Manguddoo kirkira lafaan miseensa maatii 11 jalaa du'an

Taaj Mahammad

Lubbuu baraartonni kirkirri lafaa hamaa ganda baadiyyaa Afgaanistaantti namoota 1,000 ol ajjeesuun booda kanneen lubbuun hafan jijjigaa gamoo jalaa barbaadaa jiru.

Sanbata darbe magaalaa Heraatitti kirkirri lafaa maagniitiyuudiii 6.3 qabu dhagahamee ture.

Jiraattonni akaafaa fi harka qullaadhaan namoota 500 ol achi buuteen isaani dhabame barbaadaa jiru.

Jiraataan Heraat Taaj Mahammad jedhaman kirkira lafaa kanaan miseensa maatii 11 dhabuu isaanii himan.

''Haadhoti warraa ijoollee koo afur dhabeera, ijoollee koo dhiiraa afuriifi ijoolleen, ijoollee koos du'aniiru. Waan jedhu tokkoyyuu hin qabu miseensa maatii 11'n dhabe har'a,'' jedhan.

Jiraattuun naannichaa biraan Paarii Guul, ''ijoolleen ijoollee koo lama du'aniiru, kunoo achitti awwaalaman. Maatii koo guutuun dhabe, waan hunduu jijjigaa sana jala jira,'' jette.

Daandii fi malli quunnamtii waan cufameef deeggarsa qaqqabsiisuun harkifataa turee, Wiixata kaleessaa gahuu jalqabe.

Lakkoofsi namoota du'anii kana caaluu akka danda'u sodaatamaa jira.

Gandi kirkira lafaa kanaan akka malee miidhamte Zindaajan, kan magaalaa Heraat irraa km40 fagaattu keessatti manneen guutummaan guutuutti(%100) barbadaa'aniiru jedhe UN'tti Dhimma Namoomaa kan qindeessu OCHA'n.

Manneen kirkira lafaan jijjigan

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Suuraalee achii argaman manneen lallaafoo kirkira lafaa kana dandamachuu dadhabuun jijjigan mul'isu.

''Manatti gaafa deebinu waan hafe tokkoyyuu hin jiru. Waan hunduu jigee dhoqqee taheera,'' jechuun jiraataan AFP'tti himeera.

''Akaafaadhaan gaafa jijjigaa qotuu jalqabnu ture kan ijoollee fi dubartoota argine,'' jedhan.

Mootummaa Taalibaaniifi dhaaboti gargaarsaa jalqabarratti namoonni meeqa akka lubbuun darbeefi achi buuteen dhabame tilmaamuu rakkatanii turan.

Sababiinsaas qondaaloti odeeffannoo lakkoofsa uummataa baadiyyaa fagoo jiranii waan hin qabneefi.

Ganda sana keessa hawaasni waraanaafi hongeedhaan buqqa'an waan jiraniif lakkoofsa jiraattotaa baruun rakkisaa taheera.

''Akka waayilooti keenya nutti himanitti namoonni balaa kanarraa hafan akka malee nahanii, beela'anii fi gargaarsaaf otoo watwaatanii argaman, '' jedhan hogganaan Sagantaa Nyaataa Addunyaa Fiilipee Kiroof.

Waan lafarra jiru ammallee sirriitti akka hin beekamne himan.

Hogganaan kuni, yeroon gannaa galuuf baatii tokkotu hafe, ummanni miiliyoona 15 tahu-tokko sadaffaan uummatichaa, nyaati isaanii eessaa akka dhufu hin beekan jedhaniiru.

Dhaabbanni Nyaataa Addunyaa iddoowwan baadiyyaa kanatti nyaata geessuuf maallaqa doolaara miiliyoona 400 barbaada.

Hospitaalonni meeshaa wal'aansaa gahaa hin qabne miidhamtoota 1,600 caalan gargaaruuf rakkachaa jiru.

Namoonni baayyee ganda isaaniirraa gara magaalaa Heraattitti ergamaa jiru. Achitti dhaabbanni gargaarsa tola oolaa idil-addunyaa Médecins Sans Frontières (MSF) Sanbatarraa qabee deeggarsa wal'aansaa taasisaa jira.