Ronaaldiinihoo: Dirree kubbaarratti 'Magic' hojjetuun taphataa addunyaan yaadattu

Ronaaldiinihoo Goochoo

Madda suuraa, Getty Images

Jechi Ronaaldiinihoo ibsu yoo jiraate 'Magic' kan jedhudha. Jechi afaan Ingilizii 'Magic' jedhu kun 'Raajii' ykn waan hin danda'amne hojjechuu danda'uu jechuudha.

Jechi kun dirree kubbaa miilaarratti wanta inni uumee hojjechuu danda'uun kan Ronaaldiinihoo ibsudha.

Dirree keessatti yeroo kubbaan miilla isaa jirtu, yeroo ijo nama hundaa dirree keessatti isa daawwachaa jirutti taphataan lammii Biraazil kun waan ni hojjetama jedhee namuu hin yaadne hojjeteera.

Kun ammo taphataa baayyee jaallatamaa isa taasiseera. Namoonni Ronaaldiinihoo gooliiwwan hin lakkoofsiseen ykn waancaawwan inni mo'ateen miti kan isa jaallatan.

Namoonni taphataa ajaa'ibaa kana kan yaadatan waan nama ajaa'ibu hojjetee agarsiisuu isaatiin isa yaadatu; sesseeqaafi kokkolfaa 'fuula ilkaan godhee' yeroo inni dirreerra akka akka 'jabbii xalacoo eegee dhaabee' dirreerra burraaquu caalaatti isa yaadatu.

Sochii inni dirree keessatti taasisu, shibbisni addaa inni agarsiisu, kubbaa inni dhiitu ija namaa duraa kan badu miti.

Waan hin dagatamne akkasii kana hedduu hojjeteera: Biraazilii hanga Faransaay, Xaaliyaanii hanga Ispeenitti wantonni inni agarsiise qalbii namaa keessatti hafaniiru.

Dandeettii addaa kubbaa miilaa qabuufi gammachuu yeroo taphatu agarsiisuun namoota hedduu biratti taphataa kubbaa miilaa qofa miti, bashannansiisaa cimaadha.

Taphataan akka bakkalchaa ife kun eessaa ka'ee kanarra gahe? Tokko tokkoon ilaalla.

Ronaaldiinihoo Goochoo

Madda suuraa, Getty Images

Dhalootaafi ijoollummaa….

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maqaan isaa jalqabaa Ronaaldoo de Asiis More'iroo jedhama.

Mqaan isaa kun Ronaaldoo irraa gara Ronaaldiinihootti fayyuma miti kan jijjiirame. Umurii ijoollummaatiin ilma xiqqaa ta'ee garee biyyaalessaa Biraazilitti makamee yeroo taphachuu eegaletti, maqaa 'gurbaa xiqqaa' jedhuun isa waamu ture.

Yeroonni garee biyyaalessaatti makamuttis, Ronaaldoon inni guddaan garee sana keessa tureera. Kanaaf, adda baafachuuf jecha Ronaaldoo maqaa jedhutti maxxantuu xiqqummaa agarsiisu dabalanii 'Ronaaldiinihoo' jechuun maqaa mason waamuu jalqaban. [Ronaaldoo isa xiqqaa akka jechuuti]. Achumaan maqaa Ronaaldiinihoo Goochoo jedhamuun addunyaarratti beekame.

Bitootessa 21, 1980 Poortoo Alergee, Biraazil keessatti dhalate. Fiixee milkaa'inaa ispoortiirra kan ga'e Ronaaldiinihoon maatii taphattoota kubbaa miilaa gidduutii bahe.

Abbaan isaa Jaa'oo More'iroo taphataa kubbaa miilaa turan. Kubbaan alattis buufata doonii keessatti hojii sibiila suphuu hojjeta ture abbaan Ronaaldiinihoo. Haati isaa Migu'eliinaa de Asiis ammoo duraan gurgurtaa kosmotiksii keessa hojjechaa turtee, boodarra garuu narsii taate.

Aadde Migu'eliinaan ilmishee Ronaaldiinihoon akka taphataa kubbaa miilaa ta'uun abjuun isa agalma ga'uuf humnashee guutuun deeggarti ture.

Obboleessisaa angafti, Roobertoo Asiis ammoo taphataa kubbaa miilaa pirofeeshinaala ta'edha. Kanaaf, Ronaaldiinihoon yeroo dhalatu taphattoota kubbaa miilaan marfamee dhalate.

"Ani maatii yeroo hunda kubbaan miilaa keessaa hin dhibne keessattin dhaladhe," jedha Ronaaldiinihoon.

"Eessumman kiyya, wasiillan kiyya, abbaan kiyya, akkasumas obboleessi kiyya hundisaanii taphattoota kubbaa miilaati. Maatii akkasii keessatti dhalachuukootiin baayyeen isaanirraa baradhe.

Anis sirriitti of kennee caalaa of qaraa deeme," jedhe.

Addatti ammoo abbaasaa yeroo inni umurii wagga 8 ture du'e jireenyasaaf akka fakkeenya qixxee hin qabneetti ilala.

"Yeroo ani baayyee xiqqaa turetti narraa du'ullee, inni anaafi jiruukoo keessatti namoota baayyee barbaachisoo ta'an keessaa tokko ture," jedhe.

"Gorsa jirteenya kiyya keessatti hunda caalaa ana waliin hafe na gorseera. Dirreen alatti: 'Waan gaarii hojjedhu, dhugaa qabadhu, nama qajeelaa ta'i.' Dirreerratti ammo: 'Hanga danda'ametti kubbaa salphaa godhii taphadhu.' Yeroo hunda wanti guddaan ati hojjechuu dandeessu salphaa gootee taphachuudha."

Kan maatiisaarraa barateen alatti, Ronaaldiinihoon seenaa milkaa'ina kubbaa miilaa Biraaziliifi taphattoota addunyaarratti beekaman akka Peelee fi Ronaaldoo hubachuun isaan hordofuun hawwiisaa itti milkaa'e ture.

Imala milkaa'inaa…

Milkaa'ina ajaa'ibaa dinqisiifannaa hedduu umurii dargaggummaan booda, Ronaaldiinihoon miseensa garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Biraazil murteessaa ta'uun bara 2002 Waancaa Addunyaa mo'achuu danda'eera.

Ronaaldiinihoon kilaboota Biraazil, Faransaay, Ispeen, akkasumas Xaaliyaan keessa taphateera.

Waggoota lamaaf ammoo taphataa addunyaa cimaa ta'uun FIFAn filatameera.

Bakka kanarra ga'uun dura garuu kubbaa taphachuu kilba qe'ee itti dhalatee ta'e Gireemi'oo jedhamu keessatti jalqabe. Kilaba ganamaasaa kana keessatti dandeettiifi kennaa ajaa'ibaa inni agarsiise yeroo gabaabaa keessatti akka kilanoota Awurooppaatiin hawwamatu isa taasise.

Ronaaldiinihoon garee kubbaa miilaa ol adeemoo kennaa addaa qaban keessatti saffisaan ture kan guddate. Yeroo umuriin isaa wagga 13 ture tapha tokkorrattti qofa goolii 23 kan lakkoofsise ammoo ajaa'iba imala kubbaa miilaa isaa keessatti yaadatamudha.

Ronaaliinihoon bara 1997 garee ol adeemoo biyyaalessaa Biraazil umurii wagga 17 gadii keessa akka taphatuuf waamame. Gareen kun ammoo Shaampiyoonaa Addunyaa FIFA Waggaa 17 gadii Masiriitti qophaa'e mo'atan. Ronaaliinihoon ammoo taphataa cimaa dorgommichaa ta'uun filatame.

Isaan booda osoo hin turrinidha kan kilba Biraazil keessatti hedduu leellifamu gara Giremi'ootti kan makame. Kun bara ture.

Waggaa itti aanummoo garee biyyaalessaa Biraazil isa guddaa keessa akka taphatuuf waamamee Waancaa Konfedereeshinii Meksiikootti qophaa'erratti jalqabe.

Dorgommicharratti Biraazil lamaffaa yoo baatu, Ronaaldiinihoon taphataa cimaa dorgommichaafi taphataa goolii hedduu lakkoofsise ta'uun Badhaasa Kubbaa Warqee [the Golden Ball Award] mo'ate.

Waltajjii idil-addunyaatti mul'achuu cimsee itti fufuun, bara 2001 ammoo gara Faransaayitti imaluun Paariis Seent-Jerman (PSG)f mallatteesse.

Waggaa tokko booda garee Biraazil taphattoota ciccimoo baayyee qabutti makamuun yeroo jalqabaatiif Waancaa Addunyaarratti hirmaatee injifate.

Ronaadiinihoon goolii tapha nuusa xumuraafi xumuraan Ingiliziifi Jarmanirratti goolii galchuun ture kan akka biyyisaa Biraazil mirgaan galtuuf gargaare.

Bara 2003 ammoo kilaba Ispeen addunyaarratti gurra guddaa qabu Baarseloonaatti makamuun hawii isaa umurii guutuu ta'e galmaa'an ga'ate.

Ronaaldiinihoon Baarseloonaa keessatti lakkoofs 10 uffata. Kun ammoo duraan taphataa beekamaa kilabichaa kan uffatu ture.

Bara 2004 fi 2005 ammoo waggoota lamaaf walitti aansuun Taphataa Cimaa Addunyaa FIFA jedhamuun filatameera.

Bara 2008 Ronaaldiinihoon Baarseloonaa gadhiisee kilaba Xaaliyaanii A. C Miilaanitti makamus garuu dandeettiin gadi bu'aa dhufe. Kana hordofuun wagga dura Taphataa Addunyaa filatamaa kan ture Ronaaldiinihoon Waancaa Addunyaa bara 2010 Afrikaa Kibbaatti qophaa'eef garee Biraazil keessatti hin hammatamiin hafe.

Bara 2011 ammoo gara Biraalitti deebiyuun kilaba Riyoo de Janeerootti argamu Filaamiingootti makamee baruma kilabichi milkaa'inaan xumuruu danda'eera.

Waggaa itti aanu garuu Ranaaldiinihoon shaakalarratti argamuu dhiisuufi ga'umsi isaa hanga irraa barbaadamu ta'uu dhabuu isaatiin miindaan irraa cite gara kontiraanni isaallee addaan cituutti geese.

Waxabajji 2012 ammoo Ronaaldiinihoon kilaba Atileetikoo Minee'iroo jedhamuuf mallatteessee booda dandeettiin isaayyu deebiyee mul'achuu jalqabe. Kana hordofees Waancaa Addunyaa bara 2014 irratti garee biyyaalessaa Biraazilitti deebiyuu danda'ee ture.

Odeeffannoon kun Cochrane Wolves, Goal, akkasumas Black Biogray irraa kan qindaa'edha.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.