Bara taphattoonni kaan dadhabanitti taphataa Afrikaa abdii Yunaayitid ta'e

Amad Diyaaloo

Madda suuraa, Getty Images

Amajjii 2022 seenaan taphataa Afrikaa kun olka'ee mul'ate. Battala Amad Diyaaloo kilaba Reenjersiif goolii galchu taphattoonni garee isaa akkaan isa raajeffatan.

Yeros umriinsaa waggaa 19 kan ture taphataan Ayivorii Koost kun kilabichaaf tapha jalqabaa taphaterratti daqiiqaa shan keessatti goolii galchuun qalbii namootaa hawwate.

Obboleessa isaan ijoollummaan Xaaliyaanii kan gale Amaad Diyaaloo akka dandeettii kubba miilaa qabu umurii isaa waggaa 10 osoo hin guutiin argame.

Obboleessa isaa amma kileba Faransaay Ogziyeer [Auxierre] jedhamuuf taphatu Hamed Juuner Tiraaworee waliin Xaaliyaaniitti guddatan.

Garuu obbolaa lamaan namoota seeraan ala namoota daddabarsaniin Xaaliyaanii geefamuu hin hafne jedhama. Kun Federeshinii Kubba Miilaa Xaaliyaaniittis beeksifamee ture.

Maatiin isaan guddisan abbaa fi haadha isaanii dhugaa miti jedhama. Kanaaf Amaad maqaa abbaa isaallee hidhannoo ispoortii isaa irratti hin barreessu jedhama.

Taphataan kun paawondii miiliyoona 19'n Atlaantaa irraa gara Old Tiraaford akka dhufe gareen kilaba Iskootlaand kun quba qabu turan.

Ji'oota ja'aaf kilaba Iskootlaand keessa tureera, kana keessatti taphattoonni gareesaa dandeettii, saffisa, akkaataa itti kubbaa milaammilchuu fi luka lamaan bareechee akka taphatu sirriitti hubatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo sana miseensa garee Reenjersi kan ture Iskoot Arfiild ''gurbaa cimaan tokko akka mallatteessee fi kunis kilabichaaf hagam akka murteessaa ta'e yeroo namoonni odeessan nan yaadadha,'' jedhe.

Taphataan miseensa Reenjersi ture kan biraan Rayaan Jaak ''dirreetti wayita inni shaakala hojjetu yoo argitu Jeemsi Madiisan waliin walfakkaatu,'' jechuun Amad Diyaaloo ibse.

Miseensi Reenjersi biraan amma sooroma ba'ee jiru Istiivan Deeviis ''Amadiin akkanumaan ilaaltee dandeettii addaa akka qabu ni hubatta. Sadarkaa olaanaatti ce'uusaa hubatta. Kubbaa oofuu, xumuruu fi kubbaa gaggabaabaa taphachuun dandeettiinsaa adda. Akkaataan itti kubbaa gara gooliitti dhiitus akkasuma,'' jedhe.

''Inni guddaa hin turre. Garuu sammuunsaa cimaadha. Gubbaa dura dhaabbachuutti akkaan cimaadha. Kanatti taphasaa jalqabaarratti daqiiqaa shan keessatti goolii galche.''

Kun seenaa wayita Amad Diyaaloo Reenjersi turettidha.

Taphataan kun yeroo ammaa Old Tiraaforditti nama abdiin irra kaa'amee jirudha.

Haatirikiin yeroo dhihoo kilabichaa kan Amad Diyaaloo Saawuzhampitan irratti galchedha.

Daqiiqaa 89ffaarratti Liivarpuul irratti goolii galchuun kilabnicaa [Maanchistar Yunaayitid] akka qabxii qooddatu gumaacheera.

Daqiiqaa 90ffaarratti Maanchistar Siitii irratti goolii galchuun Itihaad irratti kilabasaa kabaja itti horeera.

Bara dorgommii darbe tapha waancaa FA Liivarpuul waliin morkatan irratti daqiiqaa 120ffaarratti kilabasaaf goolii galchuun 4 fi 3n akka mo'atan gumaacha guddaa taasise.

Isa dura ammoo Sanderlaandiif ergisaan kennamee goolii 14 galcheera.

Sana dura kilaba Reenjersiif magaalaa Dingwall keessatti daawwattoota 6,500 hin caalle duratti jalqabe, jalqabbii jibbisiisaa ture.

Tapha Ross kaawuntii booda raawwii ajaayibaa agarsiise irratti viidiyoo gabaabaa Instagram isaarratti maxxansee ture.

Yeroo sana taphataan kun ijoollee tattaphattuu wayii fakkaata, akkasuma tures.

Amad Diyaaloo Ross Kaawuntiitti erga goolii galchee booda Iskoot Arfiild waliin wayita gammachuusaa ibsu

Madda suuraa, SNS

Ibsa waa'ee suuraa, Amad Diyaaloo Ross Kaawuntiitti erga goolii galchee booda Iskoot Arfiild waliin wayita gammachuusaa ibsu

Wayita Amad Diyaaloo Gilaasgoo turetti Reenjersi taphoota 29 gaggeesse, kana keessaa Amad 13 irratti hirmaate.

Ja'a jalqabarraa ka'ee taphate. Taphasaa lammataa dirreen alatti Seltik waliin taphate.

Galgalli sun Anji Postekoogiluuf galgala addaa ture. Boqonnaa dura goolii 3-0 dhaan dursaa turan, milkaa'ina as deemu dhandhamuufis ariifataa turan.

Tapha booda taphattoonni gara waa'ee ispoortii odeessuutti darban Amad Diyaaloo adamsuu eegalan, ni arrabsu.

Taphataan kun boqonnaa booda hin taphanne. Old Firm irratti boqonnaa dura mo'amuu mirkaneeffachuun dirree kubbaa miilaa sana keessatti naasuu fi rifaatuu guddaa ture.

Miirri hammeenyaa hamilee keessatti ajjeesee baayyee isa rifaasise.

''Halkan sana akkaataa taphasaarratti yaadota hedduutu kennaman. Qeeqi irratti ka'u hundi garuu sirrii miti. Gilaasgootti uummata kana hunda duratti baatee yoo raawwii gaarii hin agarsiifne addunyaarratti hiree badaatu si mudata,'' jedhe Deeviis.

Amad Diyaaloo haala qabatamaa carraan irraa fagaate kana keessatti dhufuunsaa bitaa akka itti gale dubbata Arfiild.

''Mo'amuu keenyaaf isa qofa komachuun sirrii natti hin fakkaatu. Akka gareetti akkaan irraa fagaannee turre, hundi keenya. Inni garuu addatti qeeqame.''

Qeequmsi hammaanaan Amad Diyaaloo hifatee duubatti jedhe.

Fuula Instagram isaarratti sanyummaan qoollifatamuu fi sababa harmee isaa arrabsamuu barreesse.

Amad arrabsoo fi qoollifannaan isarratti raawwate qaama kamiin yookiin maddisaa eessa akka ta'e hin ibsine.

Dirree kubbaa miillaa yookiin onlaayinii arrabsamuu adda baasee hin ibsine, garuu yeroo gaddisiisaa fi jibbisiisaa akka ture hime.

''Akka nama Muslima ta'e tokkootti an guddinni kiyya adda ture. Nama hunda kabajuu akkan qabu barataan guddadhe,'' jedhee barreesse.

Amad Diyaaloo waancaa Iskootlaand 2022 irratti tapha isa xumuraa irratti daqiiqaa 62ffaarratti jijjiiramee gale

Madda suuraa, SNS

Ibsa waa'ee suuraa, Amad Diyaaloo waancaa Iskootlaand 2022 irratti tapha isa xumuraa irratti daqiiqaa 62ffaarratti jijjiiramee gale

Yeroo Amad Diyaaloo Reenjersi turetti kilabichi dorgommii Yurooppaa Liigii keessa olii fi gadi gulufaa ture.

Borusshiyaa Dortimond, Red Star Belgrade, RB Leipzig, fi Eintract Frankfurt waliin morkataa dhufee dhumarratti rukttaa adabbiitiin injifatame.

Adeemsa kana hunda keessatti kilabichi Amad Diyaalooliitti hin fayyadamne.

Garuu teessoo jijjiirraarra ture.

Amad taphoota isaa gara dhumaarratti goolii hedduu lakkoofsiseera.

Tapha waancaa Iskootlaand isa xumuraa irratti kilaba Hearts mo'achuun waancaa fudhatee isa booda gara Maanchester deebi'e.

Kilaba Ingilaand keessattis taphataa umrii xiqqaa dandeettii addaa agarsiisuun qalbii namootaa hawwate ta'e.

Amad yeroo jalqabaaf bara dorgommii lama keessatti Maanchistar Yunaayitidiif hiriiree kan taphate Muddee 30, 2023 ture.

Tapha Notiinghaam Foorastiin goolii 2-1n mo'atan irratti jijjiiramee gale.

Tapha nuusa xumuraa waancaa FA kan bara dorgommii 2023/24 irratti gooliisaa jalqabaa Liivarpuul irratti galche.

Tapha Guraandhala 17, 2024 taphatame sana Maanchistar Yunaayitid goolii 4-3n Liivarpuuliin injifate.

Amad Diyaaloo kaardii keelloo lama argate, goolii galchee qomee ofirraa baasee gammachuu waan ibsateef dirree keessaa gaggeeffame.

Taphataan kun goolii Piriimer Liigii isaa jalqabaa kan galche Caamsaa 15 yoo ta'u, innis goolii mo'isaa Niwukasil irratti lakkoofsisedha.

Tapha sana Maanchistar Yunaatid goolii 3-2n mo'ate.

Leenjisaan duraanii Maanchistar Yunaayitid Erik Ten Haag ari'amuu booda Amad Diyaaloo taphachuuf carraa guutuu argate.

Jalqaba leenjisaa yeroof ture Ruud Vaan Nistirooy jalatti, ergasii ammoo leenjisaa yeroo ammaa Ruben Amoorim jalatti.

Leenjisaa Ruud Vaan Nistirooy jalatti Amad dorgommii Yurooppaa Liigiin tapha PAOK waliin taphatan irratti goolii galche.

Tapha sana Maanchistar Yunaayitid goolii 2-0 dhaan PAOK mo'ate.

Sadaasa 24, 2024 tapha jalqabaa Ruben Amoorim jalatti Amad Diyaaloo tapha Ipswich waliin taphatan irratti warra jalqabarraa taphicha eegalan keessaa tokko ture.

Goolii Maarkas Raashford galche kan mijeessee kenneef Amad Diyaaloo ture.

Muddee 15 ammoo tapha Maanchistar Siitii waliin taphatan irratti jifataa gidduu ta'uu gale.

Goolii kilabnisaa ittiin mo'ate isatu lakkoofsise.

Amajjii 5, 2025 Liivarpuul irratti goolii galchuun kilabnisaa Anfiildirraa qabxii qooddatee akka ba'u taasiseera.

Amad Diyaaloo Amajjii 09, 2025 kontiraata hanga bara 2030 ture Yunaayitid waliin mallatteesseera.

Taphataan kun Amajjii 12 taphasaa 50ffaa Yunaayitidiif hiriiree kan taphate, dorgommii waancaa FA marsaa sadaffaa Arsenaal waliin taphatan irratti jijjiiramee galeeti.

Taphni sun goolii 1-1 xumuramus, dhumarratti rukurraa adabbiin Maanchistar Yunaayitid injifatee darbe.

Amad Diyaaloo rukuttaa adabbii Arsenaal irratti lakkoofsiseera.

Taphataan kun Amajjii 16, 2025 seenaa hojjete. Saawuzhampitan goolii 1 fi 0 dhaan osoo Yunaayitidiin dursaa jiruu Amad Diyaaloo goolii sadi galchuun injifannoo guddaa kilabasaa gonfachiise.

Erga Kiristaanoo Roonaaldoo bara 2022 Norwich Siitii irratti hatirikii hojjete taphataa yeroo jalqabaaf Yunaayitidiif hatirikii hojjete ta'eera Amad.

Adoolessa 11, bara 2002 kan dhalate taphataan Ayivorii Koost kun bara taphattoonni Awurooppaa Maanchistar Yunaayitidiin kufaatii jalaa baraaruu dadhabanitti abdiin irratti gatameera.

Kilabni Piriimer Liigii keessatti seenaa guddaa qabu kun yeroo ammaa taphattoota isaaf bakka guddaa kennee jiraachuu baatus, Amad Diyaaloo garuu dhabuu hin barbaadu.

Taphataan kun yeroo ammaa taphattoota warra jalqabarraa kaasanii taphatan fi akkaan abdataman keessaa adda dureedha.

Sarara Diimaa

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.