Nama bakakkaan rukute biyyoo keessa tursiisuun ija saayinsiin akkamiin ilaalama?

Dubartii biyyoo keessa awwaalamte

Madda suuraa, SM

Wiixata Ebla 23/2015 walakkeessa guyyaa Godina Harargee Bahaa aanaa Qumbii magaalaa Minootti miseensoota maatii tokkoo kan ta’an namoonni afur bakakkaan miidhaman.

“Yemmuu bakakkaan bu’u maatiin mana keessa turan. Maatii sana keessaa nama afur irratti miidhaa qaqqabsiise,” jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Qumbii Obbo Abdii Ibraahim.

Balaa kanaan lubbuun daa’ima tokkoo yemmuu darbu haadha warraa fi daa’imman lama irratti immoo miidhaan qaqqabeera.

“Hawaasni yemmuu balaan akkanaa qaqqabu wantoota ibidda qabaniin itti hin bu’an. Kanaafis aannanfaa itti naqaa turan,” jedhan Obbo Abdiin.

Obbo Arab Aliyyii Bakar jiraataa magaalaa Minoo fi ollaa iddoo balaan bakakkaa kun itti qaqqabee yemmuu ta’an, namoota warra miidhaan irra gahe biyyeen/dikeen uwwifamanii akka turan taasisan keessaa tokko.

“Bakakkaan utubaa barandaa cabsitee mana keessa seente. Achiin booda waan gubbaarraa fidde achi keessatti buuftee daa’imman sadii fi haadha warraa irratti miidhaa geessise,” jedhan.

“Warra miidhame dikee keessatti guurre…”

Bakakkaan miseensota maatii tokkoo namoota afur irratti miidhaa erga qaqqabsiiseen booda jiraattonni naannoo sanaa lubbuu miidhamtootaa baraaruuf tumsuu eegalan.

Kunneen keessaa tokko immoo akka aadaa hawaasichaatti boolla qotuun qamni miidhamtootaa biyyoon itti uwwifamee achi keessa akka turu taasisuudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Warra miidhame sana fuunee dikee akaaffaan bannee achi keessatti guurre. Isaan lubbuun isaanii baraaramte,” jedhan Obbo Arab Aliyyii.

Miseensonni maatii bakakkaan miidhaman kunneen amma sa’aatii shanii hanga jahaa ta’uuf biyyoon/dikeen itti uwwifamee akka turan taasifamuun, sana booda loon tokko akka itti qalamu himan.

Biyyoon ykn dikeen keessa tursiifamanis qaamni kunneen miidhaan irra gahee hoo’a akka argatu gochuun balicharraa akka dandamatan taasisuu dubbatan.

“Dikeen sun keessi isaa ni hoo’a, namni bakakkaan rukute immoo ni qabbanaa’a, dhiignis hedduu keessa hin yaa’u. Yeroo dikee keessa kaa’an garuu dikeen sun waan hoo’ituuf qaamni isaanii guutuun ni hoo’a, dhiignis keessa sosso’a,” jedhan.

Akka barmaataatti namoota bakakkaan rukute mana yaalaatti akka hin geessines himu. Wal’aansa fayyaa dhaabbilee fayyaa keessatti kennamurras yaaliin bifa aadaatiin namoota bakakkaan rukutee biyyee keessa awwaaluun tursiifamuun bu’aa qabeessa akka ta’e himu.

Haata’u malee yaanni Obbo Arab kun qorannoon kan deeggarame akka hin taane Yinivarsiitii Haramaayaatti barsiisaafi qorataa Fiiziksii Naannoo (Environmental Physics) kan ta’an Dr. Haftuu Birhaaneen himu.

“Malli bifa aadaatin itti fayyadaman (biyyee keessatti awwaaluu) qorannoon kan deeggarame miti. Qorannoo kan barbaadudha. Garuu saayinsiin kan gorfamu dhaabbilee fayyaa dhiyeenyatti argamutti geessuudha,” jedhan.

Bakakkaa ija saayinsiin?

Bakakkaan dhiibbaa hoo’aa yemmuu ta’u walharkisuu chaarjiiwwan eyyentaa (pozatiivii) fi hi'intaa (negatiiviin) kan uumamu akka ta’e kan himan Dr. Haftuun, gosoonni bakakkaa hedduu akka jiran himu.

Bakakkaan yeroo roobaa uumamu akkuma jiru osoo roobni hin jiraatiin yeroo gogaatti kan uumamu akka jirus himu.

Gosoota bakakkaa keessaa inni hamaa ta’es lafaafi duumessa gidduutti kan uumamu ta’uu kan himan Dr. Haftuun, “lafti chaarjii pozatiivii yemmuu qabaattu duumessi immoo chaarjii negatiivii qabaatee yemmuu chaarjiiwwan lamaan wal harkisan kan uumamudha,” jedhan.

Kana malees gosti bakakkaa inni biraan chaarjiiwwan duumessa tokko keessa jiraniin kan uumamudha. Dabalataan bakakkaan duumeessawwan lamaafi isaa ol yemmuu walitti bu’an uumamus gosa bakakkaa isa biraati.

Bakakkaan yemmuu uumamutti jalqaba balaqqee isaatu mul’ata. Itti aansun ammoo sagalee isaatu dhagahama.

Bakakkaan ho’a baay’ee guddaa digiri seentigireedii 30,000 ta’u kan qabu akka ta’es Dr. Haftuun himu.

Akkamiin ofirraa ittisuun danda’ama?

Saaxilamummaa balaa bakakkaaf qabnu hir’isuuf tarkaanfiin inni jalqabaa fi ijoon fageenya nuyi fi iddoo bakakkaan bu’uu danda’u gidduu jiru sakatta’uun irraa fagaachuu akka ta’e Dr. Haftuu Birhaanee himu.

“Garaagarummaa yeroo balaqqee bakakkaa itti agarree fi sagaleesaa itti dhageenye gidduu jiru sadiif hiruun bakakkaa sanarraa fageenya hagamiirra akka jirru beekuu dandeenya” jedhan.

Haaluma kanaan garaagarummaan yeroo battala balaqqee bakakkaa itti agarre fi sagalee bakakkaa itti dhageenye gidduu jiru sekondiiwwan 30 gadi yoo ta’e iddoo balaa bakakkaaf saaxilame akka jirru kan agarsiisu akka ta’es himan.

Kanaafis mana keessa kan jirru yoo ta’e balbalawwan fi fooddaawwan banaa ta’an irraa fagaachuu qabna jedhu barsiisaa fi qorataan Fiiziksii Naannoo Dr. Haftuu Birhaanee.

“Yaa’a elektiriikiitu uumama waan ta’ef fooddaan banaa yoo ta’e haala salphaan mana seenee namootarratti miidhaa geessisuu danda’a,” jedhan.

Naannoo mukkeenii kan jirru yoo ta’e immoo yoo xiqqaate dheerina muka sanarraa dachaa lama fi isaa ol fagaachuu akka qabnus himu.

Mukkeen dheerina waan qabaniif rooba roobenis jiidhina waan qabaataniif elektiriikii saffisaan ofkeessa dabarsuu danda’u. Kanaaf namootni waqtii roobni roobufi balaan bakakkaa jirutti mukkeen irraa fagaachuu akka qaban himu.

Manneen fi iddoowwan dawoo ta’uu danda’an kunneen biroo keessatti dahachuunis barbaachisaa akka ta’es himu.

“Konkolaataan imalaa kan jirru yoo ta’es fooddaa konkolaataa cufnee imaluu qabna,” jedhan Dr. Haftuun.