'Giiftiin Kiriptookaransii' Dolaara Biliyoona 4 ol saamtee miliqxe FBIn barbaadamaa jirti

Ruujaa Iginaatoovaa jedhamti. Yookaan ammoo 'Giiftii Kiriptookaarensii' akka taatetti beekamti ture.
Dubartiin kun amma namoota 10 addunyaa irratti Biiroo Qorannoo Yakkaa Ameerikaa, FBI, dhimmee soqaa jiru keessaati.
Dubartiin lammummaa Bulgaariyaa qabdu kun Kiriptookaaransii 'OneCoin' jedhamu keessatti yakka waliin dha'uun saamuu keessatti hirmaatteetti jechuun barbaadamaa jirti.
Shakkamtuun kun namoota gara garaarraa maallaqa Dolaara Biliyoona 4 olitti tilmaamamu waliin dhooftee akka miliqxe qorattoonni FBI ibsaa jiru.
Erga bara 2017 as eessa akka seente kan hin beekamiin jirtu Aadde Ruujaa Iginaatoovaa, qabamtee hidhamtu ajajni irratti bahee qorattoonni hordofuutti jiru.
Dubartiin kun maallaqa dijitaalaa (Kiriptookaaransii) 'Waan Kooyin' jedhamu bara 2014 keessa hundaa'e keessatti hirmaannaa akka qabdu kan shakkamte yoo ta'u, warri bitatan namoota hedduu hanguma fidaniin komishinii baayyee akka argatan nan godha jechuun waliin dhahaa turte.
Haata'u malee, 'Waan Kooyin' waan hin taane akka ta'eefi akka Kiriptookaaransii warra kaaniitti nageenyi isaa eegamee kan hin beekne akka ta'e dubbata FBI.
Akka himannaa abbootiin alangaa Federaalaa US dhiyeessanitti, 'OneCoin' waliin dha'aa yoo ta'u, maqaa isaa jijjiirratee bifa Kiriptookaaransiitiin kan mul'atedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Shakkamtuun kunis, "yeroo Kiriptookaaransiin jalqabamutti haala tureefi wantoota ni ta'u jedhamanii bal'inaan haasa'aman sirriitti fayyadamuudhaan waliin dha'uudhaaf sa'aatii sirrii filatteetti jechuun dubbata abbaan alangaa Daamiyaan Wiliyaams.
Kanarraa ka'uun FBI dubartii ammatti eessa akka jirtu hin beekamne kana namoota shakkamanii barbaadaman keessatti ramadeera.
Kun ammoo shakkamtuu kana barbaaduu keessatti namoonni akka gargaaraniif taasisa jedhameera.
Bara 2019 keessa himannaawwan saddeet kan irratti dhiyaate Ignaatovaan, nama eeruu kenneef ammoo dolaara 100,000 akka kennuuf FBI waadaa galeera.
Ignaatovaan namoota shakkamanii barbaadamaa jiran keessaa dubartii tokkittiidha.
Tarree namoota shakkamanii barbaadama kanneen keessa galuunishee ammoo salphaatti akka isheen qabamtu gargaara jedhamaa jira.
Qorataan dhimma dubartii kanaa hordofaa ture tokko akka jedhutti, dubartiin kun seera jalaa dhokachuudhaaf maallaqa dolaara miliyoona 500 akka baaste kan ibsan yoo ta'u, kun ammoo barbaacha ishee rakkisaa akka taasise kaasa.
Of dhoksuudhaafi eenyummaa sobaa fayyadamuudhaaf dandeettii akka qabdu kan itti himame qorataan kun, lubbuunillee jiraachuu dhabuu dandeessi kan jedhus tilmaamaa jiru.
"Giiftiin Kiriptookaransii" achi buuteen hin beekamne kun, yeroo dhumaatiif kan mullatte bara 2017 Bulgaariyaa irraa gara Giriikitti yeroo imalaa turte yoo ta'u, isaan booda garuu 'miila Bakar Waaree' taateetti.












