Taphataa duraanii Arsenaal qabeenya Mesii fi Roonaaldoo dachaa 20 caalu horatee biliyeenera tahe beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Taphataa kubba miilaa amma qabeenyi isaa Paawondii biliyoona tokko darbeera jedhamu Kiristaanoo Roonaaldoo dhageenyarra.
Liyonel Mesiinis akkasuma Paawondii miliyoona 800 ol akka tahe barruuleen adda addaa gabaasaniiru.
Akka kilbaatti yoo ilaalle Arsenaal kilaba maalaqa qusachuuf miindaa guddaa hin kafallee fi taphattoota mallattesisuufillee baajata guddaa hin qabanne jedhamee hamatama.
Garuu taphataan qabeenyaan taphattoota kubba miilaa adunyarra jiran caala jedhame Arsenaaliif taphataa ture, Maatiw Filaaminii jedhama.
Dandeettii kubba miilaa gaarii qabaatus Ajab! kan nama jechisiisus miti. Kanaaf miindaa guddaa tujaara adunyaa isa taasisuu danda'u Arsenaal irraas tahe kileboota kaan irraa argateera jechuu hin dandeenyu. Garuu mul'ata adda tahee fi guddaa nama qabudha.
Keemikaal Injiineriingiidhaan digirii jalqabaa qaba. Akkasumas, seeraan digirii gara biraa qaba. Umuriin isaa amma ganna 40. Haadha manaa garuu hin fuune.
Kubba miilaa fi barnoota, isaan booda ammoo kaampaanii takkumaan tujaara isa taasise hundeessuu irratti yeroosaa dabarse.
Filaaminiin Arsenaaliif marsaa lamaan, jechuun erga kilebichaa bahee deebi'uun walumaagala taphoota 246 taphateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggoota 17'f sadarkaa pirofeeshinaalaatti erga kubba miilaa taphateen booda bara 2019 soorama bahe.
Kubba miilaa kileba Faransaay Maarsee keessatti tokko jedhee jalqabe.
Dhaloonni isaas achuma Faransaay keessadha. Garuu maqaan isaa kan beekame erga Arsenaal galeeti.
Tarii Arsen Weenger ofii isaaniis lammii Faransaay waan tahaniif taphattoota Faransaay akka Heenerii, Viyeeraa fa'a akkuma mallatesisan Filaaminiifis carraa kana kennuu hin hafne.
Arsenaal waliin waancaa FA CUp sadii mo'ateera. Yeroo Arsenaal Shaampiyoons Liigii bara 2006 gara waancaatti darbuu gahee Baarseloonaadhaan mo'ames Filaaminiin taphattoota murteessoo yeroo sanaa keessaa tokko ture.
Ac Miilaan, Kiristaal Paalaasii fi Getaafee keessa taphateeti soorama kan bahe.
Erga kubba miilaa taphachuurraa soorama bahee taphataan duraanii Arsenaal kun, irra caalaa jireenya isaa biizinasii keessa godheera.
Maatiw Filaaminii amma dachaa 25 qabeenya Kiristaanoo Roonaaldoo horateera jedha gabaasaaleen adda addaa.
Kaampaanii icciitiin dhalate
Maatiw Filaaminii bara 2008 keessa osooma kubba taphataa jiruu kaampaanii eegumsa naannoo irratti hojjetu tokko hundeesse.
Kaampaaniin kun GF Baayokemikaal jedhamee beekama.
Kaampaaniin akka kanaa adunyaa irratti lakkoofsaan xiqqaa akka tahes himama.
Gabaa adunyaa amma jiruun GF Baayokeemikaal hanga paawondii biliyoona 25 baasa jedhama.
Filaaminiin qabeenyi isaa ol kaafamee himamuu erga dubbateen booda akka qabeneya guddaa horate garuu hin haalle.
Daily Mail'tti akka himetti; ''kaampaanicha jalqaba kan hundeese galii guddaa irraa argachuuf hin turre. Eegumsa naannoo balaarra bu'aa ture irratti dhiibbaa gaarii fiduuf yaadeeni malee'' jedhe.
Filaaminiin qabeenyi isaa hanga yeroo sana jedhame akka hin taane kan dubbate bara 2018 tahus ergasii kaampaaniin isaa adunyaa irratti dorgomaa biraa hin qabu jedhameera.
''Yeroo jalqaba waa'eekoo miidiyaalee adda addaa irraa dubbise na ajaa'ibee ture. Garuu maqaan kee uummata biratti baay'ee yeroo beekamu waan gochuu dandeessu waan odeeffamu hundaa irraa of fageessuudha'' jedhe.
Namoonni jalqaba waa'ee qabeenya isaa kan baasanii dubbachuu jalqaban shallaga gabaa adunyaa yeroo sana tureen akka tahe hime.

Madda suuraa, GF BIOCHEMICALS
Taphataan duraanii Arsenaal kun icciitii guddaa qabatee ture. Yoo xiqqaateef waggoota saddet tahaniif waayillan isaa Arsenaal keessatti waliin taphataa turanittillee hin himne.
Kaampaaniin isaa GF Baayookeemikaal, kaampaanii pilaaneetii kana badinsa irraa oolchuuf banamedha.
Bara 2016 keessa waan icciitiin qabatee ture kana BBCtti hime. Kaampaaniin isaa GFB jedhamu keemikaala Leeviilinik asiid jedhamu oomisha. Keemikaalli kun Ministeraa Aannisaa Ameerikaatiin molokiyuulota murteessoo 12 adunyaan kun akka magariisa taatuuf gargaaran keessaa tokko tahuu adda baafame.
Ministeerichi ''keemikaalonni "building block chemicals" jedhaman wal nyaatinsa keemikaalaa ykn baayoloojikaalaan sukkaara irraa oomishamu. Sana booda keemikaalota ykn wantoota gatii guddaa qabanitti jijjiiramu jedhe.
Keemikaala boba'aa bakka bu'u
Leevulinik asiidiin karaa adeemsa baayoomaasii marga ykn qoraan irraa oomishamuun indaastirii pilaastikaa, keemikaalota bulbulaman, boba'aa fi warshaa qoricha oomishu keessatti hojiirra oolfamu.
Waan hunda caalaa ammoo boba'aa bakka bu'uuf fayyadu.
''Kaarbon daayioksaayidii xiqqeessuf oola. Asiidiin kun humna guddaa qaba. Boba'aa bakka bu'uufis ni oola.'' jedhe Filaaminiin.
Danqaa kaampaaniin isaa mudatee fi furuuf irratti hojjechaa jiru ammoo gatii oomisha asiidii kanaa xiqqeessuu akka tahe hime.
Bara 2017 keessa waggaa tokkotti hanga toonii 10,000 oomishuu irra gahee ture. Yeroo sanayyuu kaampaanii adunyaa irraa yeroo jalqabaaf hanga kana oomishuu jalqabe taheera.
Kaampaanicha dhaabuuf doolaara miliyoonota gaafateera. Qorannoo gadi fagoo gaggeessuu fi isa oomishame ammoo yaaluuf waggoota fudhachuu hime.
Kaampaanichi gabaa adunyaarra yeroo sana jiruun gara doolaara biliyoona 20 ol baasa.
Filaaminiin garuu maallaqa kana caalaa ''eegumsi naannoo onneekoo keessa jira. Pilaaneetii kana badinsa irraa oolchuu qabna'' jedhe.
Maqaan kaampaanichaa GFB jedhamu maqaa waayila isaa Giraanaataa fi maqaa isaa Filaaminii irraa moggaafame.
Giraanaataa fi Filaaminiin yeroo inni AC Miilaan gale wal baran. Yaadi kun yeroo sana isaaniif dhufuun kaampaanicha waliin banuuf murteessan.
Yeroon Paaskuwaal Giraanaataa waliin wal baru waa'een jijjiirama qilleensaa akka isa yaadessu natti hime.
Sana booda saayintistoota fi qorattoota waliin mari'achuun kaampaanii kana hundeessine jedhe Filaaminiin.
Oomisha Asiidii Leevuunik sirrii tahe irra gahuuf saayintistoonnii fi injiineroonni waggoota torba tahuuf Yuunvarsiitii Piisaa jedhamu waliin hojjetan jedhe.
Kaampaaniin isaa kun pilaastikoota akka durii osoo hin taane kanneen erga hojiirra oolanii burkutaa'uun baduu danda'an oomisha.
Keemikaalota Kanneen bishaaniin salphaatti bulbulamuu danda'anii fi meeshaalee qulqulleessuuf oolan oomisha.
Boba'aa gubatu xiqqeessuun naannoo faaluu caalaa akka boba'aattis ofuma isaa fayyada.
Boba'aa biqiltoota irraa argamu caalaa keemikaalli kun balfaa adda addaa irraa oomishama.
Leevuunik asiidii kaampaaniin Filaaminii oomishu kun keemikaalota boba'aa adda addaa fayyadaman bakka bu'uun faalama qilleensaa xiqqeesuufis ni oola.
Kaampaanichi hojjettoota dhaabbii 80 ol, akkasumas hojjettoota deddeebanii hojjetanii fi deeggarsa ogummaa kennan 400 ol qaba.
Magaalaa Neepilsi irraa fageenya konkolaataadhaan daqiiqaa 30 caalaa hin deemsifne irratti laabiraatoorii bananiiru.
Milaanii fi Hoolaandi keessaa ammoo waajjira qabu.
Dabalataan Ameerikaa keessaa kaamoaanii Segetis jedhamu biteera. Kaampaaniin kun Ameerikaa keessatti isa keemikaala leevulinik oomishu isa guddaadha.
Adunyaa irratti kaampaanicha babal'isuu fi gabaa adunyaa to'achuuf akka hojjetus dubateera.
"Irra caalaa istiraateejii kaampaanichaa irrattan xiyyeeffadha. Garuu dursa kanan kennu kubba miilaafidha'' jedhe osoo kubba irraa soorama hin bahiin dura.
Taphattoonni kubba miilaa, kubbaan ala fedhii adda addaa qabu. Kan koo dhimma baayookeemikaaliiti. Eeumsa naannoof wantoota gumaachan irratti hojjechuu barbaada jedhe.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












