................Ziz
Odaa tahi............................ziz
Firii baasi.............................ziz
Firaan booni.........................ziz
Oromoo tahi..........................ziz
Bal'adhu.................................ziz
Fantaalle ta'i.............................ziz
Mul'adhu.................................ziz
Dande tahi.....,........................ziz
Sin danda'in.............................ziz
Itti cibri.....................................ziz
Cibraa dhoosi............................ziz
Qabadhu qabadhu............. Qabadhe qabadhe..., jechuun wal eebbisu.
Kanaan alatti wayita rakkoon uummatatti dhufu gara warra ulfinaa/Qaalluu deemanii akka Waaqa kadhatanii fi akka isaan eebbisan gaafatu. Isaanis Waaqa kadhatuuf, ni eebbisuus.
Eebba qofa osoo hin taane, abaarsillee ni jira. Karrayyuun eebbaaf malee abaarsaaf bakka guddaa hin kennu. Haata'u malee, wayita rakkoon hamtuun kan furmaata argachuu hin dandeenye biyyarra gahu warri ulfinaa/Qaalluu ni abaaru.
Kunis 'Kormaan qalaa' jedhamee beekama. Wanti tokko ykn sirni biyyaaf hin tolle tokko yoo 'Kormaan qalame' ni bada jedhee amana Karrayyuun.
Karrayyuun hanga waan tokko ijibbatee sadarkaa dhumaarra gahutti warra ulfinaa/Qaalluu dhaqee 'Kormaan qalaa' hin gaafatu.
5. Gunfuraa fi Maddoo (Bareedina)
Gunfurri akkaata dhiironni Karrayyuu keessaahuu dargaggootni dabbasaa isaanii itti filatanidha.
'Gunfurri gaanfa dhiiraati' jedha Karrayyuun. Mallattoo bareedinaa fi kan dhiirri tokko ittiin boonu gunfura isaati.
Gunfura yoo ogeessa ta'e malee namuu hin filu. Ogeessatu karaa fuulduraa fi duubaa bocee bifa itti tolcha.
Yoo kan dheerate tahes ogeessumatu hamma gunfuratti bareedutti irraa gabaabsafi. Fuulduraanis kaarruu itti bananii akka ija hawwatutti bocasaa bareechu.
Dhadhaa dabalatee filaan addatti qophaa'u akkasumas meeshaaleen Gunfuraaf barbaachisan jiru. Dhiirri tokko ogeessa jala taa'ee Gunfura filachuuf daqiiqaa 30 hanga sa'aatii tokkoo fudhachuu mala.
Dhiirri Gunfura filate boraatii mukarraa tolfame boraafatee ciisa. Yoo hirriiba keessa cinaacha jijjiirachuu barbaade boraatii kana gara itti ciisuu barbaadutti dabarfatee rafa.
Haala kanaan gunfurri isaa hanga torbanii gahuu danda'a.
Gunfurri takkaa tolfamee raawwannaan harkaan hin tuqamu, yoo hooqsisellee filaa qara tokkoon malaan hooqqatu.
Duraan dhiirri Karrayyuu yeroo gaddaa ykn yoo rakkoon isa mudate malee gunfura hin haaddatu. Amma garuu ammayyooma dabalatee dhadhaan akka garaa dhabamuu fi sababoota hedduun namootni gunfura filatan xiqqaachaa jiru.
Akkuma jarreen dhiiraa gunfura filatan, shamarran Karrayyuu akkaataa rifeensa bareeffatan qabu. Isaan keessaa tokko Maddoo jedhama.
Maddoon bishaaniin dhahama. Filaa mukarraa tolfame irratti jala kaa'anii dhahu. Yeroo heerumaa ykn ammoo boonaafis shamarran Karrayyuu Maddoo dhahatu.
Intala dubraa mana jirtu kan hin heerumiintu Maddoo dhahata.
Maddi Odeessa Kanaa: Gaazexeessaa Mohaammad Fantaallee, Lalisaa Karrayyuu fi Gabaasa BBC