Aliin bu'uuressitoota qabsoo Oromoo ammayyaa keessaa isa hangafaati -Lammaa Magarsaa (PhD)

Pirezidantiin duraanii Oromiyaafi ministirri Ittisaa Itoophiyaa duraanii Lammaa Magarsaa (PhD), Aliin bu'uuressitoota qabsoo Oromoo ammayyaa bifa muuziqaan qindeessan keessaa hayyuu isa hangafaati jedhan.

"Aliin dabalataanis, uummattoota Gaanfa Afrikaa keessatti cunqurfamaa turaniif sagalee ta'auun jaalala hundaa hayyuu horatedha," jedhan Dr. Lammaan.

Xalayaa ibsa gaddaa BBCf erganiin boqochuu kabajamaafi jaallatamaa Dr. Alii Birraa yeroo dhagahan gaddi guddaan akka itti dhagahame kan ibstan Dr. Lammaa Magarsaa, walaloofi yeedaloon isaa sagalee kiilolee isaatiin bareedee dhiyaachuun qilleensa bilisummaafi jaalalaa ta'uun Oromiyaa jaarraa walakkaaf tajaajilee jira jedhan.

"Oromiyaafi jaalala biyyaa qoor-qalbii uummta isaa keessatti ijaaree jira. Aliin barsiisa Oromummaati.

Barsiisaa haqaafi obbolummaati. Baran bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa gaggeessaa turetti hayyoota itti dhiyeenyaan na gorsaa, na utubaa, na sirreessaa turan keessaa tokko ture," jedhan Dr. Lammaan xalayaa isaanii kanaan.

Oromoofi saboonni obboloonni hundi hayyuufi abbaa seenaa guddaa dhabaniiru kan jedhan Dr. Lammaan, "abdii guddaan garuu Aliin ilmaan Oromoo hedduu baasee, guddisee, geessisee jira.

Sanyii inni facaasee biqilee ija godhateera," jechuun bakka Artistiin kun labata darbeefi kan ammaa keessatti qabu ibsaniiru.

Dr. Lammaan Aliin har'a boqotus hojiiwwan inni hojjete hundi nu waliin hafu jechuun, "maqaan isaa jalqaba tarree goototaa keenya keessatti maqaan isaa ni barreeffama, ni weeddifama, bara baraanis ni yaadatama," jedhan.

Alii Birraa qaaliiwwan akka Haacaaluu Hundeessaa, Nuhoo Goobanaa, Daadhii Galaan, Usmaayyoo Muusaa, Eebbisaa Addunyaa fi kanneen biroo hedduu waliin akka maatii tokkootti bara baraan ni faarfama jechuun ibsatan Dr. Lammaa Magarsaa.

Artist Alii Birraa waggoota 50 oliif erga muuziqaa keessa turanii kaleessa Sadaasa 6, 2022 umurii isaanii ganna 75niin adunyaa irraa du'aan kan boqatan.