Qaroo dhabuutii hanga Piriimer Liigii keessatti ifuutti

Yoonee Wiisaa

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo umuriin isaa wagga torba guutu karra eegaa tahuun tapha kubba miilaa jalqabe. Kilaba naannoo dhaloota isaa DR Koongoo, Epinaay Soos Seenaarti jedhamu keessatti kubba taphachuu eegalee booda miilaafi gurra fageeffate. Karra eeguurraas gara sarara gidduurra taphachuuttis ce'e.

Kan haasa'aa jirru waa'ee taphataa sarara duraa Bireentifoord gahumsa gaarii irra jiru Yoonee Wiisaati.

Akkuma dandeettiin isaa dabalaa dhufeen sarara duraa, akkasumas sarara duraa gara cinaa lamaanitti bahee akka taphatuuf carraan kennameeraaf.

Ijoollummaan kileboota Faransaay kan akka Chatarooks, Angers, Laavaalii fi Ajaasiyoo jedhamniif taphateera.

Kaan dandeettii isaa arganii itti fayyadamaniiru. Kaan ammoo carraa gahaa osoo hin kenniiniif hafan.

Haleellaa asiidiin qaroo dhabuu

Wiisaan imala jireenya isaa jijjiiru jalqabee ture. Kileba Faransaay Looreentirraa gara Bireentifoorditti makamuuf waliigaltee xumureera.

Taphoota 100 Loorentiif taphatee galchii 36 fi kubba galchii tahan ammoo gara 17 mijeessee kenneera.

Kun ija kileboota hedduu keessa galus taphataa internaashinaalaa DR Koongoo kana Bireentifoord harka galfachuuf yeroo jijjiirraa taphattootaa ji'a Amajjiirraa jalqabuun dhama'aa turan.

Bireentifoordi taphataa kanaaf gara Paawondii miliyoona 8.5 kaffaleera. Guyyaa tokko dubartiin tokko naaf mallatteessi dinqisiifattuu keeti ittiin jechuun gara mana isaatti isa bira deemte.

Gara galgalaas deebitee dhaquun fuula Yoone Wiisaatti asiidii naqxe.

Asiidii isheen itti facaaste ammoo ija isaatti nam'e. Taphataan kun maatii qaba. Gara Piriimer Liigii Ingiliz deemuuf sooo gammachuu irra jiru agartuu isaa dhabuuf fiixeerra gahe.

Kana irraa kan ka'e osoo yeroodhaan gara Bireentifoord hin deemiin ture. Shaakala yeroo gannaa kilebichi taasisu irrattis argamuu hin dandeenye.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubartiin kun mucaa Yoonee Wiisaa jalaa hattee fudhachuuf jecha yakka kana akka isa irratti raawwate gabaasaaleen himaniiru.

Dubartiin yeruma sana to'atamtee himanni irratti baname sun daa'ima dubartii biraas ukkaamsitee fudhachuuf yaaltee akka turte ragaaleen biroo irratti dhiyaataa turan.

Dubartiin bara 2021 mucaa Yoonee Wiisaa butuuf jecha isatti ammoo asiidii naqxee mana murtiitti dhiyaachuun erga qoratamaa turtee hidhaan adabamuu ishee AFP gabaaseera.

Yakka Wiisaa irratti hojjettee fi daa'ima isaa butuuf yaalii taasifteen yakkamtuu jedhamtee hidhaa wagga 18 irratti murtaa'e.

Wiisaan haleellaa asiidii sun jireenya koo keessatti godaannisa hin badne kaa'ee darbe jechuun yaadta.

''Ergasii namoota duraan hin beekne waliin hin dhaabbadhu. Jaalalan deeggartoota keenyaaf qabu akkan itti ibsu hin beeku. Garuu yeroon deemu yeroo hundumaayyuu duubakoo ilaalaan deema ture.

Halkan halkan ammoo yoon qofaa koo tahe hirriba gaarii hin rafu. Al takka takka fuulli kee maal taheeti jedhanii ijoolleen koo na gaafatu. Waan narra gahe amma isaanitti himuuf ammoo umuriin isaanii hin geenye.

Tajaajila baqaqsanii wallaanuun akka naaf taasifamuuf carraa isaa argadheen ture. Garuu nan dide. Kunis qaamuma imala jireenya koo keessaa tokko waan taheef jedheen dhiise jechuun waan isarra gahe ibsa.

Wiisaan ija isaarra tajaajila baqaqsanii yaaluu taasifachuun deebisee agartuu isaa argate.

Hakiimonni halkaniif guyyaa daqiiqaa gabaabduu keessatti ija isaa dhiquun akka dhiibbaan asiidichaa agartuu isaa hin balleesine taasisan.

Anaa fi haati warraakoo ogeessa xiin-sammuu biras deemaa turre kan jedhu Wiisaan isheenis erga balaan kun narra gahee dhibee xiin-sammuu hamaaf saaxilamtee ture jedhe.

Garuu maaliif waan akkanaa narra gahe? Maaliif ana irratti xiyyeeffatan? Jedheen of gaafadha jedhe.

Bireentifoordi taphattoota jajjaboo akka Ivaan Toonii, Wiisaa fa'a qabachuun erga shaampiyoonshiippii irraa gara Piriimer Liigiitti guddatanii dorgomtoota cimoo tahaniru.

Toomaas Firaanki leenjisaa lammii Deenmaarki taphattoota ol adeemoof carraa kennuun beekamu.

Wiisaan erga balaa asiidii irraa oolee booda maatiinkoo natti boonuu qabu jechuun biyya isaa DR Koongoofis taphateera.

Dhalatee kan guddate Faransaay keessatti yoo tahu hiddi dhaloota maatii isaa ammoo DR Koongoodha.

Haa tahu malee, maatiin isaa deebi'ee biyya dhaloota isaaniif taphata jedhanii hin eegne ture.

''Yeroon DR Koongoof taphachuuf murteessu harmeenkoo miira keessa galuun boosse. Hedduu natti boonte.''

DR Koongoof galchiiwan murteessoo tahanis lakkoofsisaa ture. Wiisaan Bireentifordi keessattis taphataa seenaa hojjetedha.

Ivaan Tooniin osoo gara Sawud Arabiyaatti hin imaliin dura galchii 36 lakkoofsiseefii ture. Wiisaan rikardii Tonii kana cabseera.

Kun seenaa Piriimer Ligii dhiyoo keessatti kan kilebichi galmeesse keessaati.

Yoonee Wiisaa haadha warraa isaa Kaahinaa Wiisaa jedhamtu waliin wal fuudhanii ijoollee godhataniiru.

Garuu jireenya isaanii iciitiin qabachuun beekamu. Waa'ee jireenya, jaallaa fi seen-duubee maatii isaanii uummataaf qooduu hin jaalatana jedhama.