Iccitiin dubartii US biyya Indiyaatti bosona keessatti hidhamtee beelaan osoo dararamtuu argamtee maali?

Dubartii Ameerikaa bosona dhiha Indiyaa, bulchiinsa Mahaaraashitraa jedhamutti mukatti cancalaan hidhamtee "otoo watwaattuu" argamte.

Lalitaa Kaay jedhamti, dubartii ganna 50 yoo taatu, torban darbe bosona guddaa

araddaa Sinidhudurg keessatti kan argamte.

Watwannaa isheen lubbuu baraarsaaf iyyatte jalqaba tiksee horiitu dhagahe.

Tiksitoonni horii kunneen pooliisiif waanta argan himan.

Poolisiinis qaqqabanii cancala dubartii sun ittin hidhamte irra ciranii lubbuushee baraaran.

Aadde Kaay yeroo sanatti guutummatti laamshoftee, laaftee argamuu hordofuun gara hospitaalaatti geeffamte. Ergasii booda suuta wayyoofte.

Jimaata darbe kanammoo yaala dabalataaf gara hospitaaala fayyaa sammuutti geeffamuu hakiimonnishee yaalanii BBC'tti himaniiru.

Barreeffamaan yaada ishee poolisiif wayita ibsitu, abbaan warraashee "cancalaan hidhee nyaataafi bishaan dhabdee akka duutuuf bosona keessatti dhiisee deemuu" himatte.

Poolisiin odeeffannoo isheen kennite bu’uurafachuun abbaa warraashee kutaa kibbaa Taamiil Naaduutti barbaadaa akka jiran ibse.

Garuu Aadde Kaayiin erga baraaramanii guyyaa torba guutuus, eenyu isheen akka taate, akkamitti bosona keessa akka geeffamte, eenyu akka mukatti ishee hidhe, maaliif akka hidhamte ifatti hin beekamu.

Tiksee loonii kan ta'e Pandurang Gawkar, Sambata darbe dubartii kana bosona keessatti wayita argu "sagalee guddaadhaan iyyaa" otoo jirtuun dhaga'ee jedhe.

‘’Yeroon bakka isheen itti hidhamte dhaqutti miilli tokko mukatti hidhamuu arge.

Akka bineensaatti iyyaa turte. Sana boodan jiraattoota naannichaa fi poolisii waame," jedhe.

Poolisiin kooppii paaspoortiishee, lammii Ameerikaa ta'uushee ibsuufi kaardiishee Aadhaar - waraqaa eenyummaa addaa lammiilee Indiyaafi teessoo manashee Taamiil Naaduu jiru argachuu himan.

Kana malees, poolisiin bilbila moobayilii, taableetiifi qarshii Indiyaa 31,000 ($370) dubartii kana harkatti arguu himan.

Kunis hannaaf jecha taatee raawwate jedhanii akka hin shakkine taasise.

Tikseen kun dubartii kana arguun carraa gaarii dubartiin kun argatte akka ta'etti namoonni naannoo sanaa dubbatan.

Bosonni dubartiin kun keessatti argamte bal'aa waan ta'eef osoo namni iyyashee hin dhageenye guyyootaaf turuu dandeessi turte.

Poolisiin jalqaba gara hospitaala naannoo sanaatti argamutti geessuun booda gara hospitaala bulchiinsa ollaatti argamutti geesse.

Dursaan Kolleejjii Meedikaalaa Go'aa jedhamuu Dr Shivanand Bandekar gaazexaa ‘The Indian Express' jedhamutti akka himanitti, miilasheerra madaan jira, akkasumas rakkoo fayyaa sammuutiin rakkataas waan turte fakkaatti jedhan.

''Yeroo hammamiif akka nyaata hin nyaatiin akka turte hin beeknu, garuu qaamnishee ijoon hanga tokko tasgabbaa'aadha,'' jedhu Dr. Bandekar.

Jimaata darbe haalli fayyaan dubartii kanaa fooyya'ee gara hospitaala fayyaa sammuu bulchiinsa Mahaaraashtraa keessatti argamutti geeffamte.

"Ammaa haalli fayyaashee tasgabbaa'aadha," jechuun itti gaafatamaan hospitaalichaa Dr Sanghamitra Fulee BBC tti himan.

"Qoricha fudhachaa jirti, nyaata nyaachuu eegalteetti, namoota waliinis haasa’uu eegaltetti. Waan feetu ni haasofti. Afaan Ingilizii qofa beekti" jedhan haakimni kun.

Akka poolisiin jedhutti, Aadde Kaayiin Ameerikaa keessatti shubbistuu turte, yogaa hojjetti turte - gabaasaaleen muraasni akka akeekkaniti Masaachusetirraa gara HIndiyaatti waggaa 10 dura imaluun, Taamiil Naaduutti yogaa barataa turte.

Achitti abbaa warraashee waliin wal baran jedha gabaasni miidiyaalee.

Poolisiin Saatish akka jedhamu hime. Gabaasaleen kaan ammoo guyyoota lamaaf hoteela Go’aa erga turtee booda gara magaalaa Mombaayitti imalte.

Haata’u malee, dubartiin kun akka itti bosona keessatti hidhamtee torban darbe argamterratti odeeffannoon ifa ta’e hin jiru.

Aadde Kaay abbaan warraashee bosona keessatti mukatti ishee hidhee akka deemeefi bishaaniifi midhaan malee guyyoota 40 turuu himatte.

“Dhibee sammuu hamaatiif marfeen” akka kennameef kan dubbattu dubartiin kun, marfeen fudhatte kun ammoo mangaagaan ishee akka hin sochooneefi bishaan hin dhugne waan taasiseef soorata karaa hidda dhiigaatiin akka kennamaafiif tures ibsiteetti.

“Ani miidhamtuufi nama du’arraa ooledha. Garuu inni [abbaan warraashee] kana ishee godhe bakka kanaa baqateera,” jechuun himatte.

Poolisiin himannaa isheen dhiyeessite kana qulqulleeffachuuf akka isa dhibe himee, namni tokko bishaaniifi midhaan malee guyyaa hanga kana dheeratu ni tura jedhee akka hin amannellee dubbate.

Poolisiin himata yaalii ajjeechaa abbaa warraasheerratti kan bane yoo ta’u, dhimmicha ballinaan akka qoratuufis garee tokko gara Taamil Naaduu, Go’aafi Maharaashtraatti ergeera.

Abbaan warraa dubartii kanaa hanga ammaa poolisiin bira kan hin geenye yoo ta’u, miidiyaarrattis bahee yaadi kenneeru hin jiru.

Poolisiin odeeffannoo dabalataa argachuuf mobaayilaafi taabiletii dubartii kanarraa arges qorachaa akka jiru himeera.

Embaasiin US Deelhii jiru poolisiin akka qorannoo dhimma dubartii kanaa saffisiisuuf dhiibbaa gochaa jiraachuu miidiyaan gabaaseera. Embaasichi dhimmicharratti yaada kennuu garuu ni dide.

Dubbi-himaan tokko BBCtti akka himetti, “sababa Seera Icciitii Dhuunfaa US” kan odeeffannoo dhuunfaa dabarsuu dhorkuuf” gaaffii kanaaf deebii kennuu hin danda’u jedhe.