Namtichi waan du'e of fakkeessee mana hidhaatii miliqe, waggaan booda to'atame

Beesteer osoo poolisiin dabaalamee gara duraatti geeffamu

Madda suuraa, GALLO IMAGES

Afriikaa Kibbaatti namtichi yakkawwan ajjeechaafi dubartoota gudeeduun itti murtaa’e waan du’e of fakkeessee mana hidhaatii miliqe waggaa tokko booda Taanzaaniyaa keessatti to’atame.

Namni kun Taab Beesteer jedhama. Kutaa itti hidhame keessatti abiddaan of-gubee lubbunsaa darbeera jedhamee amanamee ture.

Haata’u malee, reeffi kutaa mana hidhaa keessatti argame kan Beesteer akka hin taane erga qorannoon adda baafameen booda yakkamaa kana to’achuudhaaf yaalii baatii tokkoon dura eegalee ture.

Beesteer guyyoota muraasa dura dubartii jaalallee isaa fi namoota sadii kan biraa waliin Taanzaaniyaatti to’annaa jala kan oolfaman yoo ta’u, dabarfamanii Afriikaa Kibbaatti kennamu jedhameera.

Poolisiin akka jedhuutti, namoonni sadan gara Keeniyaatti baqachuuf karoorfatanii turan.

Namni kun dubartoota miidhaa irraan gahu karaa toora Facebook gowwoomsun harkasaa keessa galfata.

Namni kunis bara 2012tti dubartii moodeelii tureefi Nofaandoo Taayihulu jedhamtu erga gudeedeen booda ajjeesseera jedhamuun balleessaan irratti murtaa’ee ture. Bara 2011 irratti ammo dubartoota biraa lama dirqisiisee gudeeduu fi saamuudhaan badiin irratti argamee ture.

Beesteer wagga darbee baatii Caamsaa irratti ture mana hidhaa Afriikaa Kibbaa keessatti ofiisaa gubuudhaan lubbuunsaa darbeera jedhamee kan ture.

Haata’u malee miidiyaaleen biyya keessaa Beesteer du’eera jedhamu dhimmoota gaaffii keessa galchan baasuu eegalan.

Keessattuu qorannoon reeffaa kan du’e Beesteer akka hin taane erga mirkanneessee booda poolisiin galmee ajjeechaa gara biraa bane.

Eenyummaan nama mana hidhaa keessatti gubatee ajjeeffamee sanaa hanga ammaatti adda bahu baatulleen, namtichi garuu miidhaan mataa isaarra gahuu akka ajjeeffame qorannoon reefaa mul’isee ture.

Manni hidhaa yakkamaan kun itti hidhamee ture waardiyyaan dhaabbata tikaa Ingiliiz G4S yakkamaan kun akka miliquuf gargaaree jira jedhamuun himannaan irratti dhiyaateera.

BBCn dhaabbata dhuunfaa kanarraa yaada argachuuf yaaliin taasise milkaa’ufi baatulleen, G4S dhimmicha waliin wal qabatee hojjattoota isaa sadii hojiirraa arii’ateera jedhame.

Yakkamaan kun osoo Taanzaaniyaatti to’annoo jala hin galfamiin dura Afriikaa Kibbaa- Johaansibargiitti ollaa badhaatuu keessatti mana jireenyaa guddaa kireeffatee jiraataa jira jedhamee gabaasaaleen bahaa turan. Kana malees, namoonni Beesteer osoo ifatti waa bitaa jiruu gabaatti agarree jirra jedhanis turan.

Afriikaa Kibbaa biyya addunyaatti yakki gudeeddii hedduun itti raawwatamuutti Beesteer mana hidhaatii miliquun dheekkamsa olaanaa kaasee ture.