Kirkirri lafaa torbee keessatti yeroo lammataaf Afgaanistaan rukute

Balaa Kirkira lafaa Afgaanistaan

Madda suuraa, Reuters

Afgaanistaan Sanbata kirkira lafaa maagnitiyuudii 6.3 ta'een rukutamtee ture guyyoota booda ammas kirkira lafaa kan biraan miidhamteetti.

Kirkirri lafaa inni lammataa kun Roobii barii mudate.

Kirkira lafaa isa jaqabaan namootni 1,000 ol kan du'an yoo ta'u safarri kirkira lafaa inni lamataas isa jalqabaan qixxee akka ta'e gabaafameera.

Gidduugalli balaa kanaa magaalaa Heraat irraa gara kaabaatti km 28 fagaata.

Balaa kirkira lafaa kanaan miidhaan qaqqabe ammatti ifa hin godhamne. Hedduun namaa balaa kilkira lafaa Sanbata xiqqaan manneen waan jalaa manca'aniif bakkee ciisaa turan.

Hanqinni nyaataa, uffata qoorraa fi dhiyeessaalee kaanis mudateera.

Balaan kirkira lafaa inni jalqabaa Sanbata xiqqaa kan mudate magaalaa Heraat jedhamturraa fageenya km 40 irratti ganda baadiyyaa argamtuttiidha.

Naannichatti manneen ijaaramanii jiran hedduu jaboo waan hin taaneef kirkira lafaa kanaan manca'uu suuraaleen naannichaaa bahan mul'isaniiru.

Afgaanistaan biyya balaan kirkira lafaa irra deddeebiin ishee mudatuudha. Keessumaa naannoo gaarren Hinduu jedhamutti.

Sababni ammoo bakka walargaa Yuuroozhiyaa fi Indiyaan teektoonik pileet waan ta'eefi jedhu ogeeyyiin.