Haleellaa Haamaas fi yaaddoo ummata irratti uume ija Yihuudota Itoophiyaan

Haleellaa gareen hidhattootaa Haamaas Sanbata darbe Israa’el irratti raawwate miidhaa dhaqabsiiseenis tahe hammeenyi isaa kana dura tahee kan hin beeknedha jedhame.

Haleellaan osoo hin eegamiin Israa’el irratti raawwate kn waggoota kurnanif mudda isaan lamaan gidduu jiru kan agarsiisudha.

Haleellaan Baha Gidduugaleessatti raawwate kun Israa’eelii fi Filisxeem keessatti achiis guutummaa adunyaatti raafama umeera.

Haleellichi yeroo raawwatu lammiileen Israa’el hedduun ciisicha isaanii keessa turan.

Guyyichi Sanbata waan taheef maatii fi hiriyyoonni waliiti qabamuun kaan kadhannaadhaan, kaan ammoo bashannanuun guyyaatti waliin dabarsan ture.

Ganama yoo ka’an garuu haleellaa rokkeetiitu isaanitti robe.

Haleellaa guddaan akkasii fi qindaa’a atahe Israa’el irratti raawata jedhee namni eege hin jiru.

Ayichew Baayyee Israa’el magaalaa Ashkeelon keessa jiraachuu erga jalqabee waggootni 30 darabniiru.

Obbo Ayichew humna eeggataa biyyaalessaa Israa’el keessaas tokko.

Sadarkaa waraana tokkoof kennamu Shaambalii irras gahaniiru. Yeroo balaan tasaa akkasii mudatus hawwaasa naannoo isaaniif barnoota eeggannoo kennu.

Magaalaan Ashkeloon Gaazaatti dhiyaattee argamti. Magaalaa lammiileen Itoophiyaa fi Yihuudonni Itoophiyaa keessa turan keessa jiraachuu filatanidha.

Hidhattootni Haamaas kana duras al takka atakka rokkeettii gara magaalittiitti dhukaasu. Al takka takka miidhaa dhaqabsiisu, yeroo kaan ammoo farra misaa’elaan fashalaa’u.

Haleellaa Sanbata darbe haamaas raawwate ''dhukaasanii ajjeesuudha, akka ISIS ajjeesutti ajjeesaa turan’’ jechuun haalicha ibsa Ayichew.

Jalqaba rokkeetota dhukaasan. Kun ammoo humna Koomaandoo isaanii lafoo galaa jiruuf haguuggii kennuuf ture jedhe Ayichew.

''Hanga ammaa namoota nagaa fi loltoota 1200 tahan ajjeesaniiru,namoota ukkaamsanii fudhatanii deemanis qabu,’’ jedhe.

''Tibbana lammiileen Israa’el ayyaana waliin kabajaa turan. Yerootti maatii waliin dabarsanidha. Naannoo daangaa Gaazaa Sirxitti ammoo dargaggootni feestivaala muuziqaa qopheessuun irratti hirmaachaa turan’’ jedhe Ayichew.

Carraa kanatti fayyadamuun Haamaas haleellaa jabaa gaggeessuu himame.

Obbo Ayichew ammoo fira gaafachuu gara magaala biraa deemanii ture. Gara qe’ee isaaniitti kan deebi’an bileesaa barii sa’a 12:20 irratti ture. Qilleensa fudhadha jedhaniis gara qarqara galaanaatti bahuuu dubbatu.

Sagalee dhohinsaa dhagahan waraana Israa’eltu shaakala waraanaa taasisaa jira jedhanii darban. Gara sa’a 12;30 yoo tahu garuu bilbilli yeroo balaa bilbilamu [siren] naannicha raase jedhan.

''Konkolaataakoo kaasee yeroon dhufu rokkeettiin dhukaafame gamoo fuuldura jiru haleeluun boba’aa jira’’ jechuun haala Sanbata tahaa ture BBCtti himan.

Hidhattotni Haamaas daangaa cabsanii galuun haleellaa jalqabuu himan. ''Yeroo ayyaanaa hidhattootni akka Haamaas jeequmsa kaasuu barbaadu’’ jedhan.

''Haleellaa isa kana garuu namni eege hin jiru. Baay’ee kan nama naasisudha. Haala Kanaan namni isaan eege tokkoyyuu hin jiru’’ jedhan.

''Kana dura Haamaas akka Israa’el hin haleelle mariin gaggeeffamaa ture. Yoo kun tahe ammoo jiraattotni Gazaa hedduun Israa’el keessatti eeyyama hojii argatu jedhama atur,’’ jedhan.

Haamaas garuu dursee gara daangaa Israa’elitti siquun shaakala gocha atureera kan jedhan Obbo Ayichew ''dhaabbanni basaasaa Israa’elis kanarra hin geenye’’ jedhan.

''Uummanni rifateera’’

Haleellichi waan eegame waan hin taaneef ‘’uummani naheera. Haleellaaf daangaa galu jedhee namni eege waan hin jirreef naasuu uume,’’ jechuun haalicha hubachiise.

''Haamaas akkamitti daangaa cabsee seenuun nu haleele, akkamittis kana yaade? Akkamittis kana qindeess? Jechuun gaafachaa jiru’’ jechuun miira uumata keessaa hubachiise.

Israa’el siyaasaan tasgabbooftee hin jirtu. Paartileen siyaasaa Right wing fi Left Wing jedhamuun wal dorgoman waliigaluu dhabuun uumatas addaan qoodeera jedhan.

Haleellaan Haamaas raawate ''uumaticha tokko godheera’’ kan jedhan Obbo Ayichew, ''isa duraa caalaa akka harka wal qabannu, tokkummoofnu nu taasiseera’’ jedhan.

Haleellaan namoota nagaa irratti raawwate akka isaan mufachiise kaasuun.

''Sababa haleellaa namoota nagaa irratti fudhatameef…tarkaanfii Israa’el; fudhattu isaan baasaa? Isaan [Haamaas] lammiilee isaanii Gaazaa keessa jiraataniif hin yaadanii? Gaazaa keessa lammiileen Filisxeem jiraataniif baay’ee gaddina, garbummaatti humnaan qabamaniiti kan jiraatan’’ jedhan.

“Akka malee haala suukaneessatu ture”

Shimaayel namni jedhamu isaan wlaiin mana barumsa abultiitti barate tokk haleellichaan ajjeefamuu himna.

Hiriyyaan isaanii kun miseensa poolisii ture. Isa dabalatee poolisoota 13 waajjira poolisii keessatti hidhattootni Haamaas ajjeesuu himan.

Akka jedhanitti yoo tahe, Yihuudonni Itoophiyaa nama torba tahan ajjeefamaniiru. Reeffa adda baasuutu rakkoo tahe malee lakkoofsi isaa dabaluu danda’a soda jedhus qabu.

Walumaagalatti ''haala baay’ee suukaneessatu ture’’ jedhan.

Haamaas namoota 100 ol tahan ukkaamsee fudhatee deemuu kan himan jiraataan kun isaan keessas yihuudonni Itoophiyaa jiraachuu akak hin hafne dubbatu.

''Eenyu isaan? Maal hojjetu? Kan jedhu sichi adda baha kan jedhan jiraataan kun bakka haleellichi raawwate sanattuu reeffa adda baasuun yeroo dheeraa gaafate jedhan.

Irra caalaa ukkaamfamuun kan fudhataman dargaggoota feestivaala muuziqaa irra turanidha, manaa manarra deemunis kan fudhatan jiru jedhan.

Waan akka malee isaan naasise yoo gaafatamanis ''maatii tokko keessaa abbaa warraa, haadha warraa fi ijoolleen isaanii lama, walumaagala hunda isaaniitu dhume.

Namoota du’an adda baasuuf illee qorannoo qaccee sanyii [DNA] akka hin gaggeesine maatiin sun hunda isaaniitu dhumeera. Reeffayyuu kan maatiikooti jedhee namni fudhatu dhibe. Kan gubatanii du’anis waan jiraniif adda baasuun ulfaataadha. Maatiin illee firakooti jedhee boo’ee awwallachuuf carraa hin arganne’’ jedhe.

“Haamaasiin lafarraa balleessuu”

Ayichew akka jedhuti haleellaa guddaan Haamaas Sanbata raawwate lammiilee Israa’el irratti sodaa fi yaaddoo uumeera.

''Isa yeroo kamiiyyuu caalaa hunduu Haamaas lafarraa baduu qaba jechaa jiru. Israa’el tarkaanfii fudhataa jirtuun lammiilee nagaa achi jiraatan soo hin miidhiin Haamaasiin lafarraa balleessuu qabdi. Yoo akkas tahe Haamaas deebi’ee diina Israa’el tahee dhufuu hin danda’u,’’ jechaa jiraachuu isaanii Obbo Ayichew waan odeeffamaa jiru BBCtti himan.

Haleellaa raawwata, deebisee marii nagaatiin xumuru. Haala akasiin waggootaaf turuu yaadatu.

''Amma garuu yaadnu sun hin jiru. Uummata keessas Haamaas baduu qaba ejjennoo jedhutu jira‘‘ jechuun dubbatan.

Magaalaa amma keessa jiraatamn Ashkelon keessa sochiin uummataa daanga’eera. Erga Sanbara darbees magaalicha rokkeettiwan Haamas haleelaa turuu gabaafamaa ture.

Haleellaa raawwate kana hordofee biyyattiin akkaataa ulfaatina sodaa jiruutti halluu diimaa, keelloo fi magariisaan qoodamteetti.

Gaazaa Sirxi warra halluu diimaa, ykn balaa keessa jiru jedhaman keessaati. Naannoolee kanneen keessatti ‚''akka garaa baatee bashananuu fi deemuu hin dandeessu'' jedhan.

Bakka murtaa’e irraa kann hafe bahanii waa bitachuunu akka hin danda’amne himan. Yeroo yeroottis bilbilli yeroo balaa bilbilama.

Yeroo kana bakka dahoo yeroo balaaf qophaa’etti galama kann jedhan jiraataan kun innis yerootti sochiin eeyamamu qaba, innis bakka bakkaati adda adda jedhan.

Magaalaa Gaazaa keessatti bilbilichi bilbilamee bakka dahoo gahuuf sekondii 15 qofa qabu. Yoo sekondii 15 keessatti bakka dahoo yeroo balaa qophaa’e hin geenye miidhaan irra gahuu akka malu himan.

Jiraattotni magaalaa Teel Aviiv bakka dahoo gahuuf daqiiqaa tokkoo fi sekondii 30 qofa qabu jedhan.

Nmani tokko hojii galee tasa yoo bilbilichi bilbilame bakka dahoo gahuuf hammam akak isa fudhatu beekuu qaba. Yoo sa’a sana keessatti gahuu hin danda’u tahe hojii galuu hin qabu jedhan.

“Hanga xumura torbee kanaatti Israa’el guutuu keessa barnoonni hin jiru.bSochiin hunduu haalaan daanga’aniiru jedhan.

Hanga ammaatti irra dedeebiin gara dahoo yeroo balaatti baqachuu fi sodaa irraa kann ka’e jireenyi isaanii alaa jeeqamuu dubbatu.

''Yeroo meeqa akka bakka dahoo yeroo balaatti baqannee galle lakkaa’uun hin danda’amu. Hanga ammaatti yoomis hirriba rafnee beekna? Yoomis obsa siif kenna? Halakn guutuu sa’a bilbilli bilbilametti fiigama bulla‘‘ jedhan.

Jaarsolii fi namoota humna hin qabne qabatanii fiiganii bakka dahoo sana galuun ulfaataa akka tahe dubbatu.

Loltuu eeggataas waan tahaniif isaanis gara dirree waraanaatti bobba’uu malu.Magaalaa magaalatti garaagara tahus hanga Roobii kaleessatti haleellaan rokkeettii Haamaas akkuma itti fufetti jira.

“Magaalaa aniifi firoonnikoo keessa jiraanutti garaagrummaa sekondiin dhukaafma. Amma garuu hir’ataa jira. Sa’a taherra akka malee dhukaasuun yeroo tokko ammoo tasgabbaa’a,'' jedhan.