Doolaarri Kanaadaa Miliyoonni 200'tti dhiyaatu akkamitti namticha waliin awwaalame?

Madda suuraa, Gerald Cotten/Facebook
Maallaqi dijitaalaa 'Cryptocurrency' jedhan yeroo hedduu yaaddessaadha. Dhihoos rakkoon hin eegamne Kaanaadaatti mudate.
Shallagi maallaqa dijitaalaa guddicha Kaanaadaa keesatti argamu, Kuwaadrigaa, namichi dhaabbaticha hundeesse waliin baduu isaatu dhagahame.
Maallaqi kunis dolaara maallaqa miiliyoona 190 kan dijitaalaa fi kan qarshii harkaan lakkaa'amu miiliyoona 50 ta'u badeera.
Sababni isaa immoo ''furtuun'' isaa namicha hundeesse, Geraald Kootan, waliin awwaalamuu isaati.
Mana murtii olaanaa Novaa Iskotaa jedhamutti maallaqa kana argachuun akka rakkisu kan himame.
Sanadni haatiwarraa isaa Jeenifar Robeertisan mallatteessite ''irra deddeebiin yaaleera hin argannee, barreeffamees hin jiru'' jedha.
Dhaabbanni Kuwaadirigaa jedhamu kun waggaa 5 dura hundeeffame. Bara darbe irraa eegalee rakkoo maallaqa qabatu mudatee ture.

Madda suuraa, Getty Images
Kaampanichi maamiltoota kuma 100 fi kuma 15 kan qabu yoo tau, sooreyyii hojii investimentii hojjatanii amma namoota bu'aa argachuuf dhama'ani lakkofsaan hedduu horateera.
Ogeettiin seeraa fi hundeessituun dhaabbata 'Digital Finance Institute' jedhamu Kiristiin Duhaamii CBC'tti akka himtetti ,namni baayyeen maallaqasaa akka argatu abdataa jetti.
Namootni hojii investimantii hojjatan garuu deebi'anii bayyanachuun akka rakkisu ogeeyyiin kan himan.
Du'aatiin Kootan toora Feesibuukii fi Marsariitii Kaampanicharratti ibsame.
Duuni isaas Indiyaa Jaayipur iddoo jedhamutti daa'imman maatii hin qabne tolaa ooltummaan dawoo iddoo jiraatan akka argatan deeggaruuf dhaqeeti achitit du'e.
Kootan rakkoo 'Crohn's disease' jedhamuun dhukkubsataa turetu itti hammaate galaafate.













