'Hangan Raashfoordiin taphachiisu karra eegaa ganna 63 taphachiisuu naaf wayya'

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan maanchister Yuunaayitid Ruben Amoorim hangan Raashfoordiin taa'umsa jijjiirraa irra kaa'u, karra eegaa jaarsa waggaa 63 taa'umsa jijjiirraa keessatti qabachuu naaf wayya jedhe.
Kunis sababa gahumsa isaatti deebi'uuf tattaaffii gochaa hin jirreef jedhe.
Torbanoota jahan darban keessa Maarkas Raashfoordi taphachuu dhiisiitii taa'umsa jijjiirraa irrayyuu hin teenye.
Tapha Fuulhaamiin 1-0'n injifatan irrattis Ruuben Amoorim Raashfoordiin hin waamne.
Yeroo jijjiirraa taphattootaa Amajjii kanatti Raashfoordi gara Baarseloonaa ykn Boorushiyaa Doortimondi deema jedhamee dubbatamaa jira.
Garuu ammatti hireen isaa maal taha kan jedhu hin baramne.
Amooriim garee isaaf waan danda'u hunda taasisuuf qophii miti jechuun Raashfoordiin ceepha'e.
''Yeroo hundayyuu sababni inni hin taphanneef tokkodha. Shaakala irratti cimsee hin hojjetu. Ani taphataa kubba miilaa tokko kanin ilaalu yeroo hundumaayyuu, waan xixiqqoofis tahu xiyyeeffannoo kennuun hojjechuutiinidha,'' jedhe Amooriim.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Yoo haalli inni amma itti jiru hin jijjiiramne anis yaadakoo hin jijjiiru. Taphataa hundumaafis kun ejjennookooti. Taphataa waan sirrii hojjeteefi jabaatee hojjete hundaa ni fayyadamna.''
''Taa'umsa jijjiirraa keenya ilaali. Taphataa jabaa tapha jijjiiru hedduu hin qabnu. Akkasis tahee garuu hangan taphataa gahumsa hin qabne taphachiisu leenjisaa karra eegaa Maan Yuunaayitid kan ganna 63 tahe, Jorge Vitaal taphachiisuu naaf wayya.''
Akka maddeen Raashfoorditti dhiyoo tahan jedhanitti taphatichi leenjisaa isaa Amooriim waliin wal dhabdee homaa hin qaban. Deebi'ee kilebichaaf taphachuufis fedhii akka qabu hime.
Carraa inni gara AC Miilaan deemuuf qabus dhumeera. Miilaan taphataa lammii Ingilizii tokko qofa ji'a jijjiirraa kanatti mallattesisuun eeyyamamaaf waan taheef.
Gara Baarseloonaa deemuuf ammoo kilebichi taphattoota qabu hedduu isaanii gurguruu ykn ergisaanis tahu baasuu qaba. Kunis ammatti hin taane.
Karra eegaan duraanii Niwkaastil Sheey Giiven deeggartoonni gowwaa miti. Taphattoonni Maanchister Yuunaayitid hedduu akka gahumsa hin qabne arganiiru. Waan Amoorim jechaa jiru dhugaa tahuu beeku jedhe.
''Kaka'umsa guddaadhaan hojjettee leenjisaakeetti agarsiisuun bakki naaf malu naa kennamuu qaba jechuu qabda jedhe Sheey Giiven.
'Waggaa 40 miti....50 tahaa jira'
Amooriim falaasama taphaa hordofuun Maanchister Yuunaayitid keessatti qabxii argachuuf rakkataa jira.
Taphni Dilbata Fuulhaam waliin taasisan hanga Liisaandiroo Maartinez lakkoofsisutti galchii malee xumuramuuf ture.
Erga Amooriim leenjisaa maan Yuunaayitid tahee as tapha Piriimer Liigii arfaffaa mo'atanidha.
Amoorim Wiixata har'aa kana waggaa 40ffaa isaa kaba1jata. Garuu akkas jedhee waa'ee umurii isaa baace.
''Lakki 40 miti....amma nama waggaa 50 taheera,'' jedhe. Ji'a lama keessatti umuriikoo waggaa 10 dabale erga Maanchister dhufee jechuun dhiibbaa kilebicha keessaa hammam ulfaataa akka tahe ibse.
''Ji'uma lama Maanchister keessa tureen umuriikoo 50 guute....garuu waggaa 40ffaakoo asitti kabajachuun anaaf kabajaa guddaadha'' jedhe.
Leenjisaan Maanchister Yuunaayitid kun leenjisaa dargaggeessa Piriimer Liigii keessa jiran keessaa tokko.
Har'a tapha gaarii hin taphanne. Garuu mo'anneerra. Qabxii sadii argachuun keenya akka gareen keenya fooyya'aa adeemuuf nu gargaara jedhe.
Jijjiirraa taphattootaa ilaalchisee Alehaandaroo Gaanaachoo kilebicha keessaa bahuu akka malus akeekeera.
Maan Yuunaayitid maallaqa isa barbaachisu argachuuf jecha Cheelsiitti gurguruu mala. Gaanaachoon waan hundumaan of fooyyessaa jira.
Bakka isaaf mijatu ammayyuu kennuufiif yaalaan jira. Dandeettii guddaa taphataa qabudhas jedhe.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












